Nations Bible

Revelation 21

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Ol-gubbaa Haareyaa Fi Lafa Haareya

1Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu. 2Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophoottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge. 3Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage'e; isiin barcumaa mootumma'aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba'aa jira; kolbaa wolille'een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te'an. Waaqinuu isaan woliin le'a; Waaqa isaaniille te'a. 4Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.

5Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, «Kunoo, ani waan mara haareya godha!» jedhe; itti dabaleelle, «Jechi kun addatama'aa fi dhugaa waan te'eef barreessi» naan jedhe. 6Akkasuma, «Muummotte! Alfa'aa fi Omeegaan, jalqabaa fi muummeen ana; ka dheeboteef madda bisaan jiru'uu irraa toluma kenna. 7Ka injifatu, kana duudii hin dhaala; anille Waaqa isaaf te'a, innille ilma naaf te'e. 8Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeesuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaameyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti» naan jedhe.

Yerusaalemii Haareya

9Ergantoota Waaqaa torba, ta qorii torba ta balaa muumme'ee torbaan guutanteertu harkatti qabataneeranu keessaa tokkochi dhufee, «Koy; haadha manaa ta Hoolichaa, waajibittii sitti mudhisa» naan jedhe. 10Ayyaanalle'een gara gaara gudda'aa fi dheera'aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu'uun natti mudhise. 11Qachaan sun ulfinna Waaqaatiin ifiisatti jiraayyu; calalaqi isaalle akka dhakaa gatii guddo'oo, akka Yaasphisii, qulqulluu akka cabbi'ii ti. 12Dalleya dhaka'aa gudda'aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa'elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera. 13Karaa aduun baatuun karra sad, karaa oliitiin karra sad, karaa gadiitiin karra sad, karaa aduun seentuun karra saditti jira. 14Dalleenni dhaka'aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle'etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera.

15Ergamaan Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru sun mikii ulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu. 16Dheerinnii fi badhinni qachaa sanii haguma tokko te'ee, maddii arfaniinuu wol qixxe'e; ergamaan Waaqaa qachaa san ulee ittiin mikanuun mikee, dheerinni isaa staadiyaa kuma kudhanii lama te'e; badhinnaa fi ol dheerinni isaalle haguma san te'e. 17Ergamaan Waaqaa dalleya dhaka'aa san mike; yennaa ergamaan Waaqaa mike, waan ittiin mikanu ka beekkameen ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur te'e. 18Dalleenni dhaka'aa sun dhakaa Yaasphisiitiin hujameera; qachaan sunille worqii qulloontee akka daaw'iti'ii ca'a jetteen hujameera. 19Hundeen dalleya qacha'aa dhakaa gatii guddo'oo ka adda addaatiin seefameera. Dhakaan gatii guddo'oo ka hundeen irra dhaabbate sunille: ka qaraa Yaasphis, ka lammeesso'oo Safiiros, ka sadeesso'oo Kaalqedon, ka arfeesso'oo Simaaragidos, 20ka shaneesso'oo sardoniikis, ka jayeesso'oo saardiyon, ka torbeesso'oo kirisoliixos, ka saddeetesso'oo beerilos, ka sagaleesso'oo tophaaziyon, ka kudhaneesso'oo kirisophiraasos, ka kudha tokkeesso'oo Hiiyaakinxos, ka kudha lammeesso'oo ametiisxos. 21Karri kudha lamaanuu dooqa kudha lama qaddi; karri sunille tokko tokkonuu dooqa irraa hujameera; karaan qachaa sanii worqii qulqulluu akka daaw'itii ifa ifi keessa dabarsituutiin hujameera. 22Waaqi Goottaan waan mara dande'uu fi Hoolichi Galma Waaqaa ka qachaa sanii waan te'aneef, qachaa san keessatti Galma Waaqaa ani hin dhaggine. 23Ulfinni Waaqaa, qachaa saniif ifa waan kennuu fi Hoolichille ifa isaa waan te'eef, qachaa saniif aduun yookiin jiin akka issuuf hin barbaachisu. 24Gosi biyya adda addaa ifa qachaa sanii keessa deddeeman; moototi lafaalle karra ifii ta ulfinnaa gara qachaa sanii fidan. 25Halkan achi waan hin jirreef, karri qachaa sanii guyyaa tokkolle hin cufantu. 26Ulfinnii fi guddinni gosa biyya adda addaa gara qachaa kanaa galan. 27Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The New Jerusalem

  • In this vision the city coming down from heaven is called the holy city, the new Jerusalem. Jerusalem was also known as the holy city and the city of God, and in Arabic it is el-Khuds, meaning the holy. Its name is in a dual form and means possession of peace or foundation of peace.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
  • The seer is carried in the Spirit to a great and high mountain and shown that holy city descending. Jerusalem is described as a mountain city enthroned on a mountain stronghold, and the dual form of the name probably refers to the two mountains on which it was built, Zion and Moriah, or, as some suppose, to the upper and lower city.Sources: the Bible text itself · Jerusalem
  • The city wall has twelve gates, three on each side, inscribed with the names of the twelve tribes of Israel. Israel is another name for Jacob, explained as one who follows on another's heels, or as a supplanter.Sources: the Bible text itself · Jacob (Israel)

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 2, 10

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.