Nations Bible

Psalms 94

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Waaqa Balchootaaf Haluu Bayu

1Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa haluu bayu;

ee Waaqa haluu bayu,

ulfinna keeti mudhisi!

2Ee abbaa mura'aa ka lafa tanaa, ka'i!

Worra koorameeyyi'iif waan isaaniif male kenni.

3Ee Mootii Waan Maraa,

worri hamaan haga yoomii firinxiixan?

Isaan haga yoomii firinxiixan?

4Isaan jechoota koora ifii gad naqan;

worri hantuu huju marti ifi jajiisaan guutamaneeran.

5Ee Mootii Waan Maraa, isaan kolbaa teeti butuchan;

kolbaa teeti cunqursan.

6Isaan haadhotii hiyyeessaatii fi

alagaa worra lafa teenna keessa le'u ijjeesan;

ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qalan.

7Isaan, «Mootiin Waan Maraa hin dhaggu;

Waaqi Yaaqoobii tana hin hubatu» jedhan.

8Kolbaa keessaa worri daalleen hubadha'a;

isin worri gowwaan yoom qaroolee teetan?

9Ka gurra dade ifii hin dhage'uu?

Ka ila dade ifii hin dhagguu?

10Ka gosa biyya adda addaa gorsu hin adabuu?

Ka ilmaan namaa barsiisu,

inni beekkumsa dhabee ree?

11Mootiin Waan Maraa yaada namaa hin beeka;

yaadi namaa akka hafuura baafata tokkochaa

akka te'e inni hin beeka.

12Ee Mootii Waan Maraa, nami ati gorsitu,

ka ati seera keeti barsiittu,

attam attam ka gammade.

13Worra hama'aaf boolli haga qotantutti,

ati guyyaa rakkinnaa irraa isa foorfachiitta.

14Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii hin gatu;

ijoollee ifii hin lakkisu.

15Muraan deebitee haqa irratti hin hundootti;

worri qajeelaan marti haqa gula deeman.

16Eentu ka'ee worra hamaa naaf ka'ee morma?

Eentu worra waan hantuu huju mormiisaaf,

golii tiyya dhaabbata?

17Mootiin Waan Maraa adoo na hin qarqaarre teetee,

silaa ani ariiti'iin du'eera.

18Yennaa ani, «Miilli kiyya mucucaate» jedhu,

ee Mootii Waan Maraa,

jaalalli keeti ka bara baraa na utuba.

19Yennaa yaaddoon gadhaa kiyyatti bacattu,

ati na jajjabeessitee lubbuu tiyya gammachiitta.

20Worri seera sababeeffatee maltummaa huju,

sooreyyiin hamooleen

si woliin jaalota te'uu dande'anii ree?

21Isaan jiruu worra balchoole'ee

irratti ka'iisaaf wol qabatan;

worra yakkaa hin qannetti du'a muran.

22Mootiin Waan Maraa kiyya ammoo

kushee naaf te'eera;

Waaqi kiyya rassaa ani itti baqadhu.

23Waaqi yakkaa isaaniitiif isaan hin adaba;

hammeenna isaaniitiifille isaan hin balleessa;

Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna isaan hin balleessa.

Did you know?

Psalm 94: A Cry Against Injustice and Corrupt Power

  • The psalm highlights the plight of the widow, the foreigner, and the fatherless, who are targeted by the wicked. These three groups represent the most vulnerable members of ancient Israelite society, who lacked social and legal power to defend themselves.Sources: the Bible text itself
  • To counter the arrogant claim that God is blind to wickedness, the psalmist appeals to creation. The argument reasons that the Creator who fashioned human ears and eyes cannot Himself lack the ability to hear, see, and judge human conduct.Sources: the Bible text itself
  • The psalm confronts systemic injustice by condemning a corrupt throne that devises misery by legal decree. This refers to corrupt judges and rulers who exploited legal mechanisms and court authority to condemn innocent people to death.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.