Psalms 108
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Leellisaa fi Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu. Faaruu Daawitii.
1Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu;
ani gadhaa tokkochaan,
meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha!
2Ee kiraara guddicha, ee maseenqo'o dammaqa'a!
Anille boruu hin dayyaasa.
3Ee Mootii Waan Maraa,
ani gosa biyya adda addaa oddu'utti si galateeffadha.
Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti faaru'uun si leellisa.
4Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef,
akka ol-gubba'aa ol fagaata;
addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.
5Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;
ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.
6Kolbaan ati jaalatu akka baatu,
hunna teetiin nu baasi;
daadimata keennaafille deebii kenni.
7Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, «Ani injifadhee,
lafa, ‹Sheekem› jedhantu hin hira;
dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf hin qooda.
8Latti Giil'aadii tiyya; latti Minaase'eelle tiyya;
Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti;
Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti.
9Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti;
Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf,
kophee tiyya irratti hin qolaansa;
Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera.
10Gara qachaa guddicha dalleya
dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree?
Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree?
11Ee Waaqa, ati nu gatteerta;
loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta.
12Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baneef,
diinota keenna akka lolluuf,
ati nu qarqaar.
13Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna;
inni diinota keenna hin salphisa.

Did you know?
Divine Rule over the Nations
- The psalm lists key territories on both sides of the Jordan River, from Shechem and the Valley of Succoth to Gilead, Manasseh, Ephraim, and Judah. This geographic imagery presents the entire region under divine ownership and governance.Sources: the Bible text itself · Shechem · Valley of Succoth · Gilead
- Neighboring regions mentioned include Moab east of the Dead Sea, the mountainous territory of Edom to the south, and Philistia on the coast. The text uses vivid metaphors, such as tossing a sandal over Edom or calling Moab a washbasin, to assert mastery over these regional rivals.Sources: the Bible text itself · Edom · Moab · Philistia
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Shechem · Today: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · verse 7
- Valley of Succoth · 32.197, 35.621 · verse 7
- Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 8
- Edom · 30.746, 35.604 · verses 9, 10
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verse 9
- Philistia · 31.664, 34.546 · verse 9
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org