Nations Bible

Nehemiah 5

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Nahimiyaan Hiyyeeyyii Qarqaare

1Yennaa takka dhiiraa fi dubartiin Yihudootaa hedduun, Yihudoota sooreyyii ifii mormanee iyyatiisa jalqabane. 2Isaan keessaa gariin, «Nuuti maatii hedduu qanna; akka nyaannee jiru'uun leenuuf, midhaan dhaggachuu nu barbaachisa» jedhane.

3Worri dhibiin, «Bara beelaa midhaan dhaggatiisaaf, fichaa keenna, addee woynii teennaa, mana keennalle qassiinneerra» jedhane.

4Worri dhibiille, «Fichaa keennaa fi addee woynii teennaatiif, gibira mootumma'aa kaffaliisaaf beesee liqeeffanneerra. 5Nuuti akkuma Yihudoota kaanii Yihudoota; ijoolleen teennalle akkuma ijoollee isaanii ti; te'uu malee nuuti ijoollee teenna akka garboota te'anu gooneerra; ammumaayyuu ijoolleen teenna ta durraa gariin garboomaneeran; fichaa keennaa fi addeen woyni'ii teenna waan nu irraa fudhatamaneef, nuuti hunna dhanneerra» jedhane.

6Ani yennaa iyyata isaanii kana dhage'e guddoo aare. 7Guddisee itti yaadeen duuba, worra gugurda'aa fi qondaaltotaan, «Isin attam kolbaa teessan irraa dhala liqa'aa fudhattan!» jedhee aaladhe; isaan woliin dubbii tana ilaaliisaaf gumii guddoo waamee, 8«Nuuti haga dandeennetti, worra keenna Yihudoota ka gosa dhibi'itti gurguramane wodiisatti jirra; amma ammoo isin worrummaan keessan garba te'anee akka isinitti gurguramanu hunnaan godhiisatti jirtan!» isaaniin jedhe. Isaan waan jedhanu dhabanee cadhisane.

9Maarre ani, «Wonni isin hujiisatti jirtanu dansa'aa moti; akka worri diina keennaa nu hin qaanessine, isin Waaqa sodaatiisaan ideemiisa maltane. 10Anii fi worri kiyya, tajaajiltooti tiyyalle beese'ee fi midhaan kolba'aaf liqeessineerra. Dhala liqa'aa fudhatiis hafuu ti. 11Fichaa isaanii, addee woynii isaanii, oorruu muka ejersaa isaanii, mana isaaniille deebisa'aaf; akkasuma dhala beese'ee, dhala midhaanii, dhala woyni'iitii fi zayiti'ii ammuma lakkisa'aaf» jedheen.

12Achiin duuba worri gugurda'aa fi qondaaltoti, «Nuuti waan mara hin deebinna; waan tokkolle deebinee isaan irraa hin barbaannu; akkuma ati jette hin goona» jedhane.

Ani hayyoota waamee, sooreyyiin akkuma waadaa galane akka godhanu, akka kakachiisanu godhe. 13Achiin duuba ani hiituu hidhaa hiikadhee, hargufee, «Maarre nama waan waadaa gale kana hin goone, manaa fi karra isaa irraa Waaqi isa hargufuu ti! Hargufamee duwwaa hafuu ti!» jedhe. Gumiin martinuu, «Ameen» jettee Mootii Waan Maraa galateeffatte. Worri gugurda'aa fi qondaaltoti akkuma jedhane godhane.

Arjummaa Nahimiya'aa

14Artashaastaan woggaa diddameessoo isaatitti mootii te'ee, haga woggaa soddomii lammeessoo isaatitti, ani biyya Yihuda'aa bulchiisaaf filamee woggaa kudha lama bulche keessatti, anii fi worri kiyya sagalee bulchaa tokkoof malte hin nyaanne. 15Bulchitooti anaan dura biyya bulchaa turane, ba'aa ulfaattuu kolba'atti fe'anee, sagale'ee fi daadhii woyni'ii irratti dabalanee, meetii sheeqelii afurtama fudhataa turane. Tajaajiltooti isaaniituu kolbaa irratti goottomanee turane. Ani ammoo Waaqa waan sodaadhuuf, akkas hin goone. 16Ani hujii dalleya kanaatiif ifi kenne malee, lafalle hin bitanne; tajaajiltooti tiyya ta huji'iif wolitti qabantelle akkasuma tolchite. 17Gosa biyya adda addaa worra adaala keennaa gara keenna dhufane irratti dabalamanee, Yihudootaa fi qondaaltoti namoota dhibbaa fi shantamatti qorii tiyyatti nyaataa ture. 18Guyyuma guyya'atti sangaa tokkoo fi hoolota cocooma jaa, lukkuu hedduu, guyyaa kudhan kudhanitti daadhii woyni'ii ta gosa adda addaatitti qophowaayyu. Te'uu malee, ba'aan ulfaattuun kolbaa irra waan jirtuuf, sagalee bulchaa tokkoof malte ani hin gaafanne. 19Ee Waaqa kiyya, waan ani kolbaa tanaaf godhe mara qaabadhuutii, naaf arjoom.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Economic Crisis and Social Justice

  • The Jewish community faced simultaneous economic pressures, including famine, imperial Persian taxation, and interest-bearing loans issued by wealthy countrymen. To survive and pay royal taxes, poorer families mortgaged their fields and vineyards and were forced to surrender their sons and daughters into debt slavery to fellow Jews.Sources: the Bible text itself
  • To seal the agreement to cancel debts and restore seized property, Nehemiah had the nobles swear an oath before priests and performed a symbolic gesture by shaking out the folds of his robe. This dramatized the consequence that anyone breaking the pledge would be emptied out of their house and property by God.Sources: the Bible text itself
  • Nehemiah served as governor in the land of Judah for twelve years, from the twentieth to the thirty-second year of the Persian king Artaxerxes. During this tenure, he declined the customary governor's tax allowance of food, wine, and forty shekels of silver to relieve the struggling populace, while hosting 150 officials and foreign guests at his own expense.Sources: the Bible text itself · Artaxerxes

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.