Psalms 62
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waaqa Qofatti Addatuu
Faaruu Daawitii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.
1Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf,
lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti.
2Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.
3Nama akka dalleya dhaka'aa ka duufee,
akka dalleya daaqee te'e tokko,
isin haga yoomii isa lolaa teettan ree?
4Isaan nama san addee ulfinnaa irraa
gad isa buusiisaaf barbaadan.
Dhara dubbatiisatti gammadan;
afaan ifiitiin hin eebbisan;
gadhaa ifiitiin ammoo hin abaaran.
5Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti;
addiin tiyya isa irraa naa dhutti.
6Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.
7Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe;
inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle'e.
8Ee kolba'a, yennaa mara Waaqatti addadha'a;
Waaqi ka itti baqannu waan te'eef,
yaada gadhaa keessanii mara itti himadha'a.
9Ilmaan namaa akka qilleensaa ti;
namooti marti womaa moti.
Isaan yoo madaalamane,
qilleensa caalaa sallatan.
10Hunnaan saamiisatti hin addatina'a;
waan hannaan dhaggameen hin koorina'a;
yoo karri teessan ede'antelle,
addii itti hin godhatina'a.
11Waaqi takkaa dubbateera;
ani waan lama dhage'eera.
Sunille, «Hunni ta Waaqaa ti;
12jaalalli bara baraa ka Gootta'aa ti» ta jettu.
Ee Gootta'a ati maraafuu
akka hujii isaatitti gatii isaaf kaffalta.

Did you know?
God Alone as Rock and Refuge
- The psalm's superscription directs the song to the choirmaster and associates it with Jeduthun, a leader of music in ancient Israelite worship, and with David.Sources: the Bible text itself
- To highlight human frailty and deceit, the psalmist contrasts God as an immovable rock and fortress with enemies compared to a leaning wall, a tottering fence, and a mere vapor weighed on a balance scale.Sources: the Bible text itself
- The phrase 'God has spoken once; I have heard this twice' reflects a common Hebrew poetic device known as graded numerical parallelism, used to underscore the certainty and significance of a message.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org