Nations Bible

Psalms 51

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daadimata Araara Dhaggatiisaaf Dhikaate

Faaruu Daawiti sooressa faarfattootaatiif. Daawiti Baat-Sheebaa gaarayyeeffateen duuba yennaa raagichi Naataan gara isaa dhufe ta inni faarfate.

1Ee Waaqa,

sababa jaalala keeti ka bara baraatiif,

na marari.

Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo'ootiif,

yakkaa tiyya haxowii balleessi.

2Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi;

cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi.

3Ani yakkaa tiyya waan beekuuf,

yennaa mara cubbuun tiyya

fuula kiyya dura jirti.

4Ani si irratti ka'ee, si qofa yakkee,

waan hantuu si duratti godhe.

Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga'a;

muraan ati natti murtelle haqa.

5Dhugumaan ani cubbu'uun dhaladhe;

yennaa haati tiyya na ulfoottuu ani cubbicha.

6Ati keessa namaatitti dhugaa hin halchita;

tanaaf, gadhaa kiyya ka dhossa'aa keessatti

qarummaa na barsiisi.

7Baala hisoophiitiin fiffixiitii,

cubbuu irraa na qulqulleessi;

anille hin qulqullowa;

na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha.

8Ililleetti'ii fi gammada na dhageessisi;

ati na caccassitee butuchitulle

ani deebi'ee hin gammada.

9Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu;

yakkaa tiyya mara haxowii balleessi.

10Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;

ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.

11Fuula keeti duraa na hin fageessin;

Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.

12Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san,

adde'etti naaf deebisi;

akka si'iif ajajamu na qarqaar.

13Achiin duuba ani

worra seera keeti yakku hin barsiisa;

cubbaaleyyiille gara keeti hin deebi'an.

14Ee Waaqa, Waaqa fayyinna kiyyaa,

yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi;

arrabi kiyya marroo balchummaa teetii

gammadaan ilillisa.

15Ee Gootta'a, afaan kiyya bani;

anille arraba kiyyaan si hin leellifadha.

16Ati adoo ciincaa jaalattu teetee,

ani silaa si'iif hin dhikeessaayyu.

Ati kennansa gubamutti hin gammaddu.

17Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe;

ee Waaqa, ati yaada gad jedhee,

cubbuu irraa deebi'u hin tuffattu.

18Fedhii teetiin Xiyooniif waan dansaa godhi;

dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii deebisii ijaari.

19Achiin duuba ati ciincaa sirrii te'ee fi

kennansa gubamutti hin gammadda;

addee ciincaan itti ciinceffamu teeti irratti

dardarooti hin dhikeeffaman.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Psalm of Repentance

  • The psalm's introductory heading connects this prayer to the confrontation between the prophet Nathan and King David after David's adultery with Bathsheba, pleading for mercy and deliverance from bloodguilt.Sources: the Bible text itself
  • The prayer uses the imagery of purification with hyssop and washing to describe spiritual cleansing, stating that God values a broken spirit and a contrite heart rather than mere animal sacrifices.Sources: the Bible text itself
  • The psalm concludes with a petition for God to bless Zion and build the walls of Jerusalem, anticipating the restoration of righteous sacrifices and burnt offerings upon the altar.Sources: the Bible text itself · Zion · Jerusalem

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 18
  • Zion · Today: Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 18

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.