Psalms 22
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Iyya Gaddaatii Fi Faaruu Leellisaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta yoyyoma, «Gadansa dayya'a boru'uu» jedhantuun faarfatante.
1Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaf na lakkitte?
Ati maaf na qarqaariisa irraa,
jecha aadiisa kiyyaa irraa fagaatte?
2Waaqa kiyya, ani guyyaa gara keeti iyya,
ati ammoo naaf hin deebittu;
halkanille hin iyya,
ammoo foora hin dhaggadhu.
3Te'uu malee ati Waaqa woyyicha.
Leellisi worra Israa'elii
barcumaa mootumma'aa keeti marsa.
4Abbootiin teenna ta durii sitti addatte;
isaan si addatanee,
atille isaan baache.
5Isaan gara keeti iyyanee bayane;
sitti addataneelle hin fokkifanne.
6Ani ammoo corroqa malee namaa moti;
namooti natti murgan; kolbaalle na tuffatti.
7Ka na dhaggu marti natti murga;
isaan arraba baasanee mataa natti raasaa,
8«Inni Mootii Waan Maraatitti addateeraa,
inni isa hamburuu ti me!
Inni waan isa jaalatuuf,
isa baasuu ti me!» naan jedhan.
9Ati nageyaan akka dhaladhu na gootee,
harma haadha tiyyaa irralle'etti na eedde.
10Gadaamessa haadha tiyyaatii jalqabee
ka na eege si'i;
gadhaa haadha tiyyaatii jalqaddee
ati Waaqa kiyya teeteerta.
11Rakkinni na dhaqqabiisaaf waan dhikaateef,
ka na qarqaarulle waan hin jirreef,
na irraa hin fagaatin.
12Diinoti hedduun akka korommi'ii na marsaneeran;
worri jajjaboon akka korommii Baashaanii
na naannessaneeran.
13Akka neenqa waan adanse kukkutataa dhangaa dhowuu,
isaan afaan ifii natti banan.
14Hunni tiyya akka bisaanii jiddeerti;
mitikaan lafee tiyyaa marti gargar bayeera.
Gadhaan kiyya akka gaga'aa
na baqeera.
15Afaan kiyya akka basso'oo gogee,
arrabi kiyyalle laagada'atti na qabate;
ati akka nama du'ee bukuu keessa na irkitte.
16Worri akka sare'ee na marse;
goliin worra hantuu hujuu na naannessanee,
harka kiyyaa fi miila kiyya woraananee fullaasane.
17Ani huqqadhee lafeen tiyya mudhatte;
diinoti kiyya ila natti qabanee na ilaalane.
18Woyaa tiyya qoqoodamanee,
ruufa kiyyatti hixaa buufatane.
19Ee Mootii Waan Maraa kiyya,
ati ammoo na irraa hin fagaatin!
Ee qarqaaraa kiyya,
na qarqaariisaaf ariifadhuu koy!
20Lubbuu tiyya shallaagaa jalaa,
jiruu tiyya hunna saroolee tanaa jalaa baasi.
21Afaan neenqaa jalaa na hamburi;
gaafa gafarsaa jalaa na baasi.
22Ani guddinna maqaa keetii kolbaa tiyyatti hin hima;
wolde'a gumii isaanii keessatti ani si hin leellisa.
23Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,
isa leellisa'a!
Isin sanyiin Yaaqoobii marti,
isa ulfeessa'a!
Isin kolbaan Israa'elii marti,
isa saadadha'a!
24Inni nama rakkate hin tuffanne;
inni fuula ifiille isa irraa hin deebifanne;
ammoo yennaa inni gara isaa iyye isaaf dhage'e.
25Waan ati hujjeef,
gumii guddoo keessatti ani si leellisa;
worra si sodaatu duratti waan waadaa gale
ani si'iif hin kenna.
26Worri hiyyeeyyiin nyaatanee hin quufan;
worri Mootii Waan Maraa barbaadu,
isa hin leellisan.
Baruma baraan gadhaan keessan gammadaan le'uu ti!
27Kolbaan lafa irraa marti qaabattee
gara Mootii Waan Maraa hin deebiti;
maatiin gosa biyya adda addaa marti
isaaf hin sagaddi.
28Baalliin ta Mootii Waan Maraa waan te'eef,
inni gosa biyya adda addaa hin bulcha.
29Worri dureeyyiin marti isaaf hin sagadan;
nami foon uffate marti isa duratti hin jilbiiffatan.
30Dhalooti hegerii isa hin tajaajilan;
dhaloota dhufutti
marroon waan Mootii Waan Maraa
itti hin himama.
31Isaan dhufanee hujii balchummaa isaa lassaa,
balchummaa inni huje
worra amma hin dhalatiniif hin himan.

Did you know?
Lament, Deliverance, and Global Praise
- The superscription of Psalm 22 directs the psalm to be sung to the tune of 'The Doe of the Dawn.' The poem begins with an agonizing cry of abandonment, yet transitions dramatically into a joyous public thanksgiving before the worshipping community.Sources: the Bible text itself
- The psalmist compares fierce adversaries to 'strong bulls of Bashan.' Bashan was a fertile region stretching from Gilead in the south to Mount Hermon in the north, given to the half-tribe of Manasseh and known for its robust livestock.Sources: the Bible text itself · Bashan
- The second half of the psalm depicts the fulfillment of vows in the 'great assembly,' where a communal meal is shared so that the poor may eat and be satisfied, and God's righteous deeds are proclaimed to unborn generations.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Bashan · 32.781, 35.935 · verse 12
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org