Nations Bible

Revelation 3

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ergaa Wolde'a Sardeesiitii Ergante

1«Ergamaa wolde'a kiristaana Sardeesiitiif akkas jedhii barreessi:

«Ayyaanota Waaqaa torbaa fi urjoota torba ka harkatti qabateeru akkas jedha: Hujii teeti hin beeka; maqa'aan hin jirta, ammoo duuteerta. 2Maarre dammaqi! Waan hafe ka du'a geyeeru jabeessi! Hujiin teeti Waaqa kiyya duratti guutuu teeteertuun hin dhaggine. 3Yoona, waan fudhattee fi waan dhageette qaabadhu; ajajamiif, cubbuu irralle'ee deebi'i. Yoo dammaquu dhadde ammoo akka hattu'uu sitti dhufa; saatii tam akka ani sitti dhufulle hin beettu. 4Te'uu malee, qachaa Saardeesii keessa namooti diqqaan ka woyaa ifii hin xureessin si woliin jiran. Waan isaanii male waan te'eef, isaan woyaa adii uffatanee na woliin hin ideeman. 5Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru'uu keessaa hin haqu.

6«Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti.

Ergaa Wolde'a Filaadelfiya'aatii Ergante

7«Ergamaa wolde'a kiristaana Filaadelfiya'aatii akkasi jedhii barreessi:

«Woyyichaa fi dhugaamessa ka te'e, ka furtuu Daawitiille harkatti qabateeru, ka waan inni cufe eennulle banuu hin dandeenne, ka waan inni banelle eennulle cufuu hin dandeenne akkasi jedha: 8Ani hujii teeti hin beeka. Akka ati hunna diqqoo qaddu hin beeka; te'uu malee, dubbii tiyya eeggateerta; maqaa kiyyalle hin mormanne. Kunoo, balbala banante ta eennulle cufiisaaf hin dandeenne si dura keyeera. 9Worri Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhu, worri dharaameyyiin, worri wolde'a Seexanaa te'e, gara keeti dhufee miila keeti jalatti akka sagadu, akka ani si jaaladhelle akka beekanu hin tolcha. 10Ciniinnattee akka ossattuuf ajaja ani kenne waan eeggatteef, anille saatii haga ilaalchaa, ta worra lafa irra le'u haga ilaaliisaaf biyya lafaa duudii irratti dhuttu irraa si eega.

11«Ani ariifadhee hin dhufa. Eennulle kallacha keeti akka hin fudhanne waan qaddu jabeessii qabadhu. 12Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba'aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa.

13«Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti.

Ergaa Wolde'a Laa'odiiqeya'aatii Ergante

14«Ergamaa wolde'a kiristaana Laa'odiiqeya'aatii akkas jedhii barreessi:

«Ka ‹Ameen› jedhamu, ka dhugaa-bayaa addatama'aa fi dhugaamessa te'e, ka madda dada Waaqaa te'e akkas jedha: 15Ani hujii teeti hin beeka; ati o'aa yookiin qabbanowa'aa moti. O'aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaaladhaayyu. 16Ati ammoo bulluqowa'a malee, o'aa yookiin qabbanowaa waan hin te'iniif, afaan kiyya keessaa si tufaara.

17«Ati, ‹Ani dureessa, ani quufaleessa, womaa naaf hin barbaachisu› jetta; ammoo, ati deegaa, naasisaa, hiyyeessa, balla'aa, fi nafa-qullaa akka ka jirtu akka teete ifi hin beettu. 18Maarre akka duroontuuf, worqii ibiddaan qulqulloonte akka bitattu, nafi-qullaan fokkisiisu akka hin mudhanneef woyaa adii akka bitattu, dhaggiisaafille akka dandeettu qorsa ilatti buufattu akka na irraa bitattu si gorsa. 19Ani worra jaaladhu duudii hin xixa, hin adaballe'e. Tanaaf jabaadhu, cubbuu irralle'ee deebi'i. 20Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage'ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata. 21Akkuma ani injifadhee Abbaa kiyya woliin barcumaa mootummaa isaa irra tee'e, nami injifatulle na woliin barcumaa mootummaa tiyyaa irra akka tee'u hin tolcha.

22«Nami gurra dhage'u qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uuti!» jedha.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Letters to Sardis, Philadelphia, and Laodicea

  • Revelation 3 is a set of letters to churches in three cities of Asia Minor. Sardis, the metropolis of Lydia, stood on the river Pactolus at the foot of Mount Tmolus. Philadelphia, a name that means “brotherly love,” lay about twenty-five miles southeast of Sardis, while Laodicea stood on the Lycus, where Phrygia and Lydia meet, about forty miles east of Ephesus.Sources: Sardis · Philadelphia · Laodicea · the Bible text itself
  • Laodicea was first called Diospolis and then Rhoas. It was later named Laodicea after Laodice, the wife of Antiochus II, king of Syria, who rebuilt it. Easton's Bible Dictionary (1897) calls it one of the most important and flourishing cities of Asia Minor and an early leading center of Christianity; in the letter, that church is said to claim that it is rich, has grown wealthy, and needs nothing.Sources: Laodicea · the Bible text itself
  • The letter to Philadelphia speaks of a “synagogue of Satan” and of people who claim to be Jews but whom it calls liars. Satan means “adversary” or “accuser,” and in the New Testament the name is used interchangeably with the devil.Sources: Satan · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Sardis · 38.488, 28.040 · verses 1, 4
  • Philadelphia · Today: Alaşehir · 38.350, 28.517 · verse 7
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 12
  • Laodicea · Today: Laodicea on the Lycus · 37.836, 29.108 · verse 14

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.