Proverbs 17
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
1Mana waan nyaatanuun guutamee,
wol dhaba qabuu mannaa,
daabboo godduu nageyaa woyya.
2Tajaajilaan qaroon ilma salphicha irratti bulchaa hin te'a;
inni obboleeyyan dhaala qoodantu woliin
akka obboleessaa dhaala hin qoodama.
3Ibiddi worqi'ii fi meetii haga ilaala;
Mootiin Waan Maraa ammoo
gadhaa namaa haga ilaala.
4Nami hamaan waan hantuu caqasa;
nami dharaamessi dubbii dharaamessaa
miidhassee caqasa.
5Nami worra hiyyeeyyi'itti murgu,
ka isaan dade arrassa;
nami badii namaatitti gammadu,
adoo hin adabamin hin hafu.
6Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
7Dubbiin dansaan nama gowwa'aaf hin teetu;
dubbiin dharaa irra caala'aayyuu
bulcha'aaf hin teetu.
8Safuun nama isii kennuuf akka xano'oo ti;
addee dhaqanu maratti waan isaaf milkoottu itti fakkaatti.
9Nami yakkaa namaaf araaramu,
jaala qabaata.
Nami dubbii dabartetti deddeebi'u ammoo
jaalota gargar baasa.
10Gowwaan yennaa dhibba dhaanamee
ka itti dhage'amu caalaa,
xixichi tokko nama qaroo itti dhage'ama.
11Nami hamaan nama irratti ka'iisa qofa barbaada;
isa loliisaaf
ergamaan marartii hin qanne tokko hin ergama.
12Nama gowwaa gowwummaa ifii keessa jirutti
dhaqiisa mannaa,
doobbaa dhalaa
ilmeen jalaa fudhatantetti dhaquu woyya.
13Nami waan dansaa isaaf godhaneef,
waan hantuu yoo deebise,
wonni hantuun mana isaa irraa hin fagaattu.
14Lola jalqabiis akka bisaan hidha qabame cassee yaa'uu ti;
tanaaf ati adoo dubbiin hin jalqabin qabbaneessi.
15Nama yakkaamessa bilisa baasiisaa fi
nama balcha'atti muriisa,
lamaanuu Mootiin Waan Maraa hin jibba.
16Gowwaan qarummaa
dhaggatiisaaf eega hin halchinee,
beeseen inni harka ifiitii qabu
maan isaaf gooti ree?
17Jaalli yennaa mara si jaalata;
obboleessille yennaa rakko'ootiif dhalata.
18Nami qalbii hin qanne tokko wolii galtee jabeessiisaaf,
namaan harka wol dhowata;
ollaa ifiitiifille wobii dabara.
19Nami lola jaalatu cubbuu jaalata;
nami ifi jaju badii ifitti waama.
20Nama yaada micciiramaa qabuuf hin milkoottu;
nami nama sobulle rakkoo keessa seena.
21Ilma gowwaa uumatuun gadda namatti fida;
abbaan ilma gowwa'aa gammada hin qabu.
22Gadhaan gammadu akka qorsa dansa'aa ti;
yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.
23Nami hamaan haqa dassiisaaf,
dhossa'aan safuu fudhata.
24Ilti nama qaro'oo gara qarumma'aa ilaalti;
ilti nama gowwa'aa ammoo gara mara joonjiti.
25Ilmi gowwaan gadda abbaa ifiititti fida;
haadha isa deettelle jiruu itti hadheessa.
26Nama yakkaa hin qanne adabuun,
yookiin qondaaltota qajeelummaa isaaniitiif dhaanuun
dansa'aa moti.
27Nami beekaan dubbii qusata;
nami hubataalle hin sarma.
28Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata;
afaan ifiille yoo qabate
akka hubata'aatitti ilaallama.

Did you know?
Wisdom for Relationships, Speech, and the Heart
- Ancient metallurgical techniques used clay crucibles for silver and high-heat furnaces for gold to separate precious metal from dross. The proverb draws on this refining process to illustrate how the Lord examines and tests the deepest motives of the human heart.Sources: the Bible text itself
- The imagery of starting a quarrel as releasing a flood reflects ancient water management and irrigation dykes. A small crack in an earthen dam quickly widens into an uncontrollable rush of water, illustrating why disputes should be stopped before they break out.Sources: the Bible text itself
- In biblical wisdom literature, restraint in speech and maintaining a calm spirit are primary marks of understanding. Proverbs notes that silence is so strongly associated with prudence that even a fool who holds his tongue can be considered discerning.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org