1 Crónicas 14
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mana Daawitiitii Fi Maatii Isaa
1Mooticha Daawitiif mana mootumma'aa akka ijaaranuuf, mootichi Xiiroosii Hiiraam namoota mana dhaka'aan ijaaranuu fi namoota muka bociisa beekanu, muka hindheensaa woliin isaaf erge. 2Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke.
3Daawiti Yerusaalem keessatti dubartii ede'ee fuudhee, ilmaanii fi ijoollee durraa ede'ee uumate. 4Maqaan ijoollee inni Yerusaalemitti uumatee: Shamu'aa, Shobaab, Naataan, Solomoon, 5Yiibhaar, Eliishuwaa, Elphaalex, 6Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa, 7Eliishaamaa, Ba'aal-Yaadaa fi Eliifelex.
Daawiti Worra Filisxeemotaa Injifate
8Daawiti biyya Israa'elii irratti mootii akka te'e worri Filisxeemotaa yennaa dhage'e, marti isaaniituu isa qabiisaaf ol bayane; Daawitille isaan loliisaaf duula itti baye. 9Worri Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii geyanee saamiisa jalqabane. 10Daawiti, «Worra Filisxeemotaatitti duuluu? Ati harka kiyyatti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Waaqa gaafate.
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ee, duuli, ani harka keetitti dabarsee isaan hin kenna» jedhe.
11Maarre Daawiti namoota ifii woliin gara Ba'aal Pheraaziimii ol bayee, worra Filisxeemotaa lolanee injifatane. Inni, «Akka lolaan bisaanii ededa caccassu, Waaqi harka kiyya irratti diinota kiyya caccasse» jedhe. Tana irratti maqaan addee saniille, «Ba'aal-Pheraaziim» jedhamee moggaafame. 12Worri Filisxeemotaa waaqota ifii ka dharaa achitti lakkisanee baqatane; Daawiti akka isaan gubamanuuf ajaja baase.
13Worri Filisxeemotaa ammalle deebi'anee dhooqa san saamiisa jalqabane. 14Daawiti ammalle Waaqa gaafate; Waaqille deebisee, «Marfadhuutii muka harru'uu biraan isaan loli malee, fuula duraan itti ol hin bayin. 15Qoonqoo geerarsaa qaccee muka harru'uu gubba'atti yennaa dhageette, ani loltoota Filisxeemotaa injifatiisaaf si'iin dura waan bayuuf, isaan loliisaaf dhaqi» jedheen. 16Daawiti akkuma Waaqi isa ajaje godhee, namoota ifii woliin, Giibe'onii jalqabee haga Gezeriititti loltoota worra Filisxeemotaa ari'e. 17Gurri Daawitii lafa maratti dhage'ame; Mootiin Waan Maraalle gosi biyyi adda addaa akka isa sodaattu godhe.

¿Sabías que…?
El palacio de David y las victorias sobre los filisteos
- La ciudad costera fenicia de Tiro era famosa por su comercio marítimo y sus hábiles artesanos. El rey Hiram proveyó a David madera de cedro del Líbano, canteros y carpinteros para edificar un palacio real en Jerusalén.Fuentes: Hiram · Tyre · el propio texto bíblico
- El valle de Refaim se encontraba al suroeste de Jerusalén y constituía un corredor natural de acceso hacia la ciudad. David nombró el lugar de su victoria Baal-perazim, aludiendo a una ruptura violenta y comparando la derrota de sus enemigos con una inundación desbordada.Fuentes: Valley of Rephaim · Baal-perazim · el propio texto bíblico
- En el segundo enfrentamiento, David emboscó al ejército filisteo cerca de una arboleda de balsameras y persiguió a las tropas enemigas en retirada desde Gabaón hasta Gezer, junto a la llanura costera.Fuentes: Gibeon · Gezer · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Tyre · 33.271, 35.196 · versículo 1
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 3, 4
- Valley of Rephaim · 31.763, 35.219 · versículo 9
- Gezer · Hoy: Tel Gezer · 31.859, 34.919 · versículo 16
- Gibeon · Hoy: El Jib · 31.847, 35.183 · versículo 16
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org