1 Crónicas 12
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Loltoota Daawititti Dabalamane
1Daawiti ilma Qiishii Saa'ol duraa dhokatee Siiqlaag keessa adoo jiruu, loltoota gootota duula keessatti isa qarqaarane keessaa ka gara isaa dhufane, ka asii gad jiranu: 2Isaan worra guube'ee ka daaya harka middaatii fi bita'aatiin darbatiisa, dhakaalle qolaansiisa dande'u, gosa Beniyaamii keessaa fira Saa'olii ti; 3Sooressitooti isaanii Ahii'ezerii fi Yo'aas; isaan lamaanuu ilmaan Shema'aa nama biyya Giibe'aatii ti; ilmaan Azmaweeyezii'elii fi Phelex, Beraakaa, nama biyya Anaatotii Yehuu, 4nama biyya Giibe'onii Yishmaa'iyaa ka odduu loltoota soddomaatitti gooticha sooressa isaanii te'e; Ermiyaas, Yahaazi'el, Yohaannaan, nama biyya Gederaatii Yozaabaad, 5Eluzaayi, Yeremoot, Belaayaa, Shemaariyaa, nama biyya Haruufii Shefaaxiyaa, 6Elqaanaa, Yeshiiyaa, Azaarel, Yo'ezerii fi nama biyya Qoraahii Yaashaabe'aam, 7nama biyya Gedoorii keessaa ilmaan Yerohaamii Yo'elaa fi Zebaadiya'a.
8Daawiti kushee goomolee keessaa keessa adoo jiruu gosa Gaadii keessaa loltooti goototi gara isaa dhufane; isaan worra wonte'ee fi woraana qabatiisa beekanu, ka fuulli isaanii akka fuula neenqaa sodaachisuu fi ariitiin isaaniille akka buddannee gaara irraa ti. 9Sooressitooti isaanii tokkeessoon Ezer, lammeessoon Obaadiyaa, sadeessoon Eliiyaab, 10arfeessoon Miishimana'a, shaneessoon Ermiyaas, 11jayeessoon Aataayi, torbeessoon Elii'el, 12saddeetessoon Yohaanna'a, sagaleessoon Elzaabaad, 13kudhaneessoon Ermiyaas, kudha tokkeessoon Maakbaanaay.
14Isaan kun ajajjoota loltoota gosa Gaadii ti; isaan keessaa ajajaan diqqaan akka ajajaa loltoota dhibbaa ti; ajajaan guddaan akka ajajaa loltoota kumaa ti. 15Isaan ji'a qaraa keessa, yennaa lagi Yordaanosii guute, gamatti bu'anee worra Yordaanos irraa karaa aduun baatuu fi karaa aduun seentu dhooqa keessa le'u mara ari'ane.
16Gosa Beniyaaminiitii fi gosa Yihuda'aa keessaa namooti gariin gara kushee isaa Daawiti bira dhufane. 17Daawiti isaan qophatiisaaf gara isaanii gad bayee isaaniin, «Isin nageyaaf, na qarqaariisaafille gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane, isin fudhatiisaaf qophoweera. Adoo ani dokonkora tokko hin qabaatin, isin diina kiyyatti dabarsitanee na kenniisaaf gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane ammoo, Waaqi abbootii teennaa isin dhagguu ti; isinille'etti muruu ti» jedhe.
18Achiin duuba ayyaanni Waaqaa ajajaa loltoota soddomaa Amaasaayi irratti bu'ee,
«Ee Daawiti, nuuti keeti;
Ee ilma Iseyii nuuti si woliin jirra;
Waaqi waan si qarqaaruuf
nageenni siif te'u!
worra si qarqaaruufille
nageenni te'uu ti» jedheen.
Maarre Daawiti isaan fudhatee, sooressitoota loltoota ifii godhate.
19Daawiti worra Filisxeemotaa woliin Saa'olii mooticha loliisaaf yennaa dhaqe, gosa Minaase'ee keessaa gariin finqilanee loltoota Daawitiititti makamane; te'uu malee Daawitii fi namooti isaa worra Filisxeemotaa hin qarqaarre; sababille sooressitooti Filisxeemotaa, «Daawiti, nu fixee gara goottaa ifii Saa'olii deebi'a» jedhanee waan sodaataneef, mari'atanee akka inni achii deemu godhane. 20Yennaa Daawiti gara Siiqlaagii dhaqe gosa Minaase'ee keessaa, ajajjooti kumaa: Adiinaa, Yozaabaad, Yediyaa'el, Mikaa'el, Yozaabaad, Eliihuu fi Ziiletaay finqilanee gara isaa galane. 21Isaan kun marti loltoota gootota waan te'aneef, loltoota isaa keessalle'etti ajajjoota waan te'aneef, worra Daawititti duule loliisaan isa qarqaarane. 22Loltooti Daawitii akka loltoota Waaqaa haga bacatanutti, namooti isa qarqaarsiisaaf guyyuma guyya'aan gara isaa dhufane.
Worri dhibiin Kebroonitti Gara Daawitii Dhufane
23Akkuma Mootiin Waan Maraa Daawitiif waadaa galetti, laakkossi loltoota lolaaf hidhatanee, mootummaa Saa'olii mootichaa gara isaa deebisiisaaf, Kebroonitti gara Daawitii worri dhufe ka asii gad jiru:
24Wonte'ee fi eboo qabatanee lolaaf worri qophowane, namooti Yihuda'aa loltoota kuma jaa fi dhibba saddeeti.
25Gosa Shimi'oonii keessaa loltooti goototi lolaaf qophowane, namoota kuma torbaa fi dhibba tokko.
26Gosa Lewwi'ii keessaa loltoota kuma afurii fi dhibba jaa. 27Akkasuma fira Aaronii keessaa Yehoyaadaa sooressaa isaanii woliin nama kuma sadii fi dhibba torba. 28Dargaggeessa goota Zaadoqii fi maatii abbaa isaa keessaa ajajjooti diddamii lama. 29Fira Saa'olii keessaa namooti Beniyaamii kum sad, isaan keessaa gariin irra caalaan haga bara saniititti Saa'oliif addatamane.
30Namoota Efreemii keessaa, loltooti goototi fira abbaa ifii keessatti beekkamane kuma diddamaa fi dhibba saddeeti.
31Namoota gamisa gosa Minaase'ee keessaa, ka maqaan isaanii galmeeffamee, Daawiti mootii godhatiisaaf dhufane, namoota kuma kudha saddeeti.
32Sanyii Yisaakorii keessaa, worri bara hubatane, waan Israa'el maltelle worri beekane, fira isaanii worra ajaja isaanii jala jiranu mara woliin sooreyyiin dhibba lama.
33Namoota Zebuloonii keessaa, loltooti meya lolaa maraan leenjifamanee lolaaf qophowane, ka gadhaa tokkochaan Daawiti qarqaariisaaf dhufane, namoota kuma shantama.
34Sanyii Niftaalemii keessaa ajajjooti kuma tokko; isaan wolille'een worri wonte'ee fi eboo qabatu nama kuma soddomii torba.
35Sanyii Daanii keessaa ka lolaaf qophowane, namoota kuma diddamii saddeetii fi dhibba jaa.
36Sanyii Asheerii keessaa ka lolaaf leenjifamanee duulaaf qophowane kuma afurtama.
37Worra laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu keessaa, namooti Ruubenii, namooti Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee ka meya lolaa mara hidhatane, nama kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama.
38Loltooti lolaaf qophootte tun martinuu gadhaa tokkochaan, Daawiti Israa'el irratti mootii godhatiisaaf gara Kebroonii dhufane. Namooti Israa'elii worri hafane martille, Daawiti mootii godhatiisaaf yaadi isaanii akkuma san tokko te'e.
39Namooti kun waan firri isaanii isaaniif qopheessane nyaataa, unaa guyyaa sad Daawiti bira turane. 40Israa'el keessatti yennaa gammadaa waan teeteef, namooti adaala isaanii jiranulle, lafa fagoo Yisaakor irraa, Zebuloonii fi Niftaalem irraa sagalee harreelle'etti, gaalotatti, gaangole'ee fi sangootatti fe'anee bullaa, bixee harru'uu, bixee midhaan woyni'ii, daadhii woyni'iitii fi zayitii bacaa fe'anee fidane. Sangootaa fi hooleelle fidanee dhufane.

¿Sabías que…?
Guerreros se unen para coronar a David
- Incluso cuando David se ocultaba del rey Saúl en Siclag, guerreros de la propia tribu de Benjamín desertaron para apoyarlo. Estos soldados se distinguían por ser ambidiestros, capaces de lanzar piedras con honda y disparar flechas tanto con la mano derecha como con la izquierda.Fuentes: el propio texto bíblico · Saul · Ziklag
- Un grupo de comandantes de la tribu de Gad se unió a David en el desierto tras realizar una audaz hazaña militar. Cruzaron el río Jordán en el primer mes del año, cuando desbordaba todas sus orillas, y pusieron en fuga a las tropas en los valles circundantes.Fuentes: el propio texto bíblico · Jordan
- La concentración de todas las tribus en Hebrón para proclamar a David como rey culminó en una gran celebración de tres días. Habitantes de tribus norteñas como Isacar, Zabulón y Neftalí enviaron animales de carga con provisiones, entre ellas harina, tortas de higos, panes de pasas, vino, aceite y ganado.Fuentes: el propio texto bíblico · Hebron · Issachar
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Gibeon · Hoy: El Jib · 31.847, 35.183 · versículo 4
- Jordan · Hoy: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 15, 31, 37
- Hebron · Hoy: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículos 23, 38
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org