Psalms 60
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif, ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante. Dhugaa bayiisa. Faaruu barsiisiisaa, ta inni yennaa worra Aaramii ka biyya bisaan lama oddu'uutii fi worra Aaram Xoba'aa woliin wol lole, yennaa Yo'aab deebi'ee dhooqa sooddaa keessatti namoota Edoomii kuma kudha lama injifate faarfate.
1Ee Waaqa, ati nu gatteerta;
nu caccassiteerta;
nutti aarteerta; amma adde'etti nu deebisi.
2Ati lafa tachoottee, dhodhoocheerta;
isiin waan raafamiisatti jirtuuf,
dho'a isi'ii san fayyisi.
3Ati kolbaan teeti
akka guddoo rakkattu gooteerta;
daadhii woyni'ii
ta akka nuuti tintimaa ideennu nu gootu
nuu kenniteerta.
4Isaan akka daaya jalaa miliqanuuf,
ati worra si sodaatuuf,
baandiraa akka ol kaafatanu
isaaniif kenniteerta.
5Kolbaan ati jaalattu akka baatu,
hunna teetiin nu baasi;
daadimata keennaafille deebii kenni.
6Waaqi addee woyyittii ifii keessaa,
«Ani injifadhee,
lafa ‹Sheekem› jedhantu hin hira;
dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf qooda.
7Latti Giil'aadii tiyya;
latti Minaase'eelle tiyya;
Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti;
Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti.
8Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti;
Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf,
kophee tiyya irratti hin qolaansa;
Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera.
9Gara qachaa guddicha dalleya
dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree?
Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree?
10Ee Waaqa, ati nu gatteerta;
loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta.
11Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baaneef,
diinota keenna akka lolluuf,
ati nu qarqaar.
12Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna;
inni diinota keenna hin salphisa.
Did you know?
A Plea for Victory and Divine Sovereignty
- The psalm's historical heading frames this prayer around King David's military campaigns against northern Aramean kingdoms and Joab's battle against Edom in the Valley of Salt.Sources: the Bible text itself · Edom
- When the psalm depicts God declaring sovereignty over the land, it names key locations on both sides of the Jordan River: Shechem in the central hills between Mount Ebal and Gerizim, the Valley of Succoth to the east near the Jabbok, and the mountainous territory of Gilead.Sources: the Bible text itself · Shechem · Valley of Succoth · Gilead
- The text uses striking everyday imagery to portray dominion over neighboring rivals, describing Moab as a washbasin, throwing a sandal over Edom, and crying out in triumph over Philistia.Sources: the Bible text itself · Moab · Edom · Philistia
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Aram-naharaim · 36.864, 39.033 · verse 1
- Edom · 30.746, 35.604 · verses 1, 8, 9
- Zobah · 33.935, 36.151 · verse 1
- Shechem · Today: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · verse 6
- Valley of Succoth · 32.197, 35.621 · verse 6
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 7
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verse 8
- Philistia · 31.664, 34.546 · verse 8
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org