Psalms 141
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daadimata Cubbuu Akka Hin Hunyeef Dhikaate
Faaruu Daawitii
1Ee Mootii Waan Maraa,
ani si Waammadha;
ati ariifadhuu na bira koy!
Yennaa ani si waammadhu,
qoonqoo tiyya dhage'i.
2Daadimati kiyya
si duratti akka hixaana aarfamuu,
harka ol kaasuun kiyya
akka ciincaa galgalaa te'uu ti.
3Ee Mootii Waan Maraa,
afaan kiyyaaf eedduu,
hidhii tiyyaaf tissee tolchi.
4Hantuu hujiisaaf akka hin halchine,
worra hantuu huju woliin
qooda akka hin fudhanne na eegi;
worra hantuu huju woliin
sagalee isaanii dansaa
akka nyaadhu na hin lakkisin.
5Nami balchaan na dhaaniis naaf dansa'a;
na xixiis isaalle akka dhadhaa mata'aa ti;
mataan kiyya dhadhaa hin jibbu.
Hujii worra hama'aa didiisaaf ammoo,
ani yennaa mara daadimadha.
6Bulchitooti isaanii
yennaa bowwaa rassa'aatitti
gad qolaanfamane,
wonni ani dubbadhe
dhugaa akka teete hin beekan.
7Isaan, «Akkuma nami lafa qotee butuchu,
lafeen teennalle
addee worri du'e jirutti bittinnootte»
hin jedhan.
8Ee Mootii Waan Maraa,
Goottaa kiyya,
ilti tiyya gara keeti ilaalti;
ani gara keeti baqadha;
akka ani du'u na hin lakkisin.
9Fonxoroo isaan naaf afane irraa,
tiyyoo worra hantuu hujuu irraa na eegi.
10Ani nageyaan dabaree,
worri hamaan
tiyyoo ifumaaf afeen qabamuu ti.

Did you know?
Prayer for Protection and Integrity
- The psalm compares personal prayer and lifted hands to the daily temple rituals of burning incense and presenting the evening sacrifice.Sources: the Bible text itself
- The author welcomes correction from the righteous, describing such rebuke as an act of loving devotion and comparing it to soothing oil poured on the head.Sources: the Bible text itself
- Hunting metaphors such as snares, lures, and nets illustrate the dangers posed by evildoers, concluding with a plea that the wicked fall into their own traps.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org