1 Crónicas 24
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Hayyootaaf Ramaddiin Huji'ii Kennante
1Sanyiin Aaronii akka kanatti ramadamane. Ilmaan Aaronii: Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar. 2Naadaabii fi Abiihuun ammoo ijoollee adoo hin uumatin, adoo abbaan isaanii hin du'in du'ane; Ele'azaarii fi Itaamaar hayyoota te'anee tajaajilane. 3Qarqaarsa Zaadoqii sanyii Ele'azaariitii fi Ahiimelekii sanyii Itaamaariitiin, akka hujii isaaniititti, Daawiti sanyii Aaronii adda baase. 4Maatii Ele'azaarii keessatti dhiirti sooreyyiin dhiira sooreyyii maatii Itaamaarii keessaa caaltee dhaggantee jennaan, akka asii gadiititti ramadamane: Sooreyyiin maatii Ele'azaarii kudhanii jaa; ta maatii Itaamaarii saddeeti. 5Maatiin Ele'azaariitii fi maatiin Itaamaarii qondaaltota Dunkaanii Woyyitti'iitii fi qondaaltota Waaqaa waan te'aneef, hixaa buusiisaan ramaddiin huji'ii isaaniif kennante.
6Barreessaan Lewwootaa ilmi Nataani'elii Shemaa'iyaan Lewwichi mootichaa fi qondaaltota, hayyicha Zaadoq, ilma Ahiimelekii Abiyaataar, sooreyyii hayyootaatii fi Lewwootaa duratti, maqaa maatii Ele'azaariitii fi maatii Itaamaarii badoo bado'oon akka hixaa isaaniititti barreesse.
7Hixaan qaraa Yehoyaariibiif, ka lammeesso'oo Yedaa'iya'aaf, 8ka sadeesso'oo Haariimiif, ka arfeesso'oo Se'oriimiif, 9ka shaneesso'oo Malkiiyaaf, ka jayeesso'oo Miiyaamiiniif, 10ka torbeesso'oo Haqoziif, ka saddeetesso'oo Abiiyaaf, 11ka sagaleesso'oo Yeshu'aaf, ka kudhaneesso'oo Shekaaniya'aaf, 12ka kudhanii tokkeesso'oo Eliyaashiibiif, ka kudhanii lammeesso'oo Yaaqiimiif, 13ka kudhanii sadeesso'oo Huphaadhaaf, ka kudha arfeesso'oo Yeshebi'aabiif, 14ka kudhanii shaneesso'oo Bilgaaf, ka kudhanii jayeesso'oo Iimeriif, 15ka kudhanii torbeesso'oo Heziiriif, ka kudha saddeetesso'oo Haphiizeziif, 16ka kudhanii sagaleesso'oo Phetaayaaf, ka diddameesso'oo Yihesqeliif, 17ka diddamii tokkeesso'oo Yaakiiniif, ka diddamii lammeesso'oo Gaamuliif, 18ka diddamii sadeesso'oo Delaayaaf, ka diddamii arfeesso'oo Ma'aaziyaaf bu'e.
19Isaan kun akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii isa ajajetti, akka abbaan abbootii isaanii ta durii Aaron tarreessetti, yennaa Galma Mootii Waan Maraa keessa seenanu seerati hujii isaaniif kenname kana.
Lewwootaa Dhibii
20Sanyiin Lewwi'ii dhibiin ta asii gad jirtu: Sanyii Amraamii keessaa Shubaa'el; Sanyii Shubaa'elii keessaa Yedaa'iya'a.
21Sanyii Rehaabiya'aa keessaa angaficha Yishiiya'a. 22Yizhaarota keessaa Shelomoot; sanyii Shelomootii keessaa Yaahaat.
23Ilmaan Kebroonii: Sooressi Yeriiyaa, ka lammeesso'oo Amaariyaa, ka sadeesso'oo Yahaazi'el, ka arfeesso'oo Yeqaamii'aam. 24Ilmi Uzii'elii Miika'a; ilmaan Miikaa keessaa Shaamiir.
25Yishiiyaan obboleessa Miika'aa ti; ilmaan Yishiiyaa keessaa Zakaariyaas.
26Ilmaan Meraarii Maahilii fi Mushi; Benoon ilma Ya'aziiyaa ti. 27Sanyii Meraarii keessaa ilmaan Ya'aziiyaa: Shohaam, Zaakurii fi Ibri. 28Maahil Ele'azaar uumate; Ele'azaar ilmaan hin uumanne. 29Sanyii Qiishii keessaa, ilma Qiishii Yeraami'el. 30Ilmaan Mushii: Maahil, Ederii fi Yeremoot; isaan kun sanyii Lewwootaa worra akka maatii maatii abbootii isaaniititti sooreyyii te'ane. 31Isaanille akkuma fira ifii sanyii Aaronii addee mootichi Daawiti, Zaadoqii fi Ahiimelek, sooressitooti hayyootaatii fi Lewwooti jiranutti, sooreyyiin maati'ii tokko tokkoon isaaniituu gudda'aa haga diqqa'aatitti woluma qixxee hujii hujii ifiititti ramadamiisaaf hixaa buufatane.

¿Sabías que…?
Organización de los sacerdotes y levitas
- Como los dos hijos mayores de Aarón, Nadab y Abiú, murieron sin hijos tras ofrecer fuego no autorizado, solo las líneas de Eleazar e Itamar continuaron el sacerdocio. El rey David organizó a estos descendientes en veinticuatro turnos, dieciséis de Eleazar y ocho de Itamar, para atender el santuario.Fuentes: el propio texto bíblico · Eleazar · Ithamar · Nadab
- Para asegurar la equidad entre ambas ramas sacerdotales, el orden de servicio se determinó por sorteo ante el rey David, Sadoc y Ahimelec. El escriba Semaías, un levita, registró por escrito el nombre de cada familia conforme salía su turno.Fuentes: el propio texto bíblico · Zadok · Ahimelech
- Los clanes levitas restantes, incluidos los descendientes de Coat y Merari, también recibieron sus tareas mediante sorteo. La asignación se llevó a cabo con imparcialidad, tratando por igual a los jefes de familia y a sus hermanos menores.Fuentes: el propio texto bíblico · Merari
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Holy Place · Hoy: on Mount Moriah · 31.778, 35.236 · versículo 5
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org