Nations Bible

1 Crónicas 28

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Daawiti Galma Waaqaa Ijaariisaaf Qajeelfama Baase

1Mootichi Daawiti qondaaltota kolbaa Israa'elii mara sooressitoota gosaa, ajajjoota kutaa loltootaa, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, itti gaafatantoota qabeenna maraa, itti gaafatantoota loon mootichaatii fi ilmaan isaa, qondaaltota mana mootumma'aatii fi loltoota gootota Yerusaalemitti wolitti waame.

2Achiin duuba mootichi Daawiti ka'ee dhaabatee, «Obboleeyyan tiyya, kolbaa tiyya, na dhage'a'a. Ani mana Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa keessa tee'u, miilli Waaqa keennaa ka keessa ijjatu ijaariisaaf yaadadhee, ijaariisaafille qophii godhadheera. 3Waaqi ammoo anaan, ‹Ati nama woraanaa, ka dhiiga dhangalaaseeru waan teeteef, ati Maqaa kiyyaaf mana hin ijaartu› jedhe. 4Te'uu malee Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, akka ani kolbaa Israa'elii haga bara baraa bulchuuf, maatii abbaa kiyyaa duudii keessaa na fileera. Gosa Yihuda'aa sooressitoota akka te'anuuf, sanyii Yihuda'aa keessalle'ee maatii abbaa kiyyaa filatee, ilmaan abbaa kiyyaa keessalle'ee akka ani kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'uuf natti gammadeera. 5Mootiin Waan Maraa ilmaan hedduu naa kenneera; ilmaan tiyya mara keessalle'ee barcumaa mootumma'aa ka mootummaa Mootii Waan Maraa irra tee'ee, kolbaa Israa'elii mara akka bulchuuf ilma kiyya Solomoon filateera. 6Mootiin Waan Maraa anaan, ‹Ilmi keeti Solomoon ilma kiyya akka naaf te'u, ani abbaa akka isaaf te'u waan filadheef, inni mana kiyyaa fi badhinna mura'aa kiyya naaf hin ijaara. 7Inni akkuma amma godhu kana, ajajaa fi seera kiyya jabeessee yoo eege, ani mootummaa isaa haga bara baraa hin jabeessa› jedhe.

8«Maarre amma ani lafa dansaa tana akka dhaaltanuu fi ijoollee teessaniifille dhaala bara baraa akka gootanuuf, ajaja Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa akka dansaa akka eegattanuuf, kolbaa Israa'elii mara, wolde'a Waaqaa duratti, Waaqa keenna ka nu dhage'uu fi ka nu dhaggu duratti isin ajaja.

9«Atille Solomoon, ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa gadhaa nama maraa qorqoree waan ilaaluuf, yaada namaatii fi karoora namaa waan beekuuf, Waaqa abbaa keetii beekiitii, gadhaa tokkochaa fi qalbii fedhii qadduun isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde, isa hin dhaggita; ati yoo isa lakkitte innille haga bara baraa si hin lakkisa. 10Kunoo, addee woyyittii Galma Waaqaa akka ijaartuuf, Mootiin Waan Maraa si filateera; atille jabaadhuutii hujadhu» jedhe.

11Achiin duuba Daawiti fakkii karoora ijaarsaa ta soroo Galma Waaqaa, ta kutaa badhoo mana keessaa, ta kutaa meya gatii guddo'oo keessa keyanuu, kolloota mana mana irraa, kolloota gara keessaa ta addee araarri cubbuu kolba'aa itti kennamuu ilma ifii Solomoonitti kenne. 12Inni fakkii karoora badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa, kolloota Galma sanitti naanneffamanee ijaaranuu mara, kolloota qabeenna Galma Waaqaatii fi waan Waaqaaf adda baye keessa keyanu akka qalbii isaa keessaa qabutti ilma ifiititti kenne. 13Inni ammalle ramaddii hayyootaatii fi Lewwootaa maan akka hujanu, hujiin tajaajila Galma Mootii Waan Maraa keessaa marti attam akka hujantu, meen achi keessa ittiin hujanu kam akka te'e isatti hime. 14Meya worqii irraa hujamee, hujii adda addaa ittiin hujiisaaf barbaachisuuf, haga worqii isaa, meya meetii irraa hujamee, hujii adda addaa ittiin hujatiisaaf barbaachisuufille haga meetii isaa, 15akkuma tajaajila waan issaan irra keyamuutitti, waan issaa irra keyanu ka worqii irraa hujamee fi issaa isaa ka worqii irraa hujame haga worqii isaa, waan issaan irra keyamu ka meetii irraa hujamee fi issaa isaa ka meetii irraa hujame haga meetii isaa, 16xarapheessaa daabboo Waaqaaf woyyoontu irra keyanu tokko tokkoo isaatiif, haga worqii isaa, xarapheessaa meetii irraa hujamuuf, haga meetii isaa, 17filaa fooniitiif, qori'iif, muduunu'uuf, worqii qulluu; qorii boollitti'iifille tokko tokkoofuu haga worqii isi'ii, qorii meeti'iitiifille tokko tokkoofuu haga meetii isi'ii, 18addee ciinca'aa ta hixaanni irratti aarfamuuf, worqii baqisiifante, akkasuma fakkii karooraa ta ifii garreettaa harkifamu ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka worqii irraa hujamee, koollii isaanii Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa irra gonboobeeru san itti kenne. 19Daawiti, «Karoorri kun martinuu Mootiin Waan Maraa na qajeelchee barreeffame; inni na qarqaaree waan karoora kana keessa jiru mara hubadhe» jedhe.

20Achiin duuba Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Jabaadhu, jajjabaadhuutii huji. Waaqi kiyya, Mootiin Waan Maraa Waaqi si woliin waan jiruuf, hin sodaatin, hin nayinille'e. Haga hujiin Galma Waaqaa tun hobbaatutti inni si hin lakkisu yookiin si hin gatu. 21Kunoo, hayyootii fi Lewwooti hujii Galma Waaqaa maraaf ramadamanee qophowaneeran; worri hujii harkaatiin ogeeyyii te'ane, hujiisaafille fedhii ka qabanu marti si hin qarqaaran. Qondaaltotii fi kolbaan marti waan ati ajajje mara hin fudhatan» jedhe.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

David comisiona a Salomón y entrega los planos del templo

  • David explicó a la asamblea de líderes israelitas en Jerusalén que, aunque deseaba construir un templo para el arca del pacto, Dios se lo prohibió por haber sido un hombre de guerra que había derramado sangre. En su lugar, Dios eligió a su hijo Salomón de entre todos sus hijos para ocupar el trono y edificar el santuario.Fuentes: el propio texto bíblico · David · Solomon
  • David entregó a Salomón planos arquitectónicos detallados para las salas del templo, las divisiones sacerdotales y los utensilios sagrados, indicando los pesos precisos de oro y plata y el modelo del carruaje de los querubines de oro. David afirmó que todos los detalles le fueron aclarados por escrito por la mano del Señor.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 1

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.