1 Crónicas 22
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Achiin duuba Daawiti, «Galmi Mootii Waan Maraa ka Waaqaa as hin te'a; addeen kennansa gubamu Israa'el itti dhikeessitulle as hin teeti» jedhe.
Qophii Ijaarsa Galma Waaqaa
2Maarre Daawiti alagaa lafa Israa'elii keessa le'anu mara akka wolitti qabamanu ajaje; worra wolitti qabamane san keessaa ijaarsa Galma Waaqaatiif namoota dhakaa bocanee qopheessanu file. 3Inni sibiila bacaa ka misimaaraa, ka saanqaa karraatii fi ka maaxafa'aa, akkasuma sageettuu bacaa hagana hin jedhanne qopheessee, 4muka hindheensaalle ka laakkossi isaa hagana hin jedhanne, ka worri Xiiroosiitii fi Sidoonii gara isaa fide qopheesse. 5Daawiti, «Ilmi kiyya Solomoon dargaggeessa; muuxannoolle hin qabu; Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramu miidhagaa, gosa biyya adda addaa duralle'etti beekkama'aa fi lafa maratti ka ulfinna qabu te'uu qaba. Tanaaf, ani waan barbaachisu hin qopheessa» jedhe. Maarre Daawiti du'a ifiitiin dura waan ijaarsaaf barbaachisu bacaa qopheesse.
6Achiin duuba ilma ifii Solomoon waamee, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka ijaaru ajaje. 7Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Ilma kiyya, ani maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaatiif Galma ijaariisaaf yaadeeraayyu. 8Ammoo jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, ‹Ati duula bacaa duultee, fuula kiyya duratti lafa irratti dhiiga namoota heddu'uu waan dhangalaatteef, ati maqaa kiyyaaf Galma hin ijaartu. 9Kunoo, ilma nageyaatii fi fooraa si'iif hin kenna. Ani diinota adaala isaa jiranu mara irraa isa hin foorfachiisa. Bara mootummaa isaa keessa ani nageyaa fi foora kolbaa Israa'eliitiif waan kennuuf, maqaan isaa Solomoon hin jedhama. 10Inni maqaa kiyyaaf Galma hin ijaara. Inni ilma naaf hin te'a; anille abbaa isaaf hin te'a; barcumaa mootummaa isaalle Israa'el keessatti haga bara baraa hin jabeessa› jedhe.
11«Amma, ilma kiyya, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Galma isaa akka ijaartuuf akkuma dubbatetti, inni sii muummessuu ti. 12Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti kolbaa Israa'elii irratti yennaa mootii si godhu, akka ajaja isaatitti akka ati isaan bulchituuf, innummaan qarumma'aa fi hubantii si'iif kennuu ti. 13Ati seerata fi seera, Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kolbaa Israa'elii ajaje jabeessitee yoo eegatte, wonni ati hujju marti siif hin teeti. Jabaadhuu, jajjabaadhu. Hin sodaatin; hin nayinille'e. 14Ani ijaarsa Galma Mootii Waan Maraatiif rakkinna gudda'aan worqii kiiloogiraama miliyoonii sadii fi kuma dhibba afurii fi shantama, sageettuu kiiloogiraama kuma soddomii afurii fi dhibba shanii fi sibiila dhibii ka kiiloogiraam isaa hagana hin jedhanne, akkasuma mukaa fi dhakaalle qopheesseera. Atille itti ede'i. 15Ati hojjattoota bacaa: ka dhakaa bocanu, ka dhakaa muranu, ka muka bocanu qadda; akkasuma ogeeyyii hujii gara garaa 16ka hujii worqi'ii, meeti'iitii fi sageettu'uu bacaa qadda. Amma ka'iitii huji! Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti» jedhe.
17Daawiti ammalle sooreyyiin Israa'elii marti ilma isaa Solomoon akka qarqaartu ajajee, 18«Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin jiraa motii ree? Inni karaa maraan isin foorfachiisee motii ree? Inni worra biyya tana keessa le'anu harka kiyyatti dabarsee waan kenneef, isaan Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaatiin bulan. 19Amma gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin Mootii Waan Maraa Waaqa keessan barbaada'a. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi meya tajaajila Waaqaatiif adda baafame mara, gara Galma maqaa ka Mootii Waan Maraatiif ijaaramee fiddanee keessa akka keettanuuf, Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqaa ijaara'a» jedhe.

¿Sabías que…?
Los preparativos de David para el templo
- Aunque David deseaba edificar un templo para Dios, se le indicó que no lo haría porque había derramado mucha sangre y librado grandes guerras. En cambio, Dios prometió que su hijo Salomón —cuyo nombre hebreo significa pacífico— sería un hombre de descanso y edificaría la casa del Señor.Fuentes: el propio texto bíblico · Solomon
- Al reconocer que su hijo Salomón era joven e inexperto, David hizo cuantiosos preparativos antes de su muerte. Reunió a los extranjeros residentes como canteros y acumuló enormes cantidades de hierro, bronce y troncos de cedro traídos por los sidonios y los tirios.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Sidon · Hoy: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · versículo 4
- Tyre · 33.271, 35.196 · versículo 4
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org