Titus 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Barnoota Sirrii Te'e
1Ati ammoo waan barnoota sirrii te'een wolii galu barsiisi. 2Jaarsi ka hagatti le'u, ka kabajaa qabu, ka ifi qabatuu fi ka dhugeeffannaa, jaalalaa fi ossa sirrii te'e qabu akka te'u barsiisi. 3Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiisi. 4Isaan, akka dubartooti ka'im abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu, 5Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja'aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti. 6Akkasuma dargaggooti akka ifi qabattu gorsi.
7Atinuu waan duudi'iin fakkeenna dansaa isaaniif te'i. Barsiisiisa keeti keessalle'etti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te'uu keeti mudhisi. 8Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te'e ka hin tuffatanne dubbadhu.
9Garbooleen goottolee ifiitiif akka ajajantu, waan maraan akka isaan gammachiittu, akka dubbii ila keessa itti hin deebinnee fi, 10akka isaan jalaa wo hin hanne barsiisi. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi'iin akka tolu yennaa mara worra dansa'aa fi addatamaa akka te'ane mudhisanuu ti.
11Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. 12Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa. 13Addii gammachiittuu fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna. 14Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.
15Worra si dhage'u jajjabeessaa yennaa xixxu, baallii teeti guutu'uun waan kana duudii barsiisi. Nami tokkolle si hin tuffatin.
Did you know?
Lives That Match Sound Teaching
- Titus 2 sets out conduct for each group in the community. Older men are to be temperate, dignified, self-controlled, and sound in faith, love, and perseverance. Older women are to be reverent in behavior, not slanderers or addicted to much wine, but teachers of what is good, so they can train the younger women, while younger men are urged to be self-controlled.Sources: the Bible text itself
- The chapter links that conduct to the reputation of the message. Younger women are to be self-controlled, pure, managers of their households, kind, and submissive to their own husbands, so that the word of God will not be discredited. The teacher's integrity and wholesome speech should leave any opponent with nothing bad to say, and slaves who are well-pleasing, not argumentative, and not stealing, but showing good faith, are said to adorn the teaching about God our Savior.Sources: the Bible text itself
- These instructions stand beside what the chapter says about grace. The grace of God has appeared, bringing salvation to everyone, and it instructs us to renounce ungodliness and worldly passions and to live sensible, upright, and godly lives in the present age. The chapter speaks of awaiting the blessed hope and the glorious appearance of our great God and Savior, Jesus Christ, who gave himself to redeem us from all lawlessness and to purify for himself a people for his own possession, zealous for good deeds.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org