Psalms 85
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daadimata Nageya Biyyaatiif Dhikaate
Faaruu ilmaan Qoraahii, Sooressa faarfattootaatiif.
1Ee Mootii Waan Maraa
ati lafa teeti mararteerta;
sanyii Yaaqoobiitiif
milkii adde'etti deebitteerta.
2Ati yakkaa kolbaa teetii araaranteerta;
cubbuu isaaniille mara golliteerta.
3Mufii teeti lakkitteerta;
aarii teeti ta bobeettu irraa deebiteerta.
4Ee Waaqa fayyisaa keenna,
adde'etti nu deebisi;
nutti mufatiisa lakkisi.
5Ati haga bara baraa nutti aartaa ree?
Aarii teeti dhaloota irraa
gara dhalootaatitti dabarsitaa ree?
6Kolbaan teeti akka sitti guddoo gammadu,
deebittee nu hin jiraachittuu ree?
7Ee Mootii Waan Maraa
jaalala keeti ka bara baraa nutti mudhisi;
fayyisiisa keeti nuu kenni.
8Ani waan Waaqi Mootiin Waan Maraa dubbatu
hin caqasa;
kolbaan isaa, worri isaaf addatame,
gara gowwumma'aatitti hin deebi'in malee,
Mootiin Waan Maraa
nageya isaaniif waadaa gala.
9Ulfinni isaa
lafa teenna keessa akka jiraatu,
dhugumaan fayyisiisi isaa
worra isa sodaatuuf dhikoo jira.
10Jaalalli fi addatamummaan wol dhaggan;
balchumma'aa fi nageenni wol sunqatan.
11Addatamummaan lafa keessaa latti;
balchummaan ol-gubbaa irraa gad ilaalti.
12Mootiin Waan Maraa
waan dansaa hin kenna;
latti teennalle midhaan hin baatti.
13Balchummaan dura isaa deenti;
tarkaaffii isaatiif daandii qopheessiti.

Did you know?
A Plea for Restoration and Peace
- The superscription attributes this composition to the sons of Korah, descendants of the Levite who led a rebellion against Moses and Aaron in the wilderness.Sources: the Bible text itself · Korah (Levite)
- The psalm recalls how God restored Jacob from captivity and pardoned the people's sins, using the ancestral name of Isaac's son Jacob to refer to the nation.Sources: the Bible text itself · Jacob (Israel)
- In a celebrated poetic imagery, the psalmist personifies divine qualities, describing loving devotion and faithfulness meeting together, and righteousness and peace kissing as the land yields its increase.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org