Nations Bible

Psalms 92

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Hujii Isaatiif Mootii Waan Maraa Leellisuu

Faaruu Guyyaa Sanbataa

1Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun

Ee Waaqa Ol Aana'a,

maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa'a.

2Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,

addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,

3meya faaru'uu ka ribuu kudhan qabuu fi

yoyyoma kiraara guddichaatiin

si leellisuun dansa'a.

4Ee Mootii Waan Maraa, hujii teetiin na gammachiitta;

ani hujii harka keetiititti gammadee faarfadha.

5Ee Mootii Waan Maraa, hujiin teeti attam attam guddo'o;

yaadi keeti attam attam gad fagaata!

6Nami daalleen tana hin beeku;

gowwaalle tana hin hubatu.

7Worri hamaan akka marraa latanulle,

worri waan hantuu huju marti daraaranulle,

isaan ijjumaayyuu hin badan.

8Ee Mootii Waan Maraa, ati ammoo

haga bara baraa ol aana'a.

9Ee Mootii Waan Maraa, diinoti keeti,

dhugumaan diinoti keeti hin badan;

worri waan hantuu huju marti hin bittinnowan.

10Ati akka gafarsaa na jabeessitee,

zayiti'iin na muudde.

11Ilti tiyya injifatama diinota kiyyaa dhaggite;

gurri kiyyalle iyya nyaaphota kiyya hamoole'ee dhage'e.

12Nami balchaan akka muka meexxi'ii hin oshoba;

akka hindheensa Libaanonii hin banqaaqa.

13Isaan akka muka mana Mootii Waan Maraa keessatti dhaabamanee,

badhinna mana Waaqa keennaatiin duraa keessatti

hin oshoban.

14Isaan akka muka dullummaa keessa midhaan buusuu,

ka yennaa mara bisille'ee

hin te'an.

15Isaan, «Mootiin Waan Maraa sirri'i;

inni rassaa ani itti baqadhu;

isa keessa hammeenni hin jiru» jedhan.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Sabbath Song of Praise

  • Psalm 92 is specifically designated in its opening heading as a song for the Sabbath day. It describes praising God both in the morning and at night, accompanied by musical instruments like the ten-stringed harp and the lyre.Sources: the Bible text itself
  • The psalm contrasts evildoers, who sprout quickly like grass only to be destroyed, with the righteous. The faithful are likened to enduring palm trees and tall cedars from the prominent mountain range of Lebanon, remaining green and bearing fruit into old age.Sources: the Bible text itself · Lebanon

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Lebanon · 33.540, 35.584 · verse 12

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.