Nehemiah 2
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Nahimiyaan Gara Yerusaalemii Dhaqe
1Artashaastaan mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, ji'a «Niisaan» jedhamu keessa, yennaa daadhiin woyni'ii isaaf qophootte, ani daadhii woyni'ii fuudhee mootichaaf kenne. Ani duraan isa duratti gaddee hin beekuuyyu. 2Maarre mootichi, «Ati adoo hin dhibamin, maaf gaddite? Kun gadda gadha'aa ti malee, waan dhibi'ii moti» naan jedhe.
Achiin duuba ani guddoo sodaadhee, 3mootichaan, «Mooticha, bara baraan jiraadhu! Yennaa qachaan, addeen abbootiin tiyya itti awwaalamane diigamu, balbalti isaa duudiille ibiddaan gubattee baddu, ani maaf hin gaddine ree?» jedheen. 4Achiin duuba mootichi, «Maan akka sii godhu barbaadda ree?» naan jedhe. Maarre ani Waaqa ol-gubba'aa daadimadhee, 5mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, ani tajaajilaan keeti si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, qachaa abbootiin tiyya itti awwaalamane san deebisee akka ijaaru, gara lafa Yihuda'aa akka na ergitu barbaada» jedheen.
6Achiin duuba mootichi, «Haga guyyaa meeqaa ideenta? Yoom deebita?» naan jedhe; mootichi ana ergiisaaf waan gammadeef, anille guyyaa meeqa akka deemu itti hime. Yennaa san giittiille isa bira teetteerti. 7Achiin duuba ani mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, haga Yihudaa gewutti nageyaan akka na dabarsanu, bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaatiif xalayaa naa barreessi; 8karra dalleya Galma Waaqaatiif, balbala dalleya qacha'aatiif, mana ani keessa le'ulle'eef muka gugurdaa akka naa kennuuf, Asaafii gongomaa mootumma'aa eegulle'eef xalayaa barreessii ajaji» jedhe. Waaqi waan na woliin jiruuf, mootichi waan ani gaafadhe mara naa kenne.
9Achiin duuba mootichi qondaaltota loltootaatii fi abbootii fardaa na woliin erge; anille gara worra bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaa dhaqee, xalayaa mootichaa itti kenne. 10Namichi qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, nami tokko Israa'elootaaf waan dansaa hujiisaaf akka dhufe yennaa dhage'ane, akka malee aarane.
Nahimiyaan Deddeemee Dalleya Ilaale
11Maarre ani Yerusaalem dhaqee, guyyaa sad achi ture. 12Achiin duuba ani namoota diqqaa tokko woliin halkaniin ka'e; Yerusaalemiif akka ani hojjadhu waan Waaqi gadhaa kiyya keessa keye nama tokkolle'etti himee hin jiruuyyu. Geejjibi ani fudhadhee deeme geejjiba irra tee'e qofa. 13Ani halkaniin karaa karra dhooqaa bayee madda jawwe'ee dabaree karra kosi'ii dhaqe; dalleya Yerusaalemii ka diigamee fi karra isi'ii ta ibiddaan gubattee badde ilaale. 14Achiin duuba gara karra madda bisaaniitii fi baleessa mooti'ii dhaqe; ammoo geejjibi ani irra tee'eeru karaa dabaru dhabe. 15Maarre ani halkaniin dalleya ilaalaa karaa dhooqaa ol baye. Achiin duuba duubatti deebi'ee, karra dhooqaa seenee deebi'ee gale. 16Qondaallan eessa akka ani dhaqeeru yookiin maan akka ani hujiisatti jiru hin beenne; Yihudootatti, hayyootatti, worra gugurda'atti, qondaaltota, namoota dhibii worra hujii huju'uu jirulle'etti hin hinne.
17Achiin duuba ani isaaniin, «Rakkinna nuuti keessa jirru isin hin dhaggitan; Yerusaalem jiddeerti; karri isi'iille gubatteerti; tanaaf haganaa achi akka hin salphanneef, kowa'a dalleya Yerusaalemii deebinnee ijaarra» jedhe. 18Anille Waaqi attam akka na woliin jiraatee na qarqaaree fi jecha mootichi naan jedhelle isaanitti hime. Achiin duuba isaan, «Deebinnee ijaariisa jalqannuu ti!» jedhane. Maarre isaan hujii dansaa tana jalqabiisaaf qophowane. 19Nami qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, Geshemiin arabichille waan nuuti karoorfanne yennaa dhage'ane ammoo, busheeshanee, nu qaanessanee, «Wonni isin hujiisatti jirtanu kun maan inni? Isin mooticha finqiliisaan mormiisatti jirtanii?» jedhane. 20Achiin duuba ani deebisee, «Waaqi ol-gubba'aa nu hin milkeessa; nuuti tajaajiltooti isaa kaanee ijaariisa hin jalqanna; isin ammoo Yerusaalem keessaa qooda yookiin waan nu'uuf te'a jettanu yookiin haqa dabarsi'ii hin qaddanu» jedheen.
Did you know?
Nehemiah Inspects the Broken Walls
- The Persian ruler who granted Nehemiah permission to rebuild Jerusalem was King Artaxerxes, widely identified as Artaxerxes I Longimanus. The king provided Nehemiah with armed escorts and official letters authorizing safe passage across the Euphrates and timber from Asaph, the keeper of the royal forest.Sources: Artaxerxes · Asaph · the Bible text itself
- To survey the damage without alarming the local population or regional officials, Nehemiah conducted a secret night inspection of Jerusalem. Riding a single mount past landmarks such as the Valley Gate, the Dung Gate, and the Serpent Well, he found rubble so dense that his animal could not pass.Sources: Dung Gate · Dragon Spring · the Bible text itself
- The rebuilding project faced immediate opposition from neighboring regional leaders: Sanballat, who held authority in Samaria; Tobiah, an Ammonite official; and Geshem, a leader among the Arabs. They mocked the initiative and accused Nehemiah of staging a rebellion against the Persian crown.Sources: Sanballat · Tobiah · Geshem · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Beyond the River · 31.777, 35.234 · verses 7, 9
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 11, 12, 13, 17, 20
- Dung Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 13
- Fountain Gate · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 14
- Siloam · Today: Pool of Siloam · 31.771, 35.235 · verse 14
- Kidron · Today: Kidron River · 31.780, 35.240 · verse 15
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org