Revelation 5
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Kitaaba Marama'aa Fi Hoolicha
1Achiin duuba ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru, kitaaba maramaa ka keessaa fi gubbaa barreeffamee, chaappaa torbaan dhowameeru harka middichaan qabateeruun dhagge. 2Ergamaan Waaqaa jabaan tokko qoonqoo guddo'oon, «Ka chaappaa irraa rigee kitaaba maramaa san banu'uu male eennu?» jedhaa lallabuun dhagge. 3Te'uu malee ol-gubbaa keessa yookiin lafa irra, lafaan jalalle, ka kitaaba maramaa san banee keessa isaa ilaaluu dande'u tokkolle hin jiruuyyu. 4Ka kitaaba maramaa san banee keessa isaa ilaalu'uu male waan hin jirreef, ani laalleffadhee bowe. 5Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Hin bowin! Kunoo, neenqi gosa Yihuda'aa, sanyiin Daawitii injifateera; inni kitaaba maramaa san baniisaa fi chaappaa torbaanuu irraa rigiisaaf hin dande'a» naan jedhe.
6Achiin duuba, ka Hoolicha qalame fakkaatu tokko, dada lubbuu qaddu afurii fi maanguddootaan naanneffamee, odduu barcumaa mootumma'aa dhaabbateeruun dhagge. Hoolichi sun gaafa torbaa fi ila torba qaba; isaaniille Ayyaanota Waaqaa torba ka gara lafa duudi'ii ergamane. 7Hoolichi sun dhufee, harka middicha ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru irraa kitaaba maramaa san fuudhe. 8Yennaa inni kitaaba maramaa san fuudhe, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddooti diddamii afur Hoolicha san fuula duratti gad lafatti jigane; tokkoon tokkoon isaanii waan daadimata kolbaa Waaqaa te'e kiraara gudda'aa fi girgiraa worqi'iin hujame ka hixaanaan guutame qabataneeraniiyyu. 9Isaan faaruu haareya faarfataa,
«Ati kitaaba maramaa san fudhatiisaaf,
chaappota irraa rigiisaafille ka malte;
sababille ati qalantee,
dhiiga keetiin gosa maraa keessaa, afaan maraa keessaa,
kolbaa maraa keessaa, sanyii nama maraa keessaa,
namoota Waaqaaf wodatteerta.
10Waaqa keennaaf, akka isaan mootumma'aa fi
hayyoota te'anu gooteerta;
isaaniille lafa irratti hin mowan» jedhane.
11Kanaan duuba ilaalee, qoonqoo ergantoota heddu'uu dhage'e; laakkossi isaaniille kuma heddu'uu fi miliyoona heddu'u. Isaan adaala barcumaa mootumma'aa, adaala dada lubbuu qadduutii fi maanguddootaa naannowaneeran. 12Isaan qoonqoo guddo'oon,
«Hoolichi qalame sun,
baallii, durummaa, qarummaa, hunna,
ulfinna, guddinnaa fi
galata fudhatu'uu male» jedhanee faarsane.
13Achiin duuba dadi ol-gubba'aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti,
«Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin,
ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolichaaf,
bara baraa haga bara baraa te'u» jedhaa faarfatanuun dhage'e.
14Dadi lubbuu qaddu arfan, «Ameen!» jette; maanguddootille gad jiddee sagadde.
Did you know?
The Lamb Worthy to Open the Scroll
- One of the elders tells the weeping narrator not to weep, because the Lion of the tribe of Judah, the Root of David, has triumphed to open the scroll and its seven seals. The entry on David calls him Beloved and identifies him as the eighth and youngest son of Jesse, a citizen of Bethlehem, who tended his father's sheep on the uplands of Judah.Sources: the Bible text itself · David
- What is seen next is not a lion but a Lamb that appeared to have been slain, standing in the center of the throne, with seven horns and seven eyes. The vision itself says that those horns and eyes represent the seven Spirits of God sent out into all the earth.Sources: the Bible text itself
- When the Lamb takes the scroll, the four living creatures and the twenty-four elders fall down before him; each has a harp, and they hold golden bowls full of incense, which the passage identifies as the prayers of the saints. The new song says that he was slain and that by his blood he purchased for God those from every tribe, tongue, people, and nation.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org