Psalms 106
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Arjummaa Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Mudhise
1Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Inni dansaa waan te'eef,
haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf,
Mootii Waan Maraa galateessa'a!
2Hujii gugurdoo Mootii Waan Maraa
eentu lallabee dande'a?
Yookiin leellisa isaa mara
eentu lassee dande'a?
3Worri haqa eegu,
worri yennaa mara balchumma'aan huju
ka gammade.
4Ee Mootii Waan Maraa,
yennaa kolbaa teetiif waan dansaa gootu
na qaabadhu;
yennaa isaan baachu analle qarqaar.
5Duroomiisa worra si'iif filamee akka dhaggu,
gammadiisa kolbaa teetiitiin akka gammadu,
kolbaa teeti woliin akka si leellisu na godhi.
6Akkuma abbootii teennaa
nuutille cubbuu hunyeerra;
balleessineerra; waan hantuulle gooneerra.
7Abbootiin teenna yennaa biyya Gibxi'ii jirtu,
hujii teeti ta baasaa hin hubanne;
gadhi-laafummaa teeti hin qaabanne;
isaan abbaayaa diintuu biratti
si irratti ka'ane.
8Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa
hunna ifii jadduu mudhisiisaaf,
maqaa ifiitiif jedhee isaan baase.
9Inni abbaayaa diintuu xixee,
isiille godde;
inni qilee keessa
akka goomolee keessaa isaan sooresse.
10Inni harka nyaapha isaanii keessaa isaan baasee,
harka diinota isaanii keessaa isaan wode.
11Bisaan diinota isaanii irra garagale;
isaan keessaa tokkolle hin hanne.
12Achiin duuba kolbaan jecha isaa dhugeeffatte;
faaruu leellisaa isaaf faarsane.
13Te'uu malee, isaan yoosuma waan inni huje dedhane;
gorsa isaalle hin eeganne.
14Isaan gammoojjii keessatti sagalee dharra'ane;
goomolee keessatti Waaqa haga ilaalane.
15Inni waan isaan gaafatane isaaniif kenne;
ammoo dhukkuba isaan golgoleessu itti fide.
16Isaan addee quttumaa san keessatti Muuse'ee fi
woyyicha Mootii Waan Maraa Aaron hinaafane.
17Latti gargar baqaxxee Daataan liqinsitee,
waa'eloota Abiiraamiille'etti cufante.
18Worra isaan hordofu oddu'utti ibiddi gabbate;
bobe'i ibidda sanii worra hamaaleyyii muxuqi godhe.
19Isaan gaara Horeebiititti jabbii hujanee,
waaqa dharaa san waaqonfatane.
20Isaan Waaqa ulfaataa ifii,
fakkii horii marra dheeduutiin jijjiirane.
21Isaan Waaqaa isaan baase,
ka biyya Gibxi'ii keessatti waan gugurdoo huje,
22hujii bilbaasaa ta inni biyya Kaamii keessatti huje,
waan maade'ee
ta inni abbaayaa diintuu biratti huje dedhane.
23Maarre Waaqi silaa isaan hin balleessa jedheeraayyu;
Muuseen inni filate sun ammoo,
mufii isaa ta isaan balleessitu isaan irraa deebisiisaaf,
odduu seenee fuula isaa dura dhaabbate.
24Achiin duuba isaan lafa dansaa Kana'aanii san tuffatanee,
addii Waaqi isaaniif kenne hin dhugeeffanne.
25Isaan dunkaanii ifii keessatti gungumane;
Mootii Waan Maraatiifille hin ajajanne.
26Tanaaf inni harka ol fudhatee,
goomolee keessatti akka isaan du'anu kakatee,
27sanyiin isaanii
gosa biyya adda addaa oddu'utti akka duutu,
lafa mara keessa isaan bittinneesse.
28Isaan waaqa, «Ba'aal Phe'or» jedhamu
waaqonfatiisaan qabamanee,
ciincaa waaqota lubbuu hin qanneef dhikaatelle nyaatane.
29Isaan hujii ifiitiin
Mootii Waan Maraa tuttuqanee aarsanee,
odduu ifiititti balaa buusane.
30Fiinehaas ammoo ka'ee worra yakkaa huje adabee,
balaan sun dhaabbate.
31Wonni inni tolche sun dhalootaa haga dhalootaatitti,
yennaa mara akka balchumma'aatitti isaaf laakkowatante.
32Bisaan Mariiba'aa biratti
isaan Mootii Waan Maraa aarsane;
sababa waan isaan hujaneetiif
Muuseen rakkate.
33Isaan akka malee waan Muusee aarsaneeranuuf,
inni dubbii dubbii hin teene dubbate.
34Akka Mootiin Waan Maraa isaan ajajetti,
isaan gosa biyya adda addaa hin balleessine.
35Ammoo gosa biyya adda addaa woliin makamanee,
aadaa isaanii baratane.
36Isaan waaqota dharaa,
ka tiyyoo isaanitti te'e waaqonfatane.
37Isaan ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ta ifii
durriisotaaf ciincessane.
38Isaan waaqota dharaa ka worra Kana'aaniitiif,
dhiiga ilmaan ifiitii fi ijoollee durraa ta ifii,
ta yakkaa hin qanne dhangalaasane;
lattille dhiigaan battootte.
39Akkasiin isaan hujii ifiitiin battowanee,
akka gaarayyeeffattootaa
Waaqaaf addatamummaa dhabane.
40Tanaaf Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifiititti aaree bobe'ee,
isaan diqate.
41Inni harka gosa biyya adda addaatitti
dabarsee isaan kennee,
diinoti isaanii bulchitoota isaanii te'ane.
42Diinoti isaanii isaan cunqursanee,
isaan baallii isaanii jala galane.
43Inni yennaa hedduu isaan baase;
isaan ammoo finqiliisatti jabaatanee,
yakkaa ifiitiin salphatane.
44Te'uu malee, yennaa iyya isaanii dhage'e,
inni rakkinna isaanii ilaale.
45Isaaniif jedhee inni gondooroo ifii qaabate;
sababa jaalala guddaa ifiitiif
isaaniif naye.
46Worri isaan booji'e marti,
akka isaaniif nayanu godhe.
47Nuuti maqaa keeti woyyicha akka galateeffannuuf,
si leellisiisaan akka ulfinna sii kenninuuf,
ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna,
ati nu baasi;
gosa biyya adda addaa keessaa wolitti nu qabi.
48Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii
bara baraa haga bara baraa leellifamuu ti;
kolbaan marti «Ameen» jettuu ti.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Did you know?
Israel's History of Rebellion and Mercy
- Psalm 106 reviews key moments from the Exodus and wilderness journey as a communal confession of sin. It highlights episodes such as the rebellion at the Red Sea, the golden calf made at Horeb, and the revolt led by Dathan and Abiram, who were swallowed up by the earth.Sources: the Bible text itself · Horeb · Dathan · Abiram (son of Eliab)
- The psalm references the worship of Baal of Peor, a Moabite deity linked to Mount Peor. During this crisis, Phinehas, the son of Eleazar, intervened to halt a devastating plague, an act remembered in Scripture as enduring faithfulness.Sources: the Bible text itself · Baal-peor · Phinehas (Levite)
- Egypt is poetically called the land of Ham in verses 21 and 22. In biblical genealogy, Ham was the son of Noah whose descendants were historically associated with Egypt and surrounding regions.Sources: the Bible text itself · Ham · Egypt
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Egypt · 30.129, 31.308 · verses 7, 21
- Mount Horeb · Today: Jebel Musa · 28.540, 33.973 · verse 19
- Ham · Today: Egypt · 30.129, 31.308 · verse 22
- Peor · Today: within 1 km of Khirbet Ayun Musa · 31.777, 35.738 · verse 28
- Meribah · Today: Ain el Qudeirat · 30.648, 34.422 · verse 32
- Canaan · 32.767, 35.333 · verse 38
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org