Psalms 83
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Diinoti Israa'elii Akka Injifatamanuuf Daadimata Dhikaate
Faaruu Asaafii.
1Ee Waaqa, hin cadhisin;
hin sarmin yookiin cadhittee hin ilaalin.
2Amumaayyuu diinoti keeti
finqila kaasaneeran;
worri si jibbu mataa ifii togeera.
3Isaan kolbaa teeti irratti mala dhowani;
worra ati jaalattu irratti mari'atan.
4Isaan, «Maqaan gosa biyya Israa'elii,
deebi'ee akka hin qaabatanne,
akka isaan kolbaa hin teene,
kowaa, isaan balleessinaa» jedhan.
5Yaada tokkoon wolii galanee
si irratti mala dhowane;
si irratti ka'iisaaf wol gondooratane;
6Isaan kun kolbaa Edoomii, kolbaa Ishimaa'elii,
kolbaa Mo'aabiitii fi Aggaarii,
7kolbaa Gebaaliitii fi Amoonii, Amaaleqoota,
worra Filisxeemotaatii fi Xiiroosii ti.
8Worri Asooriille isaanitti ede'amanee
sanyii Looxii gargaarane.
9Worra Miidiyaanii akkuma goote,
laga Qiisoniititti
Siisaara'aa fi Yaabiin akkuma goote,
isaan kanalle akkasuma godhi.
10Worri sun Endooritti ijjeefamanee,
shamanee lafaaf kosii te'ane.
11Qondaaltota isaanii
akkuma Oreebiitii fi Ze'eebii,
sooressitoota isaaniille
akkuma Zeeba'aa fi Xaalmuna'aa godhi.
12Isaan, «Lafa kaloo kolbaa Waaqaa
fudhannee teenna godhanna» worra jedhe.
13Ee Waaqa kiyya
akka bukuu hobonbolattiin garagaggalchituu,
akka huura qilleensi fuudhee deemuu isaan godhi.
14Akkuma ibiddi gongomaa muxuqi godhu,
akkuma bobeenni gaara gubu,
15ati bubbee teetiin isaan ari'i;
hobonbolattii teetiin isaan bararassi.
16Ee Mootii Waan Maraa,
akka isaan maqaa keeti barbaadanu,
isaan fokkisiisi.
17Haga bara baraa isaan qaanessiitii naasisi;
isaan salphinnaan badanuu ti.
18Isaan maqaan keeti Mootii Waan Maraa akka te'e,
ati callaan lafa duudii irratti
Waaqa Ol Aanaa akka teete beekanuu ti.
Did you know?
Prayer Against a Hostile Alliance
- Psalm 83 is the final psalm in the collection of twelve (Psalms 50 and 73–83) attributed to Asaph, a Levite musician and choir leader during the time of David.Sources: Asaph (Levite) · the Bible text itself
- The psalm describes a confederacy of hostile nations plotting against Israel, naming regional neighbors such as Edom, Moab, Ammon, and Amalek alongside Phoenician coastal cities like Gebal and Tyre, as well as Assyria.Sources: the Bible text itself · Gebal · Tyre · Edom
- To appeal for divine help, the author recalls prominent victories from the era of the Judges, including the defeat of the Canaanite commander Sisera and King Jabin at the River Kishon, and Gideon's triumph over the Midianite leaders Oreb, Zeeb, Zebah, and Zalmunna.Sources: the Bible text itself · Sisera (army captain) · Jabin (king of Hazor) · Oreb
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Edom · 30.746, 35.604 · verse 6
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verse 6
- Amalek · 30.648, 34.422 · verse 7
- Ammon · 31.955, 35.934 · verse 7
- Philistia · 31.664, 34.546 · verse 7
- Tyre · 33.271, 35.196 · verse 7
- Asshur · Today: Assur · 35.457, 43.263 · verse 8
- Midian · 28.495, 35.012 · verse 9
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org