Romans 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Muraa Waaqaa
1Ati, nama dhibi'itti ka murtu, waan itti aalattu hin qaddu. Ati ka nama dhibi'itti murtu, waanuma inni huje san waan hujjuuf, ifumatti murta. 2Muraan Waaqaa ka worra waan akkasii huju irratti dhufu sirrii akka te'e nuuti hin beenna. 3Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa? 4Yookiin gadhi-laafummaa isaa guddoo, ossata isaatii fi si dande'uu isaa hin tuffattaa ree? Wonni Waaqi gadhi-laafummaa ifii si'iif fakkanseef, gara cubbuu irraa deebi'iisaa si geessiisaaf akka te'e hin beettuu? 5Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi'ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta. 6Waaqi nama tokko tokkoofuu akkuma hujii isaatitti hin kenna. 7Inni worra ossee waan dansaa hujaa ulfinna, guddinnaa fi jiruu hin banne Waaqa biraa dhaggatiisaaf barbaaduuf, jiruu bara baraa hin kenna. 8Worri dhibiin mataa ifii jaalatee waan dokonkora te'e hordofiisaaf dhugaa didane; Waaqi mufi'ii fi muraa ifii isaanitti hin fida. 9Dhiphinnii fi rakkinni worra waan hantuu huju mara irratti, dursee Yihudoota irratti akkasuma worra Yihudoota hin te'in irralle'etti hin dhufa. 10Waaqi ammoo ulfinna, guddinnaa fi nageya worra waan dansaa hujatu maraaf, dursee Yihudootaaf akkasuma worra Yihudoota hin te'iniifille hin kenna. 11Waaqi nama wol hin caalchisu.
12Worri adoo Seera Muuse'ee hin qabaatin cubbuu huju, Seera dhabulle hin badan; worri Seera adoo qabuu cubbuu huju maraa ammoo Seeraan itti muranti. 13Sababille fuula Waaqaa duratti waan Seerri ajaju hujiisaan balchaa te'an malee, dhage'iisa calla'aanii moti. 14Worri Yihudoota hin te'in Seera hin qabanu; Seera qabaatuu dhabanulle, dadama isaaniitiin waan Seerri ajaju hujan; isaan ifiif seera isaanii ti. 15Akki isaanii akka wonni Seerri ajaju gadhaa isaanii keessatti barreeffameeru mudhisa. Yennaa tokko tokko wodanaan isaanii isaan himata; yennaa tokko tokkolle isaaniif falmata; tanaaf, wodanaan isaaniille tun dhugaa akka teete mudhisa. 16Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dhossa'a ka namooti hujane maratti muru tun teeti.
Yihudootaa Fi Seera
17Kunoo ati, «Ani Yihudi'i» ifiin jetta; seeratti ciqilfatta; ka Waaqaa te'iisa keetille'een ifi jajja. 18Ati fedha Waaqaa hin beetta; Seera waan baratteertuuf waan te'uu fi waan hin teene gargar baattee hin beetta. 19Worra balla'aaf sooressa, worra dukkana keessa jiruuf ifa akka teete ifi addatta; 20Seera keessatti beekkumsaa fi dhugaa waan dhaggiteef, gowwaa hin gorsita, wollaalaa hin barsiitta. 21Ati worra dhibii ka barsiittu maaf ifi hin barsiinne ree? «Hin hatina'a!» jettee lalladda, ifiif ammoo hin hatta; 22«Hin gaarayyeeffatina'a!» jetta, ifiif ammoo hin gaarayyeeffatta; waaqota dharaa waaqonfatiisa hin jibbita, ammoo galmoota isaanii hin saanta. 23Seera Waaqaatiin ifi jajja, ammoo seera isaa cassiisaan Waaqa irratti fokkoo fidda. 24Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Sababa keessaniif, maqaan Waaqaa worra Yihudoota hin te'in oddu'utti faanshoweera» jedhu.
25Ati yoo Seeraaf ajajante, haqanqabaa qabatiisi keeti gatii qaba; yoo ati ammoo Seeraaf hin ajajamin, akka ijjumaayyuu haqanqabaa hin qabatin teeta. 26Worri Yihudoota hin te'in ka haqanqabaa hin qabatin, ajaja Seeraatiif yoo ajajame, akka haqanqabaa qabateetitti Waaqi hin laakkowuufii ree? 27Maarre ati haqanqabaa qabattee Seera barreeffame qabaattulle, Seera waan cassiteef, worri haqanqabaa hin qabatin sitti hin mura; isaan nafaan haqanqabaa qabatiisa dhabanulle, Seeraaf ammoo ajajamaneeran. 28Nami maqaa calla'aan nama Yihudi'ii te'e nama Yihudii dhugichaa moti; akkasuma haqanqabaan nafaa mudhatu qabatanu haqanqabaa dhugichaa moti. 29Yihudiin dhuga'aa nama keessi isaa Yihudii te'e; haqanqabaan dhugichi, haqanqabaa Ayyaana Waaqaatiin te'u, haqanqabaa qalbi'ii ti malee, haqanqabaa nafaa, ka akka Seera keessatti barreeffameetii moti. Nami akkasii leellisa Waaqa biraa dhaggata malee, nama biraanii moti.

Did you know?
Judgment Without Favoritism
- Romans 2 warns that a person who judges others while doing the same things condemns himself, because God's judgment is based on truth. The chapter says God shows no favoritism: there will be trouble and distress for every human being who does evil, and glory, honor, and peace for everyone who does good, first for the Jew, then for the Greek.Sources: the Bible text itself
- The chapter distinguishes those who sin apart from the law from those who sin under the law: the first will also perish apart from the law, and the second will be judged by the law. It says that not the hearers of the law are righteous before God, but the doers of the law. Gentiles who do not have the law, yet by nature do what it requires, are a law to themselves and show that the work of the law is written on their hearts, while their consciences bear witness and their thoughts accuse or defend them.Sources: the Bible text itself
- Speaking to someone who calls himself a Jew, relies on the law, and is convinced he is a guide and a teacher, the chapter asks whether he teaches himself—whether he steals, commits adultery, or robs temples while condemning those acts. Circumcision has value if the law is observed, but if the law is broken, circumcision has become uncircumcision. A man is a Jew inwardly, and circumcision is a matter of the heart, by the Spirit, not by the written code; his praise comes not from men, but from God.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org