Nations Bible

Matthew 28

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Yesuus Du'aa Ka'e

1Sanbati dabareen duuba, Dilbata barii halkaniin, Maariyaamiin qachaa magdala'aatii fi Maariyaamiin tuun boolla awwaalaa ilaaliisaaf dhaqane. 2Ergamaan Gootta'aa ol-gubbaa irraa gad bu'ee, dhufee dhakaa boolla awwaalaa irraa gangalchee waan irra tee'eef, dedhuma tacho'i lafaa guddaan te'e. 3Bifi isaa akka balaqqeetti'ii, woyaan isaa adii akka dhakaa roobaa ti. 4Worri eegu ergamaa Gootta'aa waan sodaateef hollatanee akka nama du'ee te'ane.

5Ergamaan Gootta'aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina'a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka. 6Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du'aa ka'eera. Addee reeffi isaa keyame kowa'aa ilaala'a. 7Amma ariifadha'aatii deema'aatii, ‹Inni du'aa ka'eera, amma isiniin dura gara Galiila'aa dhaqa; isin achitti isa hin dhaggitan› jedha'aatii barattoota isaatitti hima'a. Kunoo, ani isinitti himeera» jedhe. 8Maarre dubartooti soda'aa fi gammada gudda'aan ariifatanee boolla awwaalaa keessaa bayanee, barattoota isaatitti himiisaaf rukkisane.

9Dedhuma Yesuus isaaniin wolde'ee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. Isaanille itti hiiqanee, miila isaa qabatanee, isaaf sagadane. 10Achiin duuba Yesuus, «Hin sodaatina'a; gara Galiila'aa akka dhaqanu obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa hima'a; isaan achitti na dhaggan» isaaniin jedhe.

11Dubartooti adoo karaa irra jiranuu, worra boolla awwaalaa eegu keessaa gariin gara qacha'aa dhaqanee waan te'e mara sooreyyii hayyootaatitti himane. 12Sooreyyiin hayyootaa jaarsolee kolba'aa woliin wolitti dacha'anee mari'atanee, beesee guddoo loltootaaf kennanee, 13«Isin, ‹Barattooti isaa adoo nuuti rafiisatti jirruu halkan dhufanee reeffa isaa hatanee deemane› jedha'aa kolba'atti hima'a. 14Bulchaan biyyaa yoo dubbii tana dhage'e, nuuti itti hinnee dubbii nyaachinnee, akka isin hin rakkannelle goona» jedhaneen. 15Maarre isaan beesee fudhatanee akkuma isaan jedhane godhane. Dubbiin tun haga guyyaa adhaatitti Yihudoota oddu'utti odeeffanti.

Yesuus Barattoota Ifiititti Mudhate

16Barattooti kudhanii tokko gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqane. 17Isaan yennaa isa dhaggane, isaaf sagadane; worri gariin mamane. 18Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubba'aa fi lafa irratti naaf kennanteerti. 19Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha'a. 20Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa'a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

The Resurrection and Galilee

  • Mary Magdalene, who went to the tomb at dawn with the other Mary, bears a surname derived from Magdala, the place of her birth, to distinguish her from the other Marys of the Gospels. A dictionary entry treats as mistaken the notion that she was the woman called a sinner in Luke 7.Sources: Mary Magdalene · the Bible text itself
  • The angel and then Jesus told the women that he was going ahead of the disciples into Galilee, and the eleven later went to a mountain there that he had designated. The Jews called the region Galil; because it long remained occupied by its original inhabitants, it came to be called Galilee of the Gentiles and also Upper Galilee, to distinguish it from an extensive addition later made toward the south, usually called Lower Galilee.Sources: Galilee · the Bible text itself
  • The chapter records that some of the guards reported to the chief priests what had happened, and that the chief priests, after meeting with the elders, gave the soldiers a large sum of money to say that the disciples came by night and stole the body while the guards were asleep. It adds that this account has been circulated among the Jews to this very day.Sources: the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Galilee · 32.760, 35.527 · verses 7, 10, 16

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.