Nations Bible

Psalms 139

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Waaqa Waan Mara Beeku

Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1Ee Mootii Waan Maraa,

ati qorqortee na beetteerta.

2Ati teessoo tiyyaa fi ka'a tiyya hin beetta;

yaada kiyya fago'ottuu hubatta.

3Addee ani deemu fi itti foorfadhu

hubattee beetta;

ati hujii tiyya mara hin beetta.

4Adoo dubbiin afaan kiyyaa hin bayin,

ee Mootii Waan Maraa,

ati dubbii san maraayyuu hin beetta.

5Ati duraa fi duuba kiyya

harka keeti ana irra qaddeerta.

6Beekkumsi akkasii akka malee naaf baasa;

akka malee hubantii tiyyaan ol.

7Ayyaana keeti duraa eessa deemuu dande'a?

Fuula keeti duraa eessa baqatuu dande'a?

8Gara ol-gubba'aa yoo ol baye, ati achi jiraata;

addee worri du'e jiru keessa yoo irkadhelle,

ati achi jirta.

9Ani koola baasee akka dayya'a boru'uu ka'ee,

gara seensuma adu'uutitti yoo qubadhe,

10silaa achille'etti harki keeti na hin sooressa;

harki keeti middichi jabeessee na qabaayyu.

11Ani, «Dukkanti dhugumaan na hin golliti;

ifi adaala kiyyaalle

halkan hin te'a!» yoo jedhe,

12dukkantinuu sitti hin dukkanoottu;

si'iif dukkanti akka ifaa waan teeteef,

halkan akka guyya'aa ifa.

13Keessa namummaa tiyyaa ka dade si'i;

gadaamessa haadha tiyyaa keessatti

sittuu na dade.

14Ani baasa maso'oo te'ee waan dadameef,

ani si leellisa;

hujiin teeti waan maade'ee ti;

anille tana miidhassee beeka.

15Ani yennaa addee dhossa'aatitti dadame,

qilee gadaamessaa keessatti dadame;

lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.

16Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,

adoo ani dhiigaatuu,

ilti teeti na dhaggite;

dhaladhee barri jiruu tiyyaa

laakkowamiisa adoo hin jalqabin,

guyyooti naaf yaadamane marti

kitaaba keeti keessatti barreeffamane.

17Ee Waaqa, yaadi keeti hubatiisaaf

attam attam natti ulfaata!

Guutumatti attam attam bacata!

18Ani laakkowiisaaf yoo wodhaane,

maansa caala hin bacata;

ani yennaa dammaqu,

ammalle sima woliin jira.

19Ee Waaqa, nama hamaa adoo ijjeettee!

Isin worri dhiiga namaa dhangalaasu

na irraa fagaadha'a!

20Isaan hammeennaan

marroo teeti dubbatan;

diinoti keeti akkasumaan

maqaa keeti kaasan.

21Ee Mootii Waan Maraa,

ani worra si jibbu hin jibba;

worra si irratti ka'ulle ani hin diqadha.

22Ani ijjumaa isaan jibba;

isaan diinota natti te'aneeran.

23Ee Waaqa, qorqoriitii gadhaa kiyya beeki;

haga na ilaaliitii yaaddoo tiyya beeki.

24Hammeenni yoo na keessa jiraate ilaali!

Karaa bara baraa irra na sooressi.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

God's Complete Knowledge and Presence

  • The psalmist uses geographic and cosmic extremes—ascending to the heavens, descending to Sheol (the realm of the dead), flying toward the dawn in the east, or settling by the farthest sea in the west—to illustrate that no place exists beyond God's presence and guidance.Sources: the Bible text itself
  • The psalm depicts the creation of human life using the imagery of being knit or woven together in secret within the mother's womb, emphasizing that God observed the unformed body before any of its days existed.Sources: the Bible text itself
  • After declaring total separation from the wicked and deceitful, the author concludes by inviting God to thoroughly search his own heart, test his anxieties, and redirect any offensive way toward the everlasting path.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.