Revelation 10
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Ergamaa Waaqaatii Fi Kitaaba Diqqicha
1Kanaan duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin hunnaamessi ol-gubbaa irraa gadi bu'uun dhagge. Inni duumensa maratee, mataa ifii irratti hiituu Waaqaa qaba; fuulli isaa aduu fakkaata; miilli isaalle utuboota ibiddaa fakkaata. 2Inni Kitaaba maramaa diqqaa banameeru harkatti qabateera; miila ifii middicha abbaayaa irra, miila bitaacha lafa irra keyate; 3qoonqoo guddoo ta akka neenqa dhangaa dhowuutiin iyye. Yennaa inni iyye mandiisuun torba qoonqoo ifii dhageessitte. 4Yennaa mandiisuun torba mandiite, ani barreessiisaaf qophoweeraayyu; ol-gubbaa irraa ammoo, «Waan mandiisuun torba dubbatte cufii gadha'atti qabadhu malee, hin barreessin» qoonqoo jettu dhage'e.
5Kanaan duuba ergamaa Waaqaa ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeruun dhagge sun harka ifii middicha gara ol-gubba'aa ol kaase. 6Innille maqaa Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin, ka ol-gubba'aa fi waan isii keessa jiru, ka lafaa fi waan isii keessa jiru, ka abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru dadeetiin kakatee, «Yoona hin turu! 7Guyyoota ergamaan Waaqaa ka torbeesso'oo tultullaa ifii afuufutti ammoo, akkuma inni tajaajiltoota ifii raagotatti mudhisetti dhossaan Waaqaa hin muummotti» jedhe.
8Achiin duuba qoonqoon ani ol-gubbaa irraa dhage'e tuun ammalle, «Dhaqiitii harka ergamaa Waaqaa, ka abbaaya'aa fi lafa irra dhaabbateeru irraa, Kitaaba diqqicha maramaa, ka banameeru fudhadhu» jettee natti dubbatte. 9Anille gara erganticha Waaqaa dhaqee Kitaaba diqqicha maramaa san akka naaf kennu gaafadhe; innille, «Fudhadhuu nyaadhu! Inni afaan keeti keessatti akka dammaa hin mi'owa, gadhaa keeti keessatti ammoo hin hadhowa» naan jedhe. 10Kitaaba diqqicha san harka ergamaa Waaqaa irraa fuudhee nyaadhe; afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe; nyaadheen duuba ammoo gadhaa kiyya keessatti hadhowe. 11Achiin duuba, «Ati marroo kolbaa adda addaa, marroo gosa biyya adda addaa, marroo afaan adda addaatii fi marroo mootota adda addaa raaga dubbatuu qadda» jedhamee natti himame.

Did you know?
The Angel, the Sealed Thunders, and the Scroll
- A mighty angel comes down from heaven, wrapped in a cloud, with a rainbow above his head, a face like the sun, and legs like pillars of fire. He holds a small scroll that lies open, and he places his right foot on the sea and his left foot on the land.Sources: the Bible text itself
- When the angel cries out like a roaring lion, seven thunders speak. The narrator is about to write down what they said, but a voice from heaven commands that it be sealed and not written down. Standing on the sea and on the land, the angel lifts his right hand to heaven and swears by the One who lives forever and ever, who created heaven and everything in it, the earth and everything in it, and the sea and everything in it, that there will be no more delay, yet in the days when the seventh angel is about to sound his trumpet the mystery of God will be fulfilled, just as He proclaimed to His servants the prophets.Sources: the Bible text itself
- A voice from heaven tells the narrator to take the small open scroll from the angel’s hand. The angel says to eat it, warning that it will be sweet as honey in the mouth but bitter in the stomach. The narrator eats it and finds it so, and is then told to prophesy again about many peoples, nations, tongues, and kings.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org