Proverbs 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Eebba Qarummaa Irraa Dhaggamu
1Ilma kiyya, jecha kiyya yoo fudhatte,
ajaja kiyyalle qalbii teeti keessatti yoo bulfatte,
2gurra keeti gara qarumma'aa yoo qabatte,
gadhaa keetille gara hubanti'ii yoo deebifatte,
3beekkumsa guddaa yoo waammatte,
hubanti'iif qoonqoo ol qabattee yoo iyyite,
4akka meeti'ii yookiin akka qabeenna dhoffameeruu,
qarummaa yoo barbaadde,
5ati Mootii Waan Maraa sodaatiisa hin hubatta;
beekkumsa Waaqa beekiisalle hin dhaggatta.
6Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,
beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.
7Inni worra qajeela'aaf, qarummaa kenna;
worra komii hin qanneefille, wontee isaaniif te'a.
8Inni daandii haqaa hin toowata;
karaa worra isaaf addatamuulle hin eega.
9Achiin duuba ati balchumma'aa fi haqa,
waan dhugaa te'ee fi daandii dansaa mara hin hubatta.
10Qarummaan gara qalbii teetii waan dhuttuuf,
beekkumsi si gammachiisa.
11Qalbeeffatiis si hin eeddi; hubatiisille si hin toowatti.
12Qarummaan karaa worra hama'aa irraa,
worra dubbii micciiru irraa si hin dhooggiti;
13worri akkasii kun karaa dukkanaa ideemiisaaf,
daandii qajeelaa worra lakkisu;
14waan hantuu godhiisatti worra gammadu;
micciiramummaa hamaaleyyi'iititti
worra firinxiixu;
15karaan isaanii micciirama'a;
ideensi isaaniille daddaba'a.
16Qarummaan dubartii gaarayyeeffattuu,
ta jechoota gammachiisuun nama qaxafattu
jalaa si baachi.
17Dubartiin tun dhirsa dargagumma'aan
heerumte lakkittee,
waadaa Waaqa duratti galte deeteerti.
18Manni isi'ii gara du'aa,
daandiin isi'ii gara ekera'aa geessa.
19Worri gara isi'ii dhaqu hin deebi'u
yookiin daandii jiru'uu hin dhaggatu.
20Maarre ati karaa namoota dansa'aa
hin ideenta; daandii balchootaa irraa
akka hin gorre hin eegatta.
21Worri qajeelaan lafa irra hin le'an;
worri yakkaa hin qannelle
isii keessatti hin hafan.
22Worri hamaan ammoo lafa irraa hin bada;
worri hin addatanne isii irraa hin buqqa'a.
Did you know?
The Protection and Reward of Wisdom
- The chapter compares the pursuit of understanding to searching for buried treasure and mining for silver, emphasizing that acquiring wisdom requires deliberate effort, listening, and earnest seeking.Sources: the Bible text itself
- Wisdom and discretion are presented as protective guardians that shield a person from two specific dangers: corrupt men who walk in darkness, and the unfaithful woman who forsakes the covenant of her youth.Sources: the Bible text itself
- The poem concludes with a covenantal contrast concerning the land, stating that the upright will dwell securely in it while the wicked and unfaithful will be uprooted.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org