Nations Bible

1 Corintios 3

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Gargar Bayiisa Wolde'a kiristaanaa Keessatti Ka'e

1Obboleeyyan tiyya, ani yennaa isin barsiise akka worra yaada foonii gula deemuutii fi Kiristoosiin daa'immaaniititti malee, akka ayyaantole'eetittii moti. 2Isin sagalee jadduu nyaatiisa waan hin geyiniif, aanan isin areere malee sagalee jajjadduu moti. Ammaan tanalle sagalee jajjadduu nyaatiisa hin geenne. 3Isin haga ammaa akka worra biyya lafaa worra fedhii foonii gula deemu; isin waan wol hinaattanuu fi wol mormitanuuf, worra fedhii foonii gula deemuu motii ree? Akka yaada namaatitti leetanii motii ree? 4Isin keessaa tokko, «Ani ka Phawuloosii ti;» ka dhibiille, «Ani ka Apholoosii ti» yennaa jedhu, isin akka worra biyya lafaa te'uu keessanii motii ree?

5Inni Apholoos eennu? Phawuloosille eennu? Nuuti akka Goottaan hujii ifii nutti kennetti, tajaajiltoota akka isin dhugeeffattanu goone. 6Ani midhaan dhaabe, Apholoos bisaan obaase, ka guddise ammoo Waaqa. 7Tanaaf Waaqa isa guddise malee, ka dhaabe yookiin ka bisaan obaase womaayyuu moti. 8Ka dhaabee fi ka bisaan obaase wol qixa. Namuu akkuma hujii ifiititti gatii ifii fudhata. 9Nuuti tajaajiltoota wolqabannee Waaqaaf hujaarru; isin ficha'aa fi ijaarsa Waaqaa ti.

10Akka badhaadha Waaqi naa kennetti akka nama qaricha mana ijaaru tokkoo ani hundee hundeesse; ka dhibiin hundee ani hundeesse irratti ijaara. Ammoo nami tokko tokkooyyuu achi irratti attam akka ijaaru ifi eegatu qaba. 11Hundee yennaa tokko hundootte malee, eennulle hundee dhibii hundeessiisa hin dande'u. Hundeen tunille Yesuus Kiristoos. 12Nami hundee tana irratti worqi'iin, meeti'iin, dhakaa gatii guddo'ootiin, mukaan, buuyyo'oon yookiin huuraan ka ijaaru yoo jiraate, 13guyyaan mura'aa ka hujiin nama tokko tokkootuu ifatti baatu hin dhufa; guyyaa san hujiin nama tokko tokkootuu ta attamii akka teete ibiddaan haga ilaalantee mudhatti. 14Hujiin namichi mana ijaaru hundee san irratti huje, ibiddaan haga ilaallatantee adoo hin gubatin yoo hatte inni gatii ifii hin fudhata. 15Namichi mana ijaaru ka hujiin isaa gubattee baddu ammoo gatii ifii hin dhaba; teetuu malee inni ifiif akka nama ibidda keessa taree hin gubatin hafuu hin fayya.

16Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu? 17Nami galma Waaqaa yoo diige, Waaqi isa hin diiga. Sababille galmi Waaqaa woyyicha, galmi kunille isinuma.

18Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te'iisaaf akka gowwa'aa ifi laakkowuu ti. 19Qarummaan biyya lafa tanaa fuula Waaqaa duratti gowwumma'a. Kunille Barreeffam Woyyichi, «Waaqi qaroolee qarummaa isaaniitiinuu isaan qaba» jedha; 20Barreeffam Woyyichi dhibiille, «Goottaan yaadi worra qaroolee ka woy hin baane akka te'e hin beeka» jedha. 21Tanaaf wonni marti teessan waan teeteef eennulle namaan ifi hin jajin. 22Maarre Phawuloosille teenaan, Apholoosille teenaan, Pheexroosille teenaan, biyya lafaalle teenaan, jireennalle teenaan, du'alle teenaan, waan ammaalle teenaan, waan hegeriille teenaan wonni duudiin keessan. 23Isin ammoo ka Kiristoosii ti; Kiristoosille ka Waaqaa ti.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Maestros rivales y el campo de Dios

  • Las frases «Yo soy de Pablo» y «Yo soy de Apolos» se refieren a dos maestros que los corintios conocían. Apolos, un judío de Alejandría descrito como elocuente y versado en las Escrituras, fue a Corinto después de que Aquila y Priscila lo instruyeron más a fondo, y sus seguidores se apegaron mucho a él.Fuentes: el propio texto bíblico · Apollos
  • Pablo convierte el trabajo de ambos en una imagen compartida: él plantó la semilla, Apolos la regó, y Dios la hizo crecer. Los llama siervos por medio de los cuales los corintios creyeron, y colaboradores con un mismo propósito, cada uno recompensado según su propio trabajo.Fuentes: el propio texto bíblico · Apollos
  • Una nota biográfica tradicional dice que Apolos estaba con Pablo en Éfeso cuando se escribió esta carta. Pablo sigue hablando de ambos como siervos y dice a los corintios que dejen de gloriarse en los hombres —Pablo, Apolos o Cefas—, porque los corintios pertenecen a Cristo, y Cristo pertenece a Dios.Fuentes: Apollos · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.