Nations Bible

Psalms 118

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Faaruu Injifanno'oo

1Inni dansaa waan te'eef,

jaalala isaa ka bara baraatiif

Mootii Waan Maraa galateessa'a.

2Kolbaan Israa'elii,

«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.

3Sanyiin Aaronii,

«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.

4Worri Mootii Waan Maraa sodaatu,

«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhuu ti.

5Ani rakkinna kiyya keessatti

gara Mootii Waan Maraa iyye;

innille deebii naa kennee,

bilisa na baase.

6Mootiin Waan Maraa

na woliin jira; ani hin sodaadhu;

nami maan na godhuu dande'a?

7Mootiin Waan Maraa

na qarqaariisaaf na woliin jira;

ani jinnana diinota kiyyaa hin dhagga.

8Namatti addatiisaa mannaa,

gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.

9Qondaaltotatti addatiisaa mannaa,

gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.

10Gosi biyya adda addaa marti na marsane;

ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin

isaan balleesse.

11Isaan gara maraan na marsane;

ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin

isaan balleesse.

12Isaan akka kinniisaa na marsane;

ammoo akka ibidda qore'ee dhaamane;

ani maqaa Mootii Waan Maraatiin

isaan balleesse.

13Ani gara duubaa dhiibamee, jigiisa geye;

Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare.

14Mootiin Waan Maraa

jabeenna kiyyaa fi faaruu tiyya;

inni fayyinna kiyya te'eera.

15Qoonqoon gammadaatii fi injifanno'oo,

dunkaanii worra balchootaa keessaa,

«Harki Mootii Waan Maraa middichi

hujii jadduu huje;

16harki Mootii Waan Maraa middichi ol ka'e;

harki Mootii Waan Maraa middichi

hujii jadduu huje» jettu dhage'ante.

17Ani hin le'a malee, hin du'u;

waan Mootiin Waan Maraa hujelle

hin odeessa.

18Mootiin Waan Maraa

jabeessee na adabeera;

ammoo du'aaf dabarsee na hin kennine.

19Akka ani ol seenee

Mootii Waan Maraa galateeffadhuuf,

balbala balchumma'aa naaf bana'a.

20Tun balbala Mootii Waan Maraa ti;

karaa balchooleen seenanu.

21Ati waan naa dhageetteef,

fayyinna kiyyalle waan naaf teeteef

si galatteeffadha.

22Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,

dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e;

23Tun hujii Mootii Waan Maraa ti;

isiin ila teennalle'etti waan baasaa ti.

24Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;

itti gammannee firinxiindhuu ti.

25Ee Mootii Waan Maraa nu baasi;

ee Mootii Waan Maraa nu milkeessi.

26Maqaa Mootii Waan Maraatiin

ka dhufu ka eebbifame;

nuuti Galma Waaqaa keessaa isin eebbinna.

27Mootiin Waan Maraa Waaqa;

inni ifa nu'uuf isseera.

Dameelee bisilee qabannee, jila bobbaanee,

haga gaafota addee ciinca'aa dhandhuu ti.

28Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha;

ati Waaqa kiyya; ani si saadadha.

29Inni dansaa waan te'eef,

jaalala isaa ka bara baraatiif

Mootii Waan Maraa galateessa'a.

Did you know?

Thanksgiving for Deliverance and the Festive Procession

  • The psalm opens with a call to three distinct groups: the nation of Israel, the house of Aaron (the priestly lineage), and all who fear the Lord. Each group is invited to repeat the refrain celebrating God's enduring loving devotion.Sources: the Bible text itself · Aaron
  • The text depicts a liturgical procession approaching the sanctuary, asking for the gates of righteousness to be opened and receiving a blessing from the house of the Lord. The celebration culminates at the altar, where the festal sacrifice is bound to its horns.Sources: the Bible text itself
  • The imagery of a stone rejected by the builders becoming the chief cornerstone describes a dramatic reversal where what seemed insignificant or discarded is elevated by God to the place of primary honor and stability.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.