Nations Bible

Psalms 66

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Faaruu Leellisaatii Fi Galataa

Faaruu, sooressa faarfattootaatiif.

1Biyyi lafaa duudiin,

Waaqaaf gammadaa ilillisa'a.

2Ulfinna maqaa isaatiif faarfadha'a;

leellisa ulfinnaa isaaf kenna'a.

3Waaqaan, «Hujiin teeti attam attam bilbaasa!

Hunni teeti guddoo waan teeteef,

diinoti keeti soda'aan si duratti hollatan.

4Worri lafa irra jiru marti sii sagadan;

isaan faaru'uun si leellisan;

maqaa keeti leellisaa faarfatan» jedha'a.

5Waan Waaqi godhe kowa'aa ilaala'a;

inni hujii baasaa odduu kolba'aatitti hujeera.

6Inni abbaayaa gargar kutee,

kolbaan isaa miila ifiitiin lafa godduu irra

laga Yordaanosii gamatti buute;

nuutille waan inni godheen gammanne.

7Inni hunna ifiitiin haga bara baraa hin bulcha;

ilti isaa gosa biyya adda addaa hin eeddi.

Worri isa finqilu isa irratti hin ka'in.

8Ee, gosi biyya adda addaa

Waaqa keenna leellisa'a;

qoonqoo ol qabadha'aatii isa leellisa'a.

9Inni jiru'uun nu eegee,

miila keennalle akka hin mucucaanne godheera.

10Ee Waaqa, ati haga nu ilaalteerta;

akkuma meetiin ibiddaan dhimbiibantu,

ati nu dhimbiidde.

11Ati tiyyoo keessa nu galchite;

ba'aa ulfaattuu dudda keenna irra keette.

12Ati akka namooti mataa keenna irratti bayanu goote;

ibiddaa fi bisaan keessa dabarre;

amma ammoo addee wonni dansaan jirtutti nu baache.

13Ani ciincaa qabadhee gara mana keetii hin seena;

waan waadaa gale si'iif hin muummessa.

14Waadaan sun ka ani yennaa rakkoo keessa jiru

arrabi kiyya tuqee, afaan kiyya dubbate.

15Ciincaa horii cocoomaatii fi

ciincaa korbeeyyii hoole'ee si'iif hin dhikeessa;

korommi'ii fi korbeeyyii re'e'ee hin kenna.

16Isin worri Waaqa sodaattanu marti,

kowa'aa dhage'a'a;

ani waan Waaqi naaf godhe hin hima.

17Ani guddisee gara isaa iyye;

arraba kiyyaan isa saade.

18Ani cubbuu gadhaa kiyya keessatti

adoo dhoffadhee jiraadhee,

Goottaan silaa na hin caqasuuyyu.

19Waaqi ammoo dhugumaan naaf caqaseera;

qoonqoo daadimata kiyyaalle dhage'eera.

20Daadimata kiyya waan hin tuffatiniif,

yookiin jaalala ifii ka bara baraa

waan na irraa hin fudhatiniif,

Waaqi leellifamuu ti.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Praise for Deliverance and Fulfilled Vows

  • Psalm 66 transitions from corporate praise celebrating Israel's historical deliverance, such as passing through the sea on dry land, to a personal testimony of answered prayer and gratitude.Sources: the Bible text itself
  • The psalm uses the imagery of refining silver alongside experiences of nets, heavy burdens, fire, and water to describe how testing ultimately led the community into a place of abundance.Sources: the Bible text itself
  • In ancient Israelite worship, individuals frequently made solemn vows to God during times of distress, promising specific animal sacrifices, such as rams, bulls, and goats, once deliverance was granted.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.