Nations Bible

Micah 6

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Mootiin Waan Maraa Israa'el Irratti Ka'e

1Waan Mootiin Waan Maraa jedhu dhage'a'a: Ka'a'a, haajaa keessan gaarota duratti dhikeeffadha'a; kooboti waan isin jettanu dhage'anuu ti. 2Ee gaarota, himannaa Mootiin Waan Maraa dhikeessu dhage'a'a; isinille hundeen lafaa caqasa'a. Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii haajaa ittiin himatu qaba; inni Israa'el hin himata.

3Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa tiyya, ani maan isin godhe? Ani attamiin ba'aa isinitti te'e? Deebii naaf kenna'a. 4Ani biyya Gibxi'ii keessaa isin baase; garbummaa jalaa isin wodeera. Muuseen, Aaronii fi Miiriyaam akka isin sooressanu ergeera. 5Kolbaa tiyya, waan mootiin Mo'aabii Balaaqi isin irratti mala dhowe, waan ilmi Be'orii Bala'aam isaaf deebiselle qaabadha; hujii tiyya balchittii akka beettanuuf, addee ‹Shiixiim› jedhantuu haga qachaa Giilgaliititti waan te'elle qaabadha'a» jedha.

6Ani maan qabadhee fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaadhee, Waaqa ol-gubba'aa duratti sagadu ree? Kennansa gubamuu fi jabbilee woggaa tokkoo qabadhee fuula isaa dura dhikaadhuu ree? 7Mootiin Waan Maraa korbeeyyii hoole'ee kumatti, zayitii ejersaa laga bisaanii kuma kudhan ta geettutti hin gammadaa? Sababa yakkaa tiyyaatiif, ilma kiyya angaficha, cubbuu lubbuu tiyyaatiif, uumaa gudeeda kiyyaa ciincaa dhikeessuu ree? 8Ee nama, Mootiin Waan Maraa waan dansaa sitti mudhiseera. Mootiin Waan Maraa maan si irraa barbaada? Haqa akka hujjuuf, marartii akka jaalattuuf, gad ifi qabiisaan Waaqa keeti woliin akka ideentuufii motii ree?

Waaqi Worra Sobuu Fi Ka Hunnaan Nama Irratti Ka'u Hin Adaba

9Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma'a; Caqasa'a! Mootiin Waan Maraa, kolbaa qachaa keessaa waamee, «Ulee adabbi'ii qaabadha'a. Ka isii qopheesseelle yaadadha'a. 10Isin worri hamooleen, qabeenna keessan ka hammeennaa guurattane, waan ittiin safaranu ka sobaa, ka abaarame san hin dedhaa ree? 11Nama madaalli'ii fi waan ittiin safaranu ka sirriin hin te'in subbatti qabatu cadhiseetuma lakkisaa ree? 12Dureeyyiin qacha'aa hunnaan nama irratti kaati; kolbaan qacha'aa dhara dubbatti; arrabi isaanii soba dubbata. 13Tanaaf, ani isin balleessa; sababa cubbuu teessaniitiif, ani isin diiga. 14Isin hin nyaattan ammoo hin quuttanu; gadhaan keessan haga ammaa duwwa'a; waan isin kuufattane shallaaga'aaf waan kennuuf, hin tuulattan ammoo isiniif hin kuufamu. 15Hin facaattan ammoo hin haammattanu; zayitii ejersaa hin miiccan ammoo hin dibattanu; midhaan woyni'ii hin cunfitan ammoo daadhii woyni'ii hin untanu. 16Isin aadaa Omirii mootichaatii fi waan maatiin Ahaabii mootichaa goote mara eegattaneertan. Tanaaf, ani badi'iif dabarsee isin hin kenna; kolbaan teessanille hin salphatti; gosi biyya adda addaa isinitti murgiti» jedha.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Lord's Lawsuit and True Requirements

  • The chapter opens as a legal covenant dispute where God calls the mountains and foundations of the earth to stand as witnesses against Israel. God reminds the people of his faithfulness in delivering them from Egypt under Moses, Aaron, and Miriam, and protecting them from Balak of Moab through Balaam during their journey from Shittim to Gilgal.Sources: the Bible text itself · Miriam · Balak · Balaam
  • The text contrasts extreme outward sacrifices—such as offering thousands of rams, torrents of olive oil, or even child sacrifice—with what God genuinely requires. True devotion is defined simply as acting justly, loving mercy, and walking humbly with God.Sources: the Bible text itself
  • Micah denounces urban economic injustice, explicitly condemning dishonest merchants who used false weights, deceptive scales, and short ephahs. He warns that following the corrupt statutes and practices associated with northern kings Omri and Ahab will bring devastation and public contempt.Sources: the Bible text itself · Omri · Ahab

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Egypt · 30.129, 31.308 · verse 4
  • Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verse 5
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 9

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.