Psalms 147
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Leellisa Waaqa Waan Mara Dande'uuf Dhikaatu
1Mootii Waan Maraa leellisa'a;
Waaqa keenna fuuru'uun leellisiis
attam attam dansa'a!
Isa leellisiis nama gammachiisa;
dansaalle'e.
2Mootiin Waan Maraa
Yerusaalem deebisee hin ijaara;
namoota Israa'elii
ka bittinnowanelle deebisee hin fida.
3Inni worra gaddaan
gadhaan isaanii madaye hin fayyisa;
madaa isaaniille hin hidha.
4Inni laakkossa urjootaa haga beeka;
mara isaaniituu maqaa isaaniitiin waama.
5Mootiin Waan Maraa keenna gudda'a;
akka malee hunna qaba;
beekkumsi isaalle
hagana hin jedhamu.
6Mootiin Waan Maraa
worra gad ifi qabu ol hin qaba;
worra hamaaleyyii ammoo
lafatti jissa;
7Faaruu galataa
Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;
kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa'a.
8Inni ol-gubbaa duumensaan golla;
lafaaf rooba kenna;
koobota irratti marri akka latu godha.
9Inni hori'iif waan nyaatanu hin kenna;
ilmooleen harraaqessaa yennaa iyyitu
inni isaan hin soora.
10Inni jabeenna fardaatiin,
yookiin jabaanna rukkee miila namaatiin
hin gammadu.
11Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu,
jaalala isaa ka bara baraatitti
addii godhatuun gammada.
12Ee Yerusaalem,
Mootii Waan Maraa leellifadhu;
Ee Xiyoon, Waaqa keeti saadadhu.
13Inni danqaraa karra teetii hin jabeessa;
kolbaa si keessatti hin eebbisa.
14Meessaa keeti nageya hin godha;
qamadii dansa'aan si hin quussa.
15Inni ajaja ifii gara lafaa hin erga;
jechi isaa ariiti'iin hin muummowa.
16Inni dhakaa roobaa
akka fuutta'aa diriirsa;
qorra akka daadha'aa facaasa.
17Inni dhakaa roobaa
akka katta'aa godhee gad buusa;
qorra isaa
eentu dura dhaabbatuu dande'a?
18Inni jecha ifii hin erga;
dhakaan roobaa sun hin baqa;
qilleensi akka dhufu hin godha;
dhakaan roobaa sunille
bisaan te'ee yaa'a.
19Inni jecha ifii sanyii Yaaqoobiititti
seera ifiitii fi qajeelcha ifii
Israa'elitti hin hima.
20Inni gosa biyya dhibi'iitiif
akkas hin goone;
isaan seera isaa hin beekanu.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
Did you know?
Praise to the Restorer of Jerusalem and Creator
- Psalm 147 celebrates the restoration of Jerusalem, depicting God as the one who gathers the scattered exiles of Israel and strengthens the fortified bars of the city gates. Jerusalem and its hill Zion are addressed as the center where God establishes peace within its borders.Sources: the Bible text itself · Jerusalem · Zion
- The psalm juxtaposes cosmic majesty with gentle compassion. The same Lord who counts and names every star, controls snow, frost, and rushing waters is described as healing the brokenhearted, caring for the humble, and feeding young ravens.Sources: the Bible text itself
- The poem concludes by highlighting the special covenant given to the descendants of Jacob (Israel). While God sends His commands across the whole earth, His specific laws and statutes were uniquely entrusted to Israel.Sources: the Bible text itself · Jacob (Israel)
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org