Mark 16
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Yesuus Du'aa Ka'e
1Guyyaan Sanbataa dabareeruun duuba, Maariyaamiin qachaa Magdala'aa, Maariyaamiin haati Yaaqoobii, Saloomeelle dhaqanee nafa Yesuusii issiisaaf fiqiree bitane. 2Isaan guyyaa Dilbataa barii halkaniin, yennaa aduun baatu, gara boolla awwaalaa dhaqane. 3Isaan kara'atti, «Eennutti afaan boolla awwaalaa irraa dhakaa nu'uuf gangalchaa?» woliin jedhane. 4Ammoo yennaa itti hiiqanee ilaalanee dhakaan guddaan bineensi sun duruu irraa garagalfameeruun dhaggane. 5Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.
6Inni ammoo, «Hin rifatina'a! Isin Yesuusii Naaziretii ka fannifame barbaaddan. Inni ka'eera; as hin jiru. Addee isa keyane kunoo ilaala'a! 7Amma deema'aatii, barattoota isaatii fi Pheexroositti, ‹Inni isiniin dura Galiilaa dhaqa; akkuma isinitti hime achitti isa hin dhaggitan› jedha'aa hima'a» isaaniin jedhe.
8Maarre dubartooti naasu'uun bararaqanee, boolla awwaalaa keessaa bayanee baqatane. Isaan waan sodaataneeranuuf eennulle'etti womaa hin dubbanne.
Yesuus Maariyaamii Qachaa Magdala'aatitti Mudhate
[ 9Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Maariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate. 10Isiin gara worra duri isa woliin jiranuu, ka guddoo bowiisatti jiranuu dhaxxee hinte. 11Isaan Yesuus hin jira jechuu isi'iitii fi akka isa dhaggitelle yennaa dhage'ane hin dhugeeffanne.
Yesuus Barattoota Lamaanitti Mudhate
12Eegii san Yesuus, barattooti lamaan qachaa keessaa bayanee adoo ideemiisatti jiranuu akka dhibi'iin itti mudhate. 13Isaan deebi'anee worra kaanitti waan kana yennaa himane, isaan ammoo hin dhugeeffanne.
Yesuus Barattoota Kudhanii Tokkotti Mudhate
14Eegii san Yesuus, barattooti kudhanii tokko adoo areerratiisatti jiranuu itti mudhate. Sababa isaan dhugeeffannaa dhabanee fi worra du'aa ka'iisa isaa dhaggane dhugeeffatiisa dhabiisaan mataa jabaataneef, inni isaan dheekkame. 15Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa'aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba'a. 16Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama. 17Worri natti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan; 18Yoo dhudhuufaa harkaan qabanee ol fuudhane, yookiin yoo waan nama ijjeesu unanelle isaan hin miidhu; worra fayyaa hin qanne irra harka ifii yoo keyane, worri sunille hin fayya» isaaniin jedhe.
Yesuus Gara Ol-gubba'aa Deebi'e
19Goottaan Yesuus isaan woliin dubbateen duuba, gara ol-gubba'aa fudhatamee, mogguu midda Waaqaatitti tee'e. 20Achiin duuba barattooti bayanee, addee duudii dhaqanee Oduu Gammadaa lallabane; Goottaan isaan woliin hojjatee baasota hojjatanteen lallaba isaanii mirkaneesse.]

Did you know?
The Empty Tomb and the Risen Jesus
- When the Sabbath was over, Mary Magdalene, Mary the mother of James, and Salome bought spices so they could anoint Jesus’ body, and they went to the tomb just after sunrise. Salome was the wife of Zebedee and the mother of James and John; she had witnessed the crucifixion and was present with the other women at the tomb.Sources: the Bible text itself · Salome
- The name Mary Magdalene comes from Magdala, her birthplace, and was used to distinguish her from the other Marys of the Gospels. Easton's Bible Dictionary (1897) notes that a mistaken notion has identified her with the woman called a sinner in Luke 7. This chapter says that Jesus had driven seven demons out of her and that, after he had risen, he appeared first to her.Sources: Mary Magdalene · the Bible text itself
- A young man in the tomb calls Jesus “the Nazarene” and tells the women that he is going ahead of the disciples into Galilee, where they will see him. Nazareth, the home of Joseph and Mary, is not mentioned in the Old Testament; its name is generally supposed to be the Greek form of the Hebrew netser, “shoot” or “sprout,” though some connect it with the hill behind the town and the Hebrew notserah, “one guarding or watching.” Galilee means “circuit,” and because it long remained occupied by its original inhabitants it came to be called “Galilee of the Gentiles.”Sources: the Bible text itself · Nazareth · Galilee
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Nazareth · 32.702, 35.298 · verse 6
- Galilee · 32.760, 35.527 · verse 7
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 12
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org