Psalms 116
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Galata Nama Dhibamee Fayyee
1Mootiin Waan Maraa
qoonqoo tiyyaa fi iyyata kiyya waan dhage'eef,
ani isa jaaladha.
2Inni waan naa dhage'uuf,
ani bara jiruu tiyyaa mara isa waammadha.
3Wodaroon du'aa natti maratte;
rakkoon farri addee worri du'e jiruu na qabatte;
farraa fi gaddaa keessa seene.
4Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa,
ani si daadimadhaa na baasi» jedhee
maqaa Mootii Waan Maraa waammadhe.
5Mootiin Waan Maraa arja'a; balchaalle'e;
Waaqi keenna marara'a.
6Mootiin Waan Maraa
worra gad ifi qabu hin eega;
yennaa ani gad qabame, inni na qarqaare.
7Mootiin Waan Maraa
waan dansaa waan si'iif godheef,
ee lubbuu tiyya, gara foora keetii deebi'i.
8Ee Mootii Waan Maraa,
lubbuu tiyya du'a irraa,
ila tiyya imimmaan irraa,
miila kiyya gufatiisa irraa hamburte.
9Maarre ani Mootii Waan Maraa dura,
lafa worra jiraata'aa keessa ideema.
10Ani yennaa,
«Ani guddoo rakkadheera» jedheeyyuu,
dhugeeffannaa tiyya hin lakkinne.
11Ani yennaa sodaadhe,
«Nami addatamu tokkoolle hin jiru» jedhe.
12Waan dansaa inni naaf kenne maraaf,
ani Mootii Waan Maraatiif
maan deebisee dande'a?
13Mootiin Waan Maraa waan na fayyiseef,
ani isa hin galateeffadha;
kennansa daadhii woyni'ii isaaf hin dhikeessa.
14Fuula kolbaa isaa mara duratti,
ani waan waadaa gale
Mootii Waan Maraatiif hin muummessa.
15Duuti worra woyyootaa,
Mootii Waan Maraa duratti ulfinna qaddi.
16Ee Mootii Waan Maraa, ani tajaajilaa keeti;
ani tajaajilaa keeti, ilma garbittii teetii ti;
ati hidhaa tiyya keessaa na hiitteerta.
17Ani ciincaa galataa si'iif hin dhikeessa;
gara keetille hin daadimadha.
18Ani fuula kolbaa isaa mara duratti,
waan Mootii Waan Maraatiif waadaa gale
hin muummessa;
19Tanalle badhinna Galma Mootii Waan Maraa duraa keessatti,
Yerusaalem wodhakka'atti hin godha.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Did you know?
A Song of Thanksgiving for Deliverance
- The psalmist vows to offer a sacrifice of thanksgiving and pay vows publicly in the courts of the temple in Jerusalem, a mountain city whose Hebrew name carries the meaning 'possession of peace' or 'foundation of peace.'Sources: the Bible text itself · Jerusalem
- Describing deliverance from extreme affliction, the poet depicts near-death as the entrapment of 'the ropes of death' and the anguish of Sheol, resolving in gratitude to lift up the 'cup of salvation' before all the people.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 19
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org