1 Crónicas 16
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
1Isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabeef keessa keyane; achiin duuba kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessane. 2Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessee fixeen duuba, maqaa Mootii Waan Maraatiin kolbaa eebbise. 3Inni Israa'eloota tokko tokkoof dhiiraa fi dubarti'iif, xaltaa daabbo'oo tokko tokko, foon gumaa tokko tokko, bixee midhaan woyni'ii tokko tokko hireef.
4Daawiti Lewwoota keessaa worra garii ka Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tajaajilanuu fi ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gaafatanu, ka galateeffatanuu fi leellifatanu file. 5Sooressi isaanii Asaaf, itti aanaan Zakaariyaas; worri maseenqo'oo fi kiraara guddicha dhowanu Yeyi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el; Asaaf sibiila wolitti dhowee qilillisiisa. 6Hayyooti Benaayaanii fi Yahaazi'el yennaa mara, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan.
Faaruu Daawitii Ta Galataa
7Guyyaa san faaruun galataa ta Mootii Waan Maraa ta Daawiti qara Lewwootii fi Asaaf akka faarfatanu itti kenne ta asii gad jirtu:
8Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;
maqaa isaa waammadha'a;
Waan inni godhelle
odduu gosa biyya adda addaatitti beessisa'a.
9Isa faarfadha'a; isa leellifadha'a
hujii isaa ta maade'ee hima'a.
10Maqaa isaa woyyichaan bondhoora'a;
worri Mootii Waan Maraa barbaadu
firinxiixuu ti.
11Mootii Waan Maraatii fi
hunna isaa barbaada'a;
Yennaa mara fuula isaa barbaadadha'a!
12Hujii maade'ee ta inni huje,
baasa isaatii fi
muraa inni kennelle qaabadha'a.
13Ee, isin sanyiin Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaa,
isin sanyii Israa'elii,
ta Waaqaaf filatantane,
14Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna;
muraan isaa lafa mara hin dhaqqaddi.
15Inni Gondooroo ifii haga bara baraa,
ajaja ifiille haga dhaloota kumaa hin yaadata.
16Gondooroo Abrahaam woliin gondoorate,
kakuu Yisihaqiif waadaa gale hin eegata.
17Tun Yaaqoobiif seerata jabaa,
Israa'eliifille Gondooroo bara baraa
akka teetuuf godhe.
18Inni, «Qooda dhaala sanyii teetii akka teetuuf,
lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe.
19Yennaa san laakkossi isaanii hin bacanne,
isaan nama diqqaa lafa sanitti alagaa te'e.
20Gosa biyya tokkoo irraa
gara gosa biyya tokkootitti,
mootummaa tokko irraa
gara mootummaa tokkootitti daaqane.
21Inni nami tokkolle
akka isaan cunqursu hin lakkinne;
inni isaaniif jedhee moototaayyuu xixee,
22«Worra ani muude hin tuqina'a;
raagota tiyyalle hin miidhina'a» jedhe.
23Biyyi lafaa martinuu
Mootii Waan Maraatiif faarfadha'a;
fayyisuu isaalle guyyuma guyya'aan odeessa'a.
24Gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna isaa,
kolbaa mara oddu'utti
hujii baasa isaa ta baasaa lassa'a.
25Mootiin Waan Mara guddaa waan te'eef
guddoo leellifamuu qaba;
waaqota mara caalaa sodaatamuu qaba.
26Waaqoti gosa biyya adda addaa marti
waaqota dharaa ti;
Mootiin Waan Maraa ammoo
ka ol-gubbaa dade.
27Ulfinnaa fi arnyi fuula isaa dura
jabeennii fi gammadi addee bultoo isaa jiran.
28Ee, isin firri gosa biyya adda addaa
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
ulfinnaa fi jabeenna isaalle leellisa'a.
29Ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a;
kennansa fida'aatii isa dura dhikaadha'a.
Ulfinna woyyummaa isaatiif,
Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a.
30Lafa mara isa duratti sheephisa'a;
Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatteerti;
isiin ijjumaa hin tachootu.
31Ol-gubbaan gammadduu ti;
lattille firinxiixxuu ti.
Kolbaan gosa biyya adda addaa oddu'utti,
«Mootiin Waan Maraa mowe» jettuu ti.
32Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti
shookkisanuu ti;
ficha'aa fi wonni isa keessaa marti
firinxiixanuu ti.
33Mootiin Waan Maraa
biyya lafaa irratti muriisaaf waan dhufuuf,
mukooti gongoma'aa gammadaa
isa duratti faarsanuu ti.
34Maganne'e, Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te'eef,
jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te'eef,
isa galateessa'a.
35Isin, «Nuuti maqaa keeti woyyicha
akka galateeffannuuf,
ulfinna keeti akka leellifannuuf,
ee, Waaqa fayyisaa keenna,
ati gosa biyya adda addaa harkaa nu baasiitii,
wolitti nu qabi» jedhaalle'e.
36Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii
haga bara baraa leellifamuu ti.
Achiin duuba kolbaan marti, «Ameen!
Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti» jette.
37Asaafii fi Lewwooti akka isaa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti, guyyuma guyya'aan akka tajaajilanu, Daawiti achitti isaan lakkise. 38Akkasuma ammalle Obed-Edoomii fi Lewwooti akka isaa namooti jaatamii saddeeti, ilmi Yedutuu Obed-Edoomii fi Hosaah karra akka eeganuuf achitti isaan lakkise.
39Zaadoqii Hayyichaa fi hayyoota akka isaa, Dunkaanii Woldeenna'aa ta Mootii Waan Maraa ta addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessa jirtu duratti, 40guyyaa mara ganamaa fi galgala, akkuma seera Mootiin Waan Maraa Israa'eliif kenne keessatti barreeffametti, addee ciinca'aa irratti kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanuuf, Daawiti achitti isaan lakkise. 41Isaan wolille'een Hemaan, Yedutuu fi worri dhibiin hafe ka filame, «Jaalalli Mootii Waan Maraa ka bara baraa ti» jedhaa faarsulle woliin jiraniiyyu. 42Hemaanii fi Yedutuun itti gaafatantoota meya ittiin Waaqa faarfatanuu, ka tultulla'aatii fi sibiila wolitti dhowanee qilillisiisanuu te'ane. Ilmaan Yedutuu eeddota karra dalleyaa te'ane.
43Achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii galte; Daawitille maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii dhaqe.

¿Sabías que…?
Adoración y acción de gracias ante el arca
- Mientras el arca del pacto se instalaba en una tienda en Jerusalén bajo el ministerio diario de Asaf y sus compañeros levitas, el tabernáculo y el altar de holocaustos permanecieron en el lugar alto de Gabaón, donde el sacerdote Sadoc, Hemán y Jedutún realizaban los sacrificios matutinos y vespertinos según la ley.Fuentes: el propio texto bíblico · Gibeon · Heman · Jeduthun (Ethan)
- David organizó un grupo formal de músicos levitas equipados con arpas, liras, címbalos y trompetas, nombrando a Asaf como músico principal. La tradición bíblica posterior atribuye varios salmos (Salmos 50 y 73–83) a Asaf y lo reconoce como músico y vidente.Fuentes: el propio texto bíblico · Asaph (Levite)
- Tras los sacrificios y las bendiciones por la llegada del arca, David ofreció una porción festiva para toda la asamblea, repartiendo una hogaza de pan, un pastel de dátiles y un pastel de pasas a cada hombre y mujer presente.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org