Nations Bible

Psalms 17

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daadimata Nama Yakkaa Malee Ari'amee

Daadimata Daawitii.

1Ee Mootii Waan Maraa,

gaaffii tiyya ta haqaa dhage'i;

iyya tiyya caqasi.

Gurra keeti gara daadimata kiyya

ka soba hin te'inii deebifadhu.

2Ilti teeti waan sirrii te'e waan dhaggituuf,

muraan tiyya si biraa naa dhuttuu ti.

3Gadhaa kiyya yoo qorqorte,

halkaniin gara kiyya dhuttee,

yoo haga na ilaalte,

hammeenna na keessatti hin dhaggitu;

afaan kiyyalle cubbuu hin dubbatu.

4Jecha afaan keeti keessaa bayuuf ajajamee,

waan namooti hujanu irraa,

karaa isaan hunnaan nama irratti ka'anu irralle'ee,

ifi eeggadheera.

5Ideensi kiyya daandii teeti eegateera;

miilli kiyyalle hin fallaanne.

6Ee Waaqa, ati waan naa dhageettuuf,

ani si waammadha;

gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii,

jecha kiyya dhage'i.

7Worra sitti baqatu,

harka keeti middichaan

diinota isaanii jalaa isaan ka baachu,

jaalala keeti ka bara baraa san

baasa godhii isaanitti mudhisi.

8Akka ila teetii na eegi;

bobaa teetii jalatti na dhossi.

9Hamaaleyyii hunnaan na irratti ka'ane,

diinota kiyya worra hamaa na marsane irraa na eegi.

10Isaan gadhaa jabaataneeran;

afaan ifiitiin koora dubbatan.

11Isaan ari'anee na marsaneeran;

lafatti gad na dhowiisaaf, ilaan na qabataneeran.

12Isaan akka neenqa waan adanse kukkutatiisa fedhee,

akka neenqa dardaraa ka riphee wo gaaduu ti.

13Ee Mootii Waan Maraa

ka'iitii, lolii isaan gad dhowi!

Shallaagaa keetiin hamaaleyyii jalaa na baasi.

14Mootii Waan Maraa, harka keetiin

worra jiruu biyya lafaa tana keessatti

waan barbaadanu mara qabanu

jalaa na baasi.

Ati rakkinna isaaniif kuucheen isaan adabi;

rakkinni kun ijoollee isaaniitii fi

ijoollee ijoollee isaaniitiifille akka te'u godhi.

15Ani balchumma'aan fuula keeti hin ilaala;

ani yennaa dammaqu,

bifa keeti dhaggee hin quufa.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

A Prayer for Protection and Vindication

  • The psalm uses vivid metaphors of intimacy and divine shelter, asking God to guard the speaker as the apple of his eye and hide him in the shadow of his wings.Sources: the Bible text itself
  • The speaker depicts the danger of hostile pursuers using predatory imagery, comparing them to a fierce lion lurking in ambush to tear its prey.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.