Nations Bible

Mark 13

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Yesuus Diigamiisa Galma Waaqaa Dubbate

1Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisa'a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa'a!» jedhe. 2Yesuus, «Ati ijaarsa gugurdaa kana dhaggitaa? Isaan maraa hin diigaman; tokkochi isaaniille wol irratti hin hafanu» jedheen.

Beessisa Bara Muumme'ee

3Yesuus gaara Ejersaa gubba'aa gara Galma Waaqaa gamatti garagalee tee'uun Pheexroos, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indiryaas qofitti gara isaa dhufanee, 4«Nutti himi, wonni kun yoom teeti? Wonni kun mara te'iisaaf beessisi te'uuf jiru maan?» jedhanee gaafatane.

5Yesuus isaaniin, «Eennulle akka isin hin dokonkorsine ifi eeggadha'a! 6Namooti hedduun, ‹Ani Kiristoos› jedhaa maqaa kiyyaan hin dhufan; namoota hedduulle hin dokonkorsan. 7Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti. 8Gosi gosatti, mootummaan mootumma'atti hin kaati; latti addee heddu'uun hin tachooti; beeltille hin teeti. Ammoo kun akka ciniinsuu jalqabaa ti.

9«Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka naaf dhugaa teetanu, naaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan. 10Ammoo muummeen dhufiisaan dura, Oduun Gammadaa kolbaa maraaf lallabamuu qaddi.

11«Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‹Maan dubbanna laati?› jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti. 12Obboleessi obboleessa, abbaalle ilma gara du'aa dabarsee hin kenna. Ijoolleen worra ifiititti kaatee hin ijjeesisiitti. 13Nami martinuu sababa kiyyaaf isin jibba. Haga muumme'ee ka ossatu ammoo hin fayya.

Farra Badi'ii

14«Isin, ‹Farra badi'ii› addee dhaabbatu'uu hin malle dhaabbatuun hin dhaggittan; kana ka dubbisu hubatuu ti. Worri Yihudaa keessa jiru gara gaarotaa baqatuu ti. 15Nami mana gubbaa jiru, gad bu'ee mana seenee, wo fudhatiisaaf yennaa hin dabarsin. 16Nami fichaa keessa jiru, woya'aaf gara manaa hin deebi'in. 17Guyyooti sun dubartoota ulfaatii fi hoosisaatiif attam sodaachisa'a! 18Wonni kun ganna keessa akka hin teene daadimadha'a! 19Guyyooti sun guyyoota rakkinni hamaan itti te'u. Rakkinni akkasii yennaa Waaqi biyyaa lafaa dadeen jalqabee haga ammaatitti ijjumaa te'ee hin beeku. Deebi'eelle hin te'u. 20Adoo Goottaan guyyaa san gabaassuu dhabaatee, nami tokkolle hin hafu. Kolbaa ifii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaasse.

21«Yennaa san eennulle isiniin, ‹Ilaala'a! Kiristoos as jira!› yookiin ‹Ilaala'a! Achi jira!› yoo jedhe itti hin dhugeeffatina'a. 22Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan. 23If eeggadha'a! Ani dursee waan maraa isinii himeera.

Dhufiisa Ilma Namaa

24«Guyyootuma san keessa, yennaa rakko'oo saniin duuba, aduun hin dukkanti; jiinille deebi'ee hin ifu. 25Urjooti ol-gubbaa irraa hin harcaati; hunni ol-gubba'aa hin raafanti. 26Achiin duuba Ilmi Namaa, hunna guddo'oo fi ulfinnaan duumensa keessa dhufuun dhaggitan. 27Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa wolitti qaban.

Barumsa Muka Harru'uu

28«Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a. Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan. 29Akkasuma isinille wonni kun teetuun yoo dhaggitane, akka inni balbalatti dhiyaate hin beettan. 30Ani dhugumaan isinitti hima; wonni kun maraa haga teetutti dhalooti amma jiru kun hin taru. 31Ol-gubba'aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru.

Guyyaa Yookiin Yennaa San Eennulle Hin Beeku

32«Guyyaa san yookiin yennaa san eennulle hin beeku. Abbaa malee, ergantooti ol-gubba'aalle hin beekanu; Ilmille hin beeku. 33Yennaan yoom akka teete isin waan hin beenneef ifi eeggadha'a! Dammaqa'a. 34Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaatti. Inni tokko tokkoofuu waan hujanu kennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja. 35Maarre, abbaan manaa galgala yookiin halkan hoxxeessa, yookiin iyya lukku'uu, yookiin barii dhufuu isin waan hin beenneef dammaqa'a! 36Dedhuma yoo dhufe rattaneertanuun me isin dhagguu ti. 37Ani waan isiniin jedhu nama maraanuu jedha. Dammaqa'a!» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The fall of the temple and the call to watch

  • As Jesus left the temple, a disciple pointed to its magnificent stones and buildings, and Jesus said that not one stone would be left on another; every one would be thrown down. He was sitting on the Mount of Olives opposite the temple. The Mount of Olives is a ridge east of Jerusalem, named for the olive trees clothing its sides and separated from the city by the Kidron valley.Sources: the Bible text itself · Mount of Olives
  • Peter, James, John, and Andrew asked Jesus privately when the great buildings would be thrown down and what sign would show that this was about to be fulfilled. Andrew was Peter’s younger brother; both were fishermen from Bethsaida. James, the elder brother of John and a son of Zebedee and Salome, was a fisherman in partnership with Peter.Sources: the Bible text itself · Simon Peter · Andrew · James (Son of Zebedee)
  • Jesus said that when the abomination of desolation was seen standing where it should not be, those in Judea should flee to the mountains: no one on the housetop should go back inside for anything, and no one in the field should return for a cloak. In the time of Christ, Judea was the southernmost of the three divisions of Palestine, distinguished from Galilee and Samaria; under the Romans it was part of the province of Syria and included the territories of Judah, Benjamin, Dan, Simeon, and part of Ephraim.Sources: the Bible text itself · Judea

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Mount of Olives · 31.778, 35.246 · verse 3
  • Judea · Today: Judea 1 · 31.777, 35.234 · verse 14

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.