Numbers 19
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Seera Bisaan Ittiin Qulqulloomiisaa
1Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, 2«Kun qajeelfama seeraa ka ani ajaje: Goronsa arrowa komii hin qanne, ka waanjoon mormarra keyamee hin beenne akka fidanu Israa'elootatti himi. 3Goronsa san Ele'azaarii hayyichatti kenna'a. Goronsi sun fuudhamee addee quttumaatiin alatti hayyicha duratti gorra'amuu ti. 4Achiin duuba hayyichi Ele'azaar dhiiga goronsaa quba ifiitiin diqqaa isaa fuudhee yennaa torba fuullee Dunkaanii Woldeenna'aatitti fiffixuu ti. 5Goronsi sun gogaan isaa, foon isaa, dhiigii fi meen gadhaa isaalle duudiin hayyicha duratti gubamuu ti. 6Hayyichi muka hindheensaa, damee hisoophiitii fi liilana diimaa fuudhee ibidda goronsi keessatti gubamiisatti jiru sanitti qolaansuu ti. 7Achiin duuba, inni woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatee, gara addee quttumaa deebi'uu ti; garuu haga galgalaatitti akka aadaa dhugeeffannna'aatitti qulqullu'uu moti. 8Nami goronsa gube woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; innille haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. 9Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e daadhaa goronsaa san haree, addee quttumaatiin alatti, addee akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu teete keessatti naquu ti; daadhaan sun kolbaa Israa'eliitiif bisaan ittiin qulqulloomanu qopheessiisaaf te'a. Kunille cubbuu irraa ittiin qulqulleessiisaaf te'a. 10Namichi daadhaa goronsaa harelle woyaa ifii dhiqatuu ti; innille haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. Kun Israa'elootaa fi orma odduu isaanii le'uufille seerata haga bara baraa hin te'a.
11«Nami reeffa namaa tuqe marti guyyaa torbaaf akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqullu'uu moti. 12Inni guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo bisaaniin ifi qulqulleessuu ti; achiin duuba qulqulluu hin te'a; guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo yoo ifi hin qulqulleessin ammoo qulqulluu hin te'u. 13Nami reeffa namaa tuqee adoo ifi hin qulqulleessin hafe, dunkaanii dhugaa bayaa tiyya hin batteessa; inni kolbaa Israa'elii keessaa bawuu ti. Bisaan ittiin qulqulloomiisaa isatti waan hin fiffixaminiif, battummaan isaa isuma irratti hafa.
14«Nami tokko dunkaanii keessatti yennaa du'u seerri muummeffamu ka asii gad jiru: Nami tokko dunkaanii keessatti yoo du'ee, nami dunkaanii keessa jiru yookiin nami gara dunkaanii sanii seenu guyyaa torbaaf qulqullu'uu moti. 15Meen afaan banaa jiru ka cuqqaallaan jabaan irra hin jirre marti qulqullu'uu moti. 16Nami nama shallaaga'aan diidatti ijjeefameeru yookiin nama akkasumaan du'eeru yookiin lafee namaa yookiin irreensa namaa tuqe, guyyaa torbaaf qulqullu'uu moti.
17«Nama san qulqulleessiisaaf, daadhaa goronsa arrowaa ka cubbuu ittiin qulqulleessiisaaf gubate irra diqqaan isaa fuudhamee, okkote'etti naqamee, bisaan maddaa itti naqamuu ti. 18Achiin duuba nami akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e damee hisoophii fuudhee, bisaan keessa cuuphee, dunkaani'itti, waan dunkaanii keessa jirutti, namoota achi jiranu maratti, ka lafee nama du'ee tuqetti yookiin ka irreensa tuqetti yookiin ka nama ijjeefame tuqetti yookiin ka reeffa nama akkasumaan du'e tuqetti fiffixuu ti. 19Nami qulqulluu te'e, guyyaa sadeesso'ootii fi guyyaa torbeesso'oo nama qulqulluu hin te'initti bisaan fiffixuu ti. Guyyaa torbeesso'oo sanitti isa qulqulleessuu ti. Nami qulqulloome sun woyaa ifiitii fi nafa ifii bisaaniin dhiqatee, galgaluma san hin qulqullooma.
20«Nami qulqulluu hin te'in ammoo, yoo ifi hin qulqulleessin, addee woyyittii tiyya waan batteesseef, kolbaa keessaa bawuu ti; bisaan ittiin qulqulloomiisaa waan itti hin fiffixaminiif inni qulqullu'uu moti. 21Kun seera haga bara baraa isaaniif te'uu ti; nami bisaan ittiin qulqulloomiisaa itti fiffixame woyaa ifii dhiqatuu ti; nami bisaan itti qulqulloomiisaa tuqe marti haga galgalaatitti qulqullu'uu moti. 22Wonni nami qulqulluu hin te'in tuqe marti qulqullu'uu moti; nami waan qulqulluu hin te'in san tuqelle haga galgalaatitti qulqullu'uu moti» jedhe.

Did you know?
The Red Heifer and Purification from Death
- Unlike typical sacrifices offered at the tabernacle altar, the unblemished red heifer that had never worn a yoke was taken outside the camp. There it was slaughtered in the presence of the priest Eleazar and burned whole along with cedar wood, hyssop, and scarlet wool.Sources: the Bible text itself · Eleazar
- The ashes of the heifer were stored outside the camp to prepare the water of purification. Paradoxically, while this mixture purified individuals who were defiled by death, everyone who handled the burning heifer, gathered its ashes, or sprinkled the water became temporarily unclean until evening.Sources: the Bible text itself
- Contact with a corpse, a human bone, a grave, or merely being inside a tent where someone died caused seven days of ceremonial uncleanness. To be restored, the person had to be sprinkled with the purification water on the third and seventh days and wash their clothes and body.Sources: the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org