1 Reyes 15
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mootii Yihuda'aa Abiiyaa
1Ilmi Nebaatii Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. 2Mootichi Abiiyaan Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Abiishaalomii ti. 3Mootichi Abiiyaan cubbuu abbaan isaa dur huje mara huje; inni akka Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif hin addatanne. 4Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa Daawitiif jedhee, qachaa Yerusaalemii jabeessee, ilma isaan duuba barcumaa mootummaa isaa irra tee'u, Abiiya'aaf kenniisaan akka issa'aatitti addii isaaf kenne muummesse. 5Daawiti cubbuu Uriiyaa Heeticha irratti huje malee, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e hujeera; bara jiruu ifii mara ajaja Mootii Waan Maraa eegateera. 6Bara jiruu Abiiya'aa mara Rehobiyaamii fi Yerobi'aam wodhakkaa lolli jiraayyu. 7Wonni dhibiin ta mootichi Abiiyaan huje marti, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wol lolaa turane.
8Abiiyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti, abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Aasaan mootii te'e.
Mootii Yihuda'aa Aasaa
9Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, Aasaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. 10Inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtamii tokko bulche; maqaan akkoo isaa Ma'aka'a; isiin intala Abiishaalomii ti. 11Aasaan akkuma Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. 12Mootichi Aasaan addee dhiirti itti wol bukkoonsitu lafa san keessaa balleesse; waaqota dharaa ka abbootiin isaa hujjelle mara balleesse. 13Akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedroonii keessatti gube. 14Aasaan addee waaqonfanna'aa mara balleessuu dhabulle, haga bara jiruu ifii mara, Mootii Waan Maraatiif addatameera. 15Inni meya adda addaa ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf woyyoonse, meeti'ii fi worqii mara fidee, Galma Waaqaa keessa keye.
16Mootiin Yihuda'aa Aasaanii fi mootiin Israa'elii Baa'ishaan, bara mootummaa isaanii mara wol lolaa turane. 17Mootiin Israa'elii Baa'ishaan biyya Yihuda'aa lolee, eennulle gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane, qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaare. 18Maarre mootichi Aasaan, meeti'ii fi worqii Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa keessatti hatte mara fuudhee, qondaaltota ifiititti kennee, gara mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaadii ilma Xaabriimoonii, akaakoo Heziyoonii ka qachaa Damaasqo'oo keessa jiruu ergee, 19«Akkuma abbaan kiyyaa fi abbaan keeti wolii galtee godhatane, anii fi atille wolii galtee godhannuu ti. Kunoo ani kennansa meeti'iitii fi worqi'ii si'iif ergeera; amma mootichi Israa'elii Baa'ishaan, akka na irraa deebi'u, wolii galtee isa woliin godhatte san diigi» jedhe.
20Mootichi Ben-Hadaad mooticha Aasaan woliin wolii galee, ajajjoota loltootaa gara qachoota Israa'elii akka duulanu godhe; isaanille Iiyon, Daan, Abeel-bet-ma'akaa, Kenerootii fi Niftaalemille mara qabatane.
21Mootichi Israa'elii Baa'ishaan tana yennaa dhage'e, qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu lakkisee, gara qachaa Tiirza'aa deebi'e.
22Achiin duuba mootichi Aasaan, namoota biyya Yihuda'aa maratti lassii dabarse; isaan keessaa nami tokkolle adoo hin hafin dhufanee, dhaka'aa fi muka mootichi Baa'ishaan qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsisaa ture san fuudhanee deemane. Mootichi Aasaan dhaka'aa fi muka saniin, lafa Beniyaamin keessatti qachaa Geba'aatii fi Miispha'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsise.
23Wonni dhibiin ta mootichi Aasaan huje marti, milkayiis isaatii fi qachaan inni ijaarsise, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Inni yennaa dulloome ammoo, dhukkuba miilaatiin qabame. 24Aasaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Yoshaafaax addee isaatitti mootii te'e.
Mootii Israa'elii Naadaab
25Mootichi Aasaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Naadaab mootii Israa'el te'ee, woggaa lama bulche. 26Inni akkuma abbaa ifii, fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhe.
27Naadaabii fi Israa'elooti marti qachaa Filisxeemotaa Giibetoon marsanee adoo jiranuu, gosa Yisaakorii keessaa ilmi Ahiiya'aa Baa'ishaan, Naadaab irratti mala dhowee, isa ijjeese. 28Maarre Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, Baa'ishaan Naadaab ijjeesee, addee isaatitti mootii Israa'elii te'e. 29Inni akkuma mootii te'een, maatii Yerobi'aamii mara ijjeesee fixe; akkuma Mootiin Waan Maraa karaa tajaajilaa ifii, raagicha Ahiiyaa nama qachaa Shiilo'ootiin dubbate, inni maatii Yerobi'aamii tokkolle adoo hin hamburin mara isaanii fixe. 30Tunille sababa Yerobi'aam cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii aarseef teete.
31Wonni dhibiin ta mootichi Naadaab huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 32Mootiin Yihuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Baa'ishaan bara mootummaa ifii mara wol lolaa turane.
Mootii Israa'elii Baa'ishaa
33Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa sadeesso'ootitti ilmi Ahiiya'aa Baa'ishaan, qachaa Tiirza'aa keessatti mootii te'ee, woggaa diddamii afur bulche. 34Baa'ishaan akkuma Yerobi'aamii, fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhe.

¿Sabías que…?
Reyes de Judá e Israel
- Asa, el tercer rey de Judá, reinó cuarenta y un años en Jerusalén y llevó a cabo importantes reformas religiosas. Eliminó los ídolos paganos del país y destituyó a su abuela Maaca de su posición de reina madre porque había hecho una imagen idolátrica de Asera, la cual Asa cortó y quemó en el valle de Cedrón.Fuentes: el propio texto bíblico · Asa · Kidron
- Para contrarrestar a Baasa de Israel, que estaba fortificando Ramá para bloquear a Judá, el rey Asa envió oro y plata del templo y del palacio a Ben-hadad, rey de Siria en Damasco. Cuando Ben-hadad atacó el norte de Israel, Baasa se retiró a Tirsa, lo que permitió a los hombres de Asa desmantelar Ramá y utilizar sus piedras y maderas para fortificar Geba y Mizpa.Fuentes: el propio texto bíblico · Baasha · Ben-hadad · Ramah
- Tras reinar solo dos años, Nadab, hijo de Jeroboam, fue asesinado durante el asedio a Gibetón por Baasa, de la tribu de Isacar. Al tomar el trono, Baasa exterminó a toda la familia de Jeroboam, cumpliendo la profecía anunciada por Ahías el silonita.Fuentes: el propio texto bíblico · Nadab · Baasha
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 4, 10
- City of David · 31.774, 35.236 · versículos 8, 24
- Kidron · Hoy: Kidron River · 31.780, 35.240 · versículo 13
- Damascus · 33.511, 36.306 · versículo 18
- Syria · Hoy: Aram · 33.511, 36.306 · versículo 18
- Dan · Hoy: Tel Dan · 33.249, 35.652 · versículo 20
- Shiloh · Hoy: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · versículo 29
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org