Nations Bible

Matthew 7

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Namatti Muriisa

1Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina'a. 2Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille'eef safarama.

3«Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne? 4Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, ‹Huura ila teeti keessaa sii fuudha› attam jedhuu dandeetta? 5Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta.

6«Waan Waaqaaf male sarootaaf hin kennina'a; isinitti garagalanee isin ciniinan. Dooqa keessan ka gatii guddoo qabulle booyyota dura hin buusina'a; isaan miilaan irra sirban» jedhe.

Gaafadha'a, Barbaada'a, Dhodhowa'a

7Yesuus itti dabalee, «Gaafadha'a, isiniif hin kennanti; barbaada'a, hin dhaggattanille'e; balbala dhodhowa'a isiniif hin bananti. 8Ka gaafatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti. 9Isin keessa ilmi isaa daabboo yoo gaafate, ka dhakaa kennuuf eennu? 10Yookiin qurxummii yoo gaafate, dhudhuufaa hin kennaafii? 11Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa gaafatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!

12«Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha'a: Seerri Muuse'eetii fi raagoti kanuma barsiisan.

Karra Dhiphoo

13«Karra dhipho'oon seena'a! Karaan gara badi'ii geessu badha'a; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu'u. 14Karaan gara jiru'uu geessu ammoo qadha'aa; karrille dhiphoo waan teeteef, worri karaa jiru'uu san dhaggatu diqqa'a» jedhe.

Mukaa Fi Midhaan Isaa

15Yesuus itti dabalee, «Raagota dharaa irraa ifi eeggadha'a; isaan gubbaa irra hoolota fakkaatanee, gara keessan dhufan; keessi isaanii ammoo yayyii isin butattu. 16Midhaan isaaniitiin isaan beettan. Midhaan woyni'ii kom'olcha irraa, midhaan harru'uu waaccuu irraa hin guuranu. 17Akkasuma, muki dansaan midhaan dansaa, muki hamaan midhaan hamaa buusa. 18Muki dansaan midhaan hamaa buusuu hin dande'u; yookiin muki hamaalle midhaan dansaa buusuu hin dande'u. 19Muki midhaan dansaa hin buunne martinuu muramee ibiddatti gatama. 20Tanaaf midhaan isaaniitiin raagota dharaa beettan» jedhe.

Ani Ijjumaa Isin Hin Beeku

21Yesuus, «Fedhii Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu ka hujutti mootummaa ol-gubba'aatitti gala malee, ka, ‹Gootta'a, Gootta'a› jedhee na waamu marti hin galu. 22Guyyaa mura'aa san, namooti hedduun, ‹Gootta'a, Gootta'a! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin durriisota hin baannee? Maqaa keetiin baasota hedduu hin hunyee?› anaan hin jedhan. 23Ani ammoo, ‹Ijjumaa isin hin beeku. Isin worra dabaaleyyi'i; ila tiyya duraa deema'a!› jedhee ifatti isaanitti hima» jedhe.

Jara Lamaan Mana Ijaartu

24Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta. 25Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sun ammoo rassaa irratti waan ijaarameeruuf hin jinne.

26«Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra hin oolchine namicha gowwaa mana ifii maansa irratti ijaarrate tokko fakkaata. 27Bokkeenni roobee, lolaan lola'ee, bubbeen bubbittee mana san dhiidde. Manni sunille jigee akka malee butute» jedhe.

Baallii Yesuusii

28Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, gumiin barsiisa isaatitti baaseffatte. 29Inni akka barsiisota isaanii ta Seera Muuse'ee adoo hin te'in, akka nama baallii qabuu tokko isaan barsiise.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Judgment, the narrow way, and a firm foundation

  • The event record dates the start of the Sermon on the Mount to AD 28 and its duration to one day. This chapter ends as the crowds are astonished at Jesus’ teaching, because he taught as one who had authority, and not as their scribes.Sources: Sermon on the Mount · the Bible text itself
  • Jesus warns that the judgment a person pronounces, and the measure that person uses, will be turned back on them. He pictures someone who notices a speck in a brother’s eye yet misses a beam in their own, and he says the beam must be removed first.Sources: the Bible text itself
  • The chapter calls doing to others as you would have them do to you the essence of the Law and the Prophets. It contrasts a wide gate and broad way that leads to destruction, which many enter, with a small gate and narrow way that leads to life, which few find, and it compares hearing these words and acting on them to a house built on rock rather than on sand.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.