Psalms 19
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Dadi Ulfinna Waaqaa Mudhitti
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1Ol-gubbaan ulfinnaa Waaqaa hinti;
gubbaan hujii harka isaa lalladdi.
2Guyyaan guyyaa itti aanutti kanuma dabarsa;
halkanille halkan itti aanutti woma kana hima.
3Dubbiin yookiin jechi hin jiru;
qoonqoon isaanii hin dhage'antu;
4Te'uu malee ergaan isaanii
biyya lafaa duudi'itti baatee,
haga qaccee biyya lafaa geetti.
Inni adu'uuf gubbaa irratti dunkaanii dhaabe.
5Aduun akka waajiba diinqa ifiitii gad bayuu baati;
akkuma nami rukkee wol doggommi'ii rukkisu
gammadaan rukkisu,
aduun rukkee wol doggommi'ii rukkisiisaaf gammaddi.
6Aduun dhuma qaccee gubba'aa taan irraa ol baatee,
gara qaccee taanii qaxxaamurti;
wonni o'a isi'ii duraa dhokatu hin jiru.
Seera Mootii Waan Maraa
7Seerri Mootii Waan Maraa dhidhuu hin qabu;
lubbuu haaressa.
Ajaji Mootii Waan Maraa addatama'a;
nama gowwaa qaroo godha.
8Seerri Mootii Waan Maraa sirri'i;
gadhaa nama gammachiisa.
Ajaji isaa ifa;
Ila namaa bana.
9Mootii Waan Maraa sodaatiis yaada qullicha;
yaadi kun haga bara baraa jiraata.
Muraan Mootii Waan Maraa marti dhuga'a;
isiin yennaa mara haqa.
10Worqii gatii guddo'oo caalaa,
worqii baqisiisanee qulleessane caala'aayyuu gatii qaddi.
Damma caalaa,
nadhii dammaa caalaa mi'ootti.
11Ani tajaajilaan keeti isi'iin gorfama;
isii eegatiisaan gatii guddoo dhaggadha.
12Ka dokonkora ifii dhaggu eennu?
Cubbuu tiyya ta dhokatte irraa
na qulqulleessi.
13Cubbuu beekaa hujanu irraa
na garbicha keeti eegi;
akka isiin na mootu hin eeyyamin.
Yoos ani ka komii hin qannee fi
ka yakkaa guddoo hin qanne hin te'a.
14Ee Mootii Waan Maraa,
rassaa kiyyaa fi wodoo kiyya!
Jechi afaan kiyyaatii fi
yaadi gadhaa kiyyaa
si duratti fudhatama qabaatanuu ti.

Did you know?
God in Creation and the Law
- The psalm contrasts two ways God makes Himself known: through the silent, universal testimony of creation in the heavens and through the direct instruction of His law, precepts, and commandments.Sources: the Bible text itself
- The passage uses vivid poetic imagery to describe the sun, portraying it as resting in a heavenly tent and traversing the sky like an eager bridegroom leaving his chamber or a champion running a race.Sources: the Bible text itself
- After praising creation and the divine law, the psalm turns into a personal prayer, asking for cleansing from unintentional faults and protection from willful transgressions.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org