Nations Bible

Psalms 103

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Jaalala Waaqaa

Faaruu Daawitii.

1Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.

2Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

waan dansaa inni godhe mara hin dedhin.

3Ka cubbuu teeti mara si'iif araaramu,

ka dhukkuba keeti mara fayyisu,

4ka jiruu teeti awwaalamuu irraa wodu,

ka jaalala bara baraatii fi marartii sii kennu,

5dargaggummaan teeti

akka risa'aa akka haareffantu,

ka jiruu teeti waan dansa'aan quussu isa.

6Mootiin Waan Maraa worra cunqurfame maraaf,

balchumma'aa fi haqaan huja.

7Inni karaa ifii Muuse'etti,

hujii ifii kolbaa Israa'eliititti beessise.

8Mootiin Waan Maraa

mararti'ii fi araaraan ka guutame,

ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala guddaa qabu.

9Inni yennaa mara yakkaa teenna hin laakkowu;

haga bara baraa aari'iin hin turu.

10Inni akka cubbuu teennaatitti nu irratti hin huju;

akka yakkaa teennaatitti gatii nu'uuf hin kaffalle.

11Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu,

worra isa sodaatuuf jaalalli isaa ka bara baraa

akka malee gudda'a.

12Akkuma garri aduun baatu

gara aduun seentu irraa fagaatu,

inni cubbuu teenna nu irraa fageessa.

13Akkuma abbaan ijoollee ifiitiif gadhaa laafu,

maarre Mootiin Waan Maraalle

worra isa sodaatuuf gadhaa laafa.

14Inni attam akka nuuti dadanne waan beekuuf,

biyyee akka teene hin qaabata.

15Barri jiruu namaa akkuma marraa ti;

akkuma daraaraa badda'aa hin daraara.

16Yennaa qilleensi dhowu daraaraan hin bada;

addeen isaalle deebi'ee hin beekkamu.

17Jaalalli bara baraa

ka Mootii Waan Maraa ammoo

bara baraa haga bara baraatitti,

worra isa sodaatu woliin hin jiraata;

balchummaan isaalle

ijoollee ijoollee isaa woliin hin jiraatti.

18Kunille worra gondooroo isaa eegatanuu fi

worra ajaja isaa muummessiisaaf qaabatanuuf te'a.

19Mootiin Waan Maraa

barcumaa mootummaa ifii

ol-gubbaa keessatti jabeessee dhaabbateera;

mootummaan isaa waan mara bulchiti.

20Isin ergantooti Waaqaa,

worri jajannooti jajjabooti

ka jecha isaatiif ajajantanee

waan inni jedhu gootanu

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

21Isin loltooti ol-gubba'aa marti,

tajaajiltooti isaa

worri fedhii isaa muummessitanu

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

22Wonni inni dade marti,

mootummaa isaa keessa

addee jirtanu maratti

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Praise for God's Compassion and Mercy

  • The psalm recalls how God revealed His ways to Moses and His deeds to the people of Israel, celebrating the LORD as compassionate, gracious, slow to anger, and abounding in faithful love.Sources: the Bible text itself
  • To highlight God's enduring mercy, the psalm uses vivid imagery of human frailty, observing that mortals are formed from dust and have fleeting lives comparable to grass and field flowers that vanish when the wind sweeps over them.Sources: the Bible text itself
  • The composition frames its praise in widening circles, beginning as an intimate command for the individual soul to bless the LORD before expanding to summon mighty angels, heavenly hosts, and all creation across God's dominion.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.