1 Crónicas 10
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Du'a Saa'olii Mootichaa
1Bara san worri Filisxeemotaa Israa'eloota lolane; Israa'elootille isaan duraa adoo baqatanuu, bacaan isaanii gaara Giilbo'aa irratti ijjeefamane. 2Worri Filisxeemotaa Saa'olii fi ilmaan isaa ari'anee, ilmaan isaa sad Yonaataan, Abinaadaabii fi Malkiishuwaa ijjeesane. 3Lolli kun Saa'ol irratti jabaate; worri daayaan lolu yennaa isa dhaggane, daayaan isa madeessane. 4Saa'ol namicha meya lolaa ka isaa ba'atuun, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee akka natti hin taphanne, ati shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun ammoo, guddoo waan sodaateef, tana hin goone. Tanaaf, Saa'ol shallaagaa ifii fudhatee, isa irratti ifi dire. 5Namichi meya lolaa ka isaa ba'atu sun, Saa'ol akka du'e yennaa dhagge, innille shallaagaa ifii irratti ifi diree du'e. 6Akka kanaan Saa'ol du'e; isaa fi ilmaan isaa sadiinuu, maatiin isaa marti woluma gula dhumatane. 7Israa'elooti dhooqa san keessa jiranu, loltooti isaanii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Worri Filisxeemotaa dhufanee qachoota san qabatane.
8Boruyyaa worri Filisxeemotaa, worra dhumatane san irraa meya mulqatiisaaf yennaa dhufane, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa gaara Giilbo'aa irratti dhaggane. 9Isaan woyaa Saa'ol irraa mulqatanee, mataa isaa muranee, meya lolaa isaa fudhatanee, oduu dansaa tana waaqotaa fi kolbaa ifiititti akka himanuuf, lafa Filisxeemotaa mara keessa namoota ergane. 10Isaan meya lolaa ka isaa galma waaqota ifii keessa keyanee, mataa isaa galma waaqa ifii ka Daagonii keessatti fannisane. 11Namooti qachaa Yaabesh-Giil'aadii keessaa ammoo, waan worri Filisxeemotaa Saa'ol irratti godhane mara yennaa dhage'ane, 12loltooti isaanii jajjaboon dhaqanee, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa fuudhanee, gara Yaabeshii fidane; lafee isaanii qilxaa jalatti awwaalanee, guyyaa torba laamane.
13Saa'ol Mootii Waan Maraatiif addatamiisa waan dhabeef du'e; inni worra ekeraa dubbisu irraa gorsa gaafate malee, jecha Mootii Waan Maraatiif hin ajajanne. 14Inni Mootii Waan Maraa hin gaafanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa isa ijjeesee, mootummaa isaa ilma Iseyii Daawititti dabarsee kenne.

¿Sabías que…?
La Caída de Saúl y la Transición a David
- Los filisteos derrotaron a Israel en el monte Gilboa y mataron a los hijos del rey Saúl: Jonatán, Abinadab y Malquisúa. Tras el suicidio de Saúl, los filisteos colocaron su armadura en el templo de sus dioses y fijaron su cabeza en el templo de Dagón, su deidad nacional.Fuentes: el propio texto bíblico · Dagon · Mount Gilboa · Jonathan
- Al enterarse de lo que los filisteos habían hecho con Saúl, hombres valientes de Jabes de Galaad fueron a rescatar los cuerpos de Saúl y de sus hijos. Los llevaron de regreso a Jabes, enterraron sus huesos bajo una gran encina y ayunaron durante siete días.Fuentes: el propio texto bíblico · Jabesh-gilead
- El cronista resume la caída de Saúl como consecuencia de su infidelidad al SEÑOR, al no consultar a Dios y recurrir a una médium. Este trágico desenlace abre el camino para que el reino sea entregado a David, hijo de Isaí.Fuentes: el propio texto bíblico · David · Jesse
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Mount Gilboa · 32.434, 35.414 · versículos 1, 8
- Valley of Jezreel · Hoy: Jezreel Valley · 32.596, 35.242 · versículo 7
- Philistia · 31.664, 34.546 · versículo 9
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org