Psalms 96
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waaqa Mooticha Ol Aanaa
1Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;
Kolbaan lafa irraa marti
Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a.
2Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa'a;
maqaa isaa leellisa'a.
Guyyuma guyya'aan fayyisiisa isaa lassa'a.
3Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa,
kolbaa maratti hujii isaa ta maade'ee lassa'a.
4Mootiin Waan Maraa guddaa waan te'eef,
guddifamee leellifamuu male;
waaqota mara caalaa sodaatamuu male;
5waaqoti gosa biyya adda addaa marti
waaqota dharaa ti;
Mootiin Waan Maraa ammoo ka ol-gubbaa dade.
6Ulfinnii fi arnyi fuula isaa dura,
jabeennii fi dansummaan
addee woyyittii isaa keessa jiran.
7Maatiin gosa biyya adda addaa
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
ulfinnaa fi jabeenna Mootii Waan Maraa leellisa'a.
8Ulfinna maqaa isaatiif te'u
Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a;
kennansa fida'aatii gara badhinna mana isaa kowa'a.
9Dansummaa woyyummaa isaatiif
Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a;
nami lafa irraa marti fuula isaa duratti holladha'a.
10Gosa biyya adda addaa maraan,
«Mootiin Waan Maraa mooti'i!
Biyyi lafaa jabaattee dhaabanteerti;
isiin ijjumaa hin tachootu;
inni kolbaa maraaf wol qixxee mura» jedha'a.
11Ol-gubbaan gammadduu ti;
lattille firinxiixxuu ti;
abbaaya'aa fi wonni isii keessalle shookkittuu ti.
12Ficha'aa fi wonni isa keessaa marti gammadduu ti;
achiin duuba muki badda'aa marti ilillisaa hin faarsan.
13Mootiin Waan Maraa waan dhufuuf,
fuula isaa duratti ilillisaa faarsan;
inni lafatti muriisaaf hin dhufa.
Biyya lafaatitti balchumma'aan,
kolbaa maratti dhuga'aan hin mura.

Did you know?
A Universal Song of Praise and Judgment
- Psalm 96 extends an invitation beyond Israel, calling all families of the nations to acknowledge the Lord, bring offerings into his courts, and abandon the idols of the peoples in recognition of the Creator of the heavens.Sources: the Bible text itself
- The psalm portrays the natural world—including the heavens, the earth, the roaring seas, fields, and forest trees—as actively rejoicing because the Lord comes to govern and judge all peoples with righteousness and equity.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org