Mark 11
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Yesuus Ulfinna Gudda'aan Yerusaalem Seene
1Isaan akkuma Yerusaalemitti dhikaataneen, Betfaage'ee fi Bitaaniya'atti, gaara Ejersaa bira geyane. Yesuus barattoota ifii keessaa nama lamaaniin, 2«Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a; akkuma achi geettaneen ilmayyoo harre'ee mandiida hidhameeruun hin dhaggitan; hiika'aatii as fida'a. 3Eennulle ‹Maaf hiittan?› jedhee yoo isin gaafate, ‹Gootta'atti barbaada; inni adoo hin turin hin deebisa› jedha'aan» jedhee erge.
4Maarre isaan dhaqanee, ilmayyoo harre'ee balbala takka duratti, karaa qarqaratti hidhameeruun dhaggane. Adoo isaan hiikiisatti jiranuu, 5worra achi dhaabbataneeranu keessaa namooti gariin, «Maaf ilmayyoo harre'ee hiittan?» jedhanee isaan gaafatane. 6Barattootille waan Yesuus jedhe isaanitti himane; isaanille lakkisane. 7Barattooti ilmayyoo harre'ee gara Yesuusii fidanee, woyaa ifii harree irra buusane; innille irra tee'e. 8Nami hedduun uffana ifii, worri dhibiin dameelee baalaa raaqaa caccassanee karaa irratti afane.
9Worri dura ideemanuu fi worri duubaan hordofanu, «Hosaa'inaa! maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! 10Mootummaan abbaa keenna Daawitii ta dhuttu ta eebbifante! Ol-gubba'atti Hosaa'inaa!» qoonqoo guddo'oon jedhane.
11Yesuus Yerusaalem geyee, Galma Waaqaa dhaqee, waan adaala sanii mara ilaale. Ammoo waan dhiiteertuuf barattoota ifii kudhanii lamaan wolii gara Bitaaniya'aa dhaqe.
Yesuus Muka Harru'uu Tokko Abaare
12Guyyaa lammeesso'oo yennaa isaan Bitaaniya'aa deebi'anu Yesuus beelaye. 13Inni harruu urruuba takka fago'otti dhaggee, midhaan irraa dhaggadhaa laati jedhee, ilaaliisaaf dhaqe. Ammoo inni yennaa isii bira geye, yennaan sun yennaa harruun midhaan buuttu waan te'uu dhabeef, baala malee waan tokkolle irraa dhabe. 14Maarre Yesuus harruu saniin, «Eennulle ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin nyaatin!» jedhe. Barattooti isaalle waan inni jedhe kana dhage'ane.
Yesuus Gara Galma Waaqaa Dhaqe
15Yennaa isaan Yerusaalem geyane, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee, worra Galma Waaqaa keessatti wo bituu fi gurguratu mara gad yaase. Inni Xarapheessaa worra birrii jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garaggaggalchee, 16eennulle dalleya Galma Waaqaa keessa meya tokkolle ba'atee akka hin qaxxaamurre dhoogge. 17Achiin duuba inni, « ‹Manni kiyya gosa maraafuu mana daadimataa te'a› jedhamee barreeffameera. Isin ammoo goda hattuun itti dhokattu tolchitane» jedhee kolbaa barsiise.
18Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, waan Yesuus jedhe dhage'anee, mala isa ittiin ijjeesanu barbaadiisatti ka'ane. Waan gumiin barsiisa isaa akka malee baaseffatteertuuf, isaan isa sodaatane.
19Galgala san, Yesuusii fi barattooti isaa qacha'aa bayane.
Gogiisa Muka Harru'uu
20Guyyaa lammeesso'oo ganama, adoo karaa san dabaranuu, harruun hidda isi'ii mara woliin goddeertuun dhaggane. 21Pheexroos waan Yesuus harru'uun jedheeru qaabatee, «Barsiisa'a, ilaali! Harruun ati abaarte goddeerti» Yesuusiin jedhe.
22Yesuusille deebisee, «Waaqatti dhugeeffadha'a. 23Dhugumaan isiniin jedha; eennulle gadhaa ifiititti adoo hin mamin gaara kanaan, ‹Asii ka'iitii, gara abbaaya'aa ifi darbi!› yoo jedhe, wonni inni jedhulle akka teetuuf yoo dhugeeffate, wonni sun isaaf hin teeti. 24Tanaaf ani isinitti hima; yennaa daadimattanuu fi waan tokko gaafattanu, akka fudhattaneetitti dhugeeffadha'a; wonni gaafattanu mara isiniif hin kennama.
25«Yennaa daadimatiisaaf kaatanee dhaabbattanu, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan akka isinii araaramu, eennulle irratti quuqaa yoo qabaattane araarama'a. [ 26Ammoo yoo isin namaa araaramuu diddane, abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa keessan isinii hin araaramu]» jedhe.
Gaaffii Marroo Baallii Yesuusii
27Isaan ammalle Yerusaalemitti deebi'ane. Yesuus Galma Waaqaa keessa adoo deddeemuu, sooreyyii hayyootaa, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi jaarsoleen gara isaa dhufanee, 28«Waan kana mara tolchiisaaf baallii maanii qadda? Waan kana mara akka tolchituuf eennutti baallii tana si'iif kenne?» jedhane.
29Yesuus deebisee, «Ani waan tokko isin gaafadha; yoo naaf deebittane, anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hima. 30Yohaannis akka cuuphuuf baallii eennutti kenneef? Waaqa mo'o nama? Me naaf deebisa'a!» isaaniin jedhe.
31Isaan wol mormanee, «Waaqa yoo jenne, ‹Maaf dubbii Yohaannisii dhugeeffata diddane ree?› nu'uun jedha; 32‹Nama jennuu ree?› » jedhane. Nami mara Yohaannis akka dhugumaan raagichaatitti waan fudhateeruuf, kolbaa sodaatane. 33Tanaaf isaan Yesuusiin, «Nuuti hin beennu» jedhane. Yesuus deebisee, «Maarre anille baallii maaniitiin waan kana mara akka tolchu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.
Did you know?
Entering Jerusalem
- This chapter opens as Jesus and his disciples approach Jerusalem and come to Bethphage and Bethany at the Mount of Olives. Bethany was a village on the south-eastern slope, about two miles east of Jerusalem on the road to Jericho, and its name came from the number of palm trees that grew there; Bethphage, very close by, was the limit of a Sabbath day’s journey from the city, 2,000 cubits. The Mount of Olives is named for the olive trees clothing its slopes: a ridge east of Jerusalem, separated from it by the Kidron valley.Sources: the Bible text itself · Bethany · Bethphage · Mount of Olives
- The name Bethphage means “house of the unripe fig.” The next day, after they had left Bethany, Jesus was hungry and went to a fig tree in leaf, but found nothing on it except leaves, since it was not the season for figs; he said that no one would ever eat of its fruit again. The next morning they saw the tree withered from the roots, and Peter pointed it out.Sources: the Bible text itself · Bethphage
- Jesus sat on a colt while many in the crowd spread cloaks on the road and others spread branches cut from the fields. Those ahead and those who followed shouted, “Blessed is the coming kingdom of our father David!” David, whose name means “beloved,” was the eighth and youngest son of Jesse, a citizen of Bethlehem. The Mount of Olives is first mentioned in connection with David’s flight from Jerusalem during Absalom’s rebellion.Sources: the Bible text itself · David · Mount of Olives
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org