Nations Bible

Psalms 33

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Faaruu Leellisaa

1Isin balchooti Mootii Waan Maraatiin gammada'a.

Worri qajeelaan isa leellisuu barbaachisa.

2Maasinqo'oon Mootii Waan Maraa leellisa'a!

Kiraara guddicha ribuu kudhaniitiin isaaf faarsa'a.

3Faaruu haareya isaaf faarsa'a;

kiraara guddicha akka dansaa dhowa'a;

gammadaan, «Ilili!» jedha'a.

4Jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a;

Mootiin Waan Maraa hujii ifii maraan addatama'a.

5Mootiin Waan Maraa balchumma'aa fi haqa jaalata;

Latti jaalala isaa ka bara baraatiin guutanteerti.

6Ol-gubbaan jecha Mootii Waan Maraatiin,

aduun, ji'aa fi urjooti ajaja isaatiin dadamane.

7Inni bisaan abbaaya'aa addee tokkotti wolitti qaba;

abbaayaa gugurdoo qilee te'ane

addee itti kuufamanutti kuusa.

8Biyyi lafaa marti Mootii Waan Maraa sodaattuu ti;

kolbaan biyya lafaa marti isaaf sheephittuu ti.

9Inni dubbate, wonni inni dubbatelle dadante;

inni ajaje, wonni inni ajajelle teete.

10Mootiin Waan Maraa

karoora gosa biyya adda addaa hin diiga;

inni yaadi kolbaa heddu'uu

hujii irra akka hin oolle godha.

11Karoorri Mootii Waan Maraa ammoo

bara baraan jabaatee dhaabbata;

yaadi isaalle dhaloota irraa gara dhalootaa dabara.

12Gosi Waaqi Mootii Waan Maraa te'eef,

kolbaan inni ifiif filate gammadduu ti.

13Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa gad ilaala;

inni nama duudii dhagga.

14Barcumaa mootummaa ifii irraa

inni worra lafa irra jiru mara dhagga.

15Inni ka qalbii isaanii mara dade,

waan isaan hujanu mara hin beeka.

16Mootiin loltoota ifii guddo'oon hin bayu;

jannille jabeenna ifii gudda'aan hin miliqu.

17Fardi lolaa injifatiisaaf addii bu'aa hin qanne;

jabeenni guddaan isaalle nama baasuu hin dande'u.

18Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu,

worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti.

19Inni du'a irraa isaan hambura;

bara beelaalle jiru'uun isaan eega.

20Lubbuun teenna addi'iin Mootii Waan Maraa eegatti;

inni qarqaaraa keenna; wontee teennalle'e.

21Maqaa isaa woyyichatti waan addannuuf,

gadhaan keenna isatti gammada.

22Ee Mootii Waan Maraa,

akkuma nuuti addii si godhane,

jaalalli keeti ka bara baraa nu irratti te'uu ti.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Praise to the Creator and Sovereign Lord

  • The psalm explicitly calls for worship accompanied by stringed instruments, including the harp and a ten-stringed instrument, blending vocal song with skillful musical accompaniment.Sources: the Bible text itself
  • Creation is described as occurring entirely through the spoken word and breath of the Lord, bringing the heavens, stars, and seas into existence without physical exertion.Sources: the Bible text itself
  • The text contrasts divine protection with ancient military power, observing that neither vast armies, physical might, nor warhorses can guarantee deliverance or victory.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.