Romans 9
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waaqaa Fi Kolbaa Isaa
1Ani ka Kiristoosii waan te'eef dhuguma dubbadha; ani hin sobu. Wodanaan kiyya ka Ayyaana Woyyichaan sooreffamulle, akka ani hin sonne dhugaa naaf baya. 2Ani gadda gudda'aa fi laalaa hin lakkinne gadhaa kiyya keessaa qaba. 3Gosa tiyya ta hiddaa hidaada kiyya teeteef jedhee, Kiristoos irraa gargar bayee adoo abaarame hin jaaladha. 4Gosi tiyya sun gosa Israa'elii ti; Waaqi ijoollee ifii isii godhatee, ulfinna ifiille isi'ii mudhise; gondooroo isii woliin gondoorate, Seeralle isi'ii kenne; isiin waaqonfannaa dhuga'aa qaddi; waadaa hedduulle Waaqi isi'iif gale; 5isiin sanyii abbootii teenna gugurdo'oo ti; Kiristoosille, akka namumma'aatitti gosa isi'ii keessaa dhalate; Waaqi waan mara bulchu, haga bara baraa leellifamu! Ameen.
6Te'uu malee jechi Waaqaa diigameera jechu'uu moti; kolbaan Israa'elii mara dhugumaan kolbaa Israa'eliitii moti. 7Akkasuma sanyiin Abrahaamii marti dhugumaan ijoollee isaatii moti; ammoo, Waaqi Abrahaamiin, «Sanyiin teeti sanyii Yisihaqiitiin waammanti» jedheera. 8Kana jechuun ijoolleen akkuma aadaa nami uumatuutiin dhalatte ijoollee Waaqaati jechu'uu moti; ammoo ta akka sanyi'iititti laakkowantu, ijoollee akka waadaa Waaqi galeetitti dhalatte. 9Waadaan sunille jecha, «Bara dhufu yennaa akkasii yennaa ani deebi'ee dhufu, Saaraan ilma deetteerti» jedhu.
10Kana qofaa moti, Ribqaan ilmaan lakkuu abbuma tokkochaaf, abbaa sanyii teennaa Yisihaqiif yennaa ulfootte, 11filannoon Waaqaa huji'iin adoo hin te'in, waamichaan akka te'e mudhisiisaaf, ijoolleen lamaanuu adoo hin dhalatin, isaan keessalle'ee tokkolle dansaa yookiin hantuu adoo hin hujin dura, 12Waaqi Ribqa'aan, «Angafichi maandhicha tajaajila» jedhe. 13Tun tama Barreeffam Woyyichi,
«Ani Yaaqoob jaaladhe,
Esaawu ammoo jibbe» jedhu.
14Yoona maan jenna ree? Waaqi sirri'ii moti jedhuu dandeennaa? Ijjumaa hin dandeennu! 15Waaqi Muuse'een, «Ani kama mararuu barbaadeef marara; kama nawuu barbaadeefille naya» jedhe. 16Tanaaf, wonni marti marartii Waaqaa qofa irratti hundootti malee, waan nami fedhu yookiin godhu irrattii moti. 17Barreeffam Woyyichi, marroo mooticha Fara'oonii yennaa dubbatu, «Maqaan kiyya biyya lafaa mara keessatti akka lallabamuu fi hunni tiyya si'iin akka mudhattuuf ani mootii si godhe» jedha. 18Maarre Waaqi nama fedhe marara, nama fedhelle mataa jabeessa.
Mararti'ii Fi Mufii Waaqaa
19Isin keessaa nami tokko, «Yoo akkana teete, Waaqi attam dande'ee balleessaa nama irratti dhagga? Fedhii Waaqaa eentu mormuu dande'a?» anaan hin jedha fa'a. 20Namana! Waaqa woliin moromiisaaf ati eennu? Okkoteen faaraa nama isii dhoween, «Maaf akkana na dhootte?» jedhuu dandeetti? 21Nami faara dhowu tokko, loobaa faaraa tokkochuma irraa, meya tokkocha ulfinnaaf, kaan woma te'eef akka te'u godhee dhowiisaaf baallii hin qabuu? 22Wonni Waaqi godhelle tanaan wol fakkaatti. Inni hunna ifii beessisiisaa fi mufii ifii mudhisiisaaf barbaade. Ammoo worra mufii isaa jala jiru, ka badi'iif qophowe san ciniinnatee ossate. 23Worra ulfinna ifiitiif dursee qopheesse, ka akka marartiin isaa irratti mudhattu itti dhangalaaseefille, ulfinna ifii guddaa mudhisuu barbaade. 24Worri inni waame nu fa'aayyu; inni worra Yihudootaa qofa keessaa adoo hin te'in, worra Yihudoota hin te'inille keessaa waameera. 25Inni kitaaba Hose'aa keessatti,
«Worra kolbaa tiyya hin te'in,
‹Kolbaa tiyya› jedhee hin waama;
kolbaa hin jaalatannelle,
‹Jaalatantuu tiyya› jedhee hin waama.
26Adduma, ‹Isin kolbaa tiyyaa moti› jedhamanetti,
‹Ijoollee Waaqa jiraata'aa› jedhamanee
hin waamaman» jedha.
27Isaayaasille marroo Israa'elii qoonqoo ol qabatee, «Laakkossi kolbaa Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa yoo heddatelle, worruma diqqaa qofatti fayya; 28Goottaan adoo hin turin ariifatee kolbaa biyya lafaa maratti hin mura» jedheera. 29Akkasuma Isaayaas duraan dursee, «Goottaan Waan Mara Dade adoo sanyii garii nu'uuf hamburuu dhabe, sila akkuma qachooti Sodoomiitii fi Gomora'aa badane banneerra» jedheera.
Israa'elii Fi Oduu Gammadaa
30Yoona maan jennuu ree? Worri Yihudoota hin te'in, ka balchummaa hin hordofin, balchummaa dhaggate; balchummaan tun ammoo ta dhugeeffanna'aan dhaggantu. 31Israa'eliin Seera balchummaa fidu hordofaa turte ammoo, seera muummessiisa waan hin dande'iniif balchummaa bira hin geenne. 32Maaf bira hin geyin? Sababille isaan dhugeeffanna'aan adoo hin te'in, huji'iin balchummaa dhaggatiisaaf barbaadane. Isaan dhakaa gufachiisuun gufatane. 33Tun tama Barreeffam Woyyichi,
«Kunoo, ani dhakaa kolbaa gufachiisu,
rassaa isaan jissu Xiyoon keessa hin keya,
ka itti dhugeeffatu ammoo hin qaanowu» jedhu.

Did you know?
Israel and the Children of the Promise
- These verses argue that God's word has not failed: not all who are descended from Israel are Israel, and not all of Abraham's descendants are his children. Isaac was Abraham's only son by Sarah, and the promise quoted here follows that line: offspring would be reckoned through Isaac, and at the appointed time Sarah would have a son. The name Sarah, meaning princess, was given when it was announced that she would be the mother of the promised child.Sources: the Bible text itself · Isaac · Sarah
- The argument then turns to Rebecca's twins, conceived by one man, Isaac. Esau, the first-born, was also called Edom, "red," from the red lentil pottage for which he sold his birthright; Jacob, the younger, bears a name meaning one who follows on another's heels, or supplanter. Before the twins were born or had done anything good or bad, Rebecca was told that the older would serve the younger, and it is written, "Jacob I loved, but Esau I hated."Sources: the Bible text itself · Esau (Edom) · Jacob (Israel)
- Isaiah, the son of Amoz, is quoted about a remnant: though the Israelites were like the sand of the sea, only the remnant would be saved, and without descendants left by the Lord of Hosts they would have become like Sodom and resembled Gomorrah. Sodom, a city in the vale of Siddim, was destroyed by fire from heaven, a destruction this chapter recalls, and no trace of it or of the other cities of the plain has been found. The chapter ends with a stumbling stone laid in Zion, the south-eastern hill of Jerusalem, which David took from the Jebusites, where he built a citadel and a palace, and which became the city of David.Sources: the Bible text itself · Isaiah · Sodom · Zion
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 33
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org