Song of Songs 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Ani akka daraaraa lafa Sharoniitii fi
akka daraaraa dhooqa keessaa ti.
2Jaalalleen tiyya dubartoota oddu'utti
akka daraaraa qoree odduu jiruu ti.
3Jaalalleen kiyya dargaggoota oddu'utti,
akka muka appili'ii ka baddaa keessa jiruu ti.
Ani gaaddisa isaa jala tee'iisatti hin gammada;
midhaan isaalle afaan kiyyatti hin mi'owa.
4Inni gara mana gammadaa na geesse;
beessisi jaalala isaa na irra jira.
5Ani jaalala isaatiin qabame waan gaggabeef,
midhaan woyni'ii nyaachisa'aatii na jabeessa'a;
midhaan muka appili'iitiin na gammachiisa'a.
6Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa;
harki isaa middichi adoo na hanqafataa.
7Ee dubartoota Yerusaalemii,
haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,
jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine,
ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin,
isin magannifadha.
Faaruu Lammeesso'oo
8Kunoo, jaalalleen kiyya,
gaarota irra u'utaalaa,
koobota irra burraaqaa dhufuun qoonqoo dhage'a.
9Jaalalleen kiyya jilibaa yookiin
ilmoolee gadansaa fakkaata.
Kunoo inni dalleya mana keennaa duuba dhaabbata;
qowa dalleyaatiin,
fodda'aan gara keessaa ilaaliisatti jira.
10Jaalalleen kiyya natti dubbatee,
«Jaalallee tiyya, dansittii tiyya!
Koy, woliin ideenna.
11Kunoo, ganni dabareera;
bokkeenni roobuu lakkisee caameera.
12Daraaraan baquu jalqabeera;
yennaan faaruu faarfatanu geetteerti;
qoonqoon saphaliisaa lafa teenna keessatti
dhage'anteerti.
13Harruun midhaanotteerti;
woyniille daraartee uddootteerti.
Jaalallee tiyya, dansittii tiyya!
Ka'i, woliin ideenna» naan jedhe.
14Ee, saphaliisa tiyya,
ta holla dhakaa keessaa,
ta addee dhokata gaara keessaa,
fuula keeti natti mudhisi;
qoonqoo teeti na dhageessis;
qoonqoon teeti natti tolti;
fuulli keeti natti miidhaga.
15Jeedalootaa fi ilmoolee jeedalootaa
worra woynii teenna ta daraariisatti jirtu
nu duraa balleessu, nuu qaba'a.
16Jaalalleen kiyya, kiyyuma;
anille ta isaa ti;
inni daraaraa dansaa keessa horii tissa.
17Ee jaalallee kiyya! Adoo boruun hin dayya'in,
aduun adoo hin bayin,
akka jiliba'aa yookiin
akka ilmoolee gadansaa,
gaara bu'aa bayii qabu irra
utaalaa gara kiyya koy.

Did you know?
Springtime and Awakening Love
- Sharon was a fertile coastal plain stretching between the Mediterranean Sea and the hill country west of Jerusalem, celebrated for its beauty and vegetation, which gave rise to imagery like the rose of Sharon.Sources: Saron · the Bible text itself
- The poem marks the arrival of spring through natural changes in the countryside, such as the end of winter rains, the cooing of turtledoves, ripening fig trees, and flowering grapevines that needed protection from foraging foxes.Sources: the Bible text itself
- The speaker repeatedly appeals to the daughters of Jerusalem, framing her cautions about love around wild animals of the open hills, such as gazelles and does of the field.Sources: Jerusalem · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org