Psalms 4
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daadimata Waaqatti Addatiisaan Dhikaatu
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1Ee Waaqa balchaa kiyya,
yennaa ani si waamu naaf owwaadhu.
Yennaa ani rakkoo keessa jiru
ati ammoo bilisa na baacha.
Ammalle naa mararii daadimata kiyya dhage'i.
2Ee Kolba'a, isin haga yoomii ulfinna kiyya salphittan?
Haga yoomii waan bu'aa hin qanne jaalattan?
Haga yoomii dhara barbaaddan?
3Mootiin Waan Maraa worra isaaf addatamaa te'e
akka filate beeka'a;
yennaa ani isa waammadhu naaf hin dhage'a.
4Isin yennaa aartanulle cubbuu hin hujina'a;
isin yennaa taqee teessan irra jirtanu,
cadhisa'aatii qalbii teessan keessatti itti yaadadha'a.
5Ciincaa sirrii te'e dhikeessa'aatii,
Mootii Waan Maraatitti addadha'a.
6Namooti, «Waan dansaa eentu nutti mudhisa?» jedhanee gaafatanu heddu'u;
ee Mootii Waan Maraa, ifi fuula keetii nu irratti ifuu ti.
7Gammada worri dhibiin
midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa,
ati na gammachiitteerta.
8Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu,
si qofa waan te'eef,
ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa.
Did you know?
An Evening Prayer of Trust
- The superscription designates the text as a psalm of David directed to the choirmaster, to be performed with stringed instruments.Sources: the Bible text itself
- The psalmist compares inner joy from God to agricultural abundance, noting that it brings greater gladness than seasons when grain and new wine abound.Sources: the Bible text itself
- The psalm emphasizes nocturnal reflection and peace, instructing the reader to search their heart quietly on their bed and concluding with the assurance of resting in safety.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org